Dubartiin Haadha, Obboleettiifi Haadha Manaati: Oromoon Dubartootaaf Kabajaa Guddaa qaba!!
Beekan Erena (http://beekanguluma.org)
Aadaafi Dubartoota
Dubartoonni caasaa hawaasaa keessaa tokkodha. Akkuma caasaa hawaasa tokkoottis gaheefi dirqama isaanii ba’uu keessatti bakka guddaa haa qabataniyyuu malee, sirnoota adda addaa addunyaan keenya keessa darbite keessatti, sadarkaa hawaasaa keessaa akka gadi antummaatti, ilaalamaa turaniiru. Biyya keenya keessattiis, jechootaafi mammaaksa xiinsammuu dubartootaa miidhuun akka hacuucamaa turantu himama. Waa’ee jechootaafi afoola xiinsammuu dubartootaa miidhan kana hayyuun Mutero Joy jedhamtu kitaaba ishee (Sunday Nation, july 11, 1999, p.16), jedhmau keessatti yoo ibsitu “…traditional folktale have had negative effect on the development of young girls as long as they condition the girls to accept the institution of marriage as the ultimate way of life…” Muteroon barruu ishee keessatti Afoolli keenya maaliif dubartoota gadi qaba jechuun falmiti. Uummanni Oromos, yeroon booda dhiibbaa biyyoota yookaan saboota ollaa kana qooddachuun, yaada gadi aantummaa dubartootaaf qabu calaqqisisuu haa eegalu malee, akka sabaatti Oromoon ilaachi dubartootaaf qabu daran guddaa akka ture kan agarsiisan immoo ragaalee hedduutu mul’ata. Continue reading
