SBO Amajjii 20,2017. Oduu, Ibsa HRW dhiheenya baase irratti gabaasa qindaa’ee fi yaada miseensota WBO Guyyaa W BO Giddugala Mooraa Leenjii ABOtti kabajame irratti kennatan kutaa xumuraa

Aside

What is your citizenship? Oromian or Ethiopian? 

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Amajii 17, 2017

Aside

Qophii Kaayyoo Amajjii 16/2017 Hoogganaa Qeerroo Bilisummaa irraa Ibsa ummataaf kenname.

Aside

Godina Wallaggaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti diddaan uummataa daran jabaachuurraan kan ka’e humni waraana komaandi poostii uummata magaalaa danbidoolloo goolaa jira

Aside

Amajjii 18,2017
Itti fufaGodina Qellemm Wallaggaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti diddaan uummataa daran jabaachuurraan kan ka,e humni waraana komaandi poostii uummata magaalaa danbidoolloo goolaa jiraachuun ibsamaa jira.Magaalattii keessattis erga tarkaanffiin basaastuuykn deeninnatii akkaan jabaa fi akka guutummaa oromiyaatti beekamaa kan ta,e yeroo heedduu dhiiga ilmaan oromoo magaalaa danbi doolloo keessa oliif gadi deemuun dhangalaasaa kan ture magaalicha keessatti humna ittisa uummataatiin kutaa magaalaa danbidoolloo 02 keessatti halkan keessaa naannoo sa,a 6:30 irratti akka ajjeefamee bo,oo lolaa keessatti argame.

Continue reading

SBO Amajjii 18,2017. Oduu, Guyyaa WBO Amajjii 1 kan bara 2017 ilaalchisuun miseensotnii fi deggertootni ABO Afrikaa Kibbaa Konyaa ABO Kepitawon Amajjii 15,2017 kabajan. Kana ilaalchisuudhaan miseensa G/S-ABO Jaal.Arbichoo A.Diimaa haasofsiisneerra; xumura irratti haasaa Guyyaa WBO Giddu gala Mooraa Leenjii ABOtti kabajame irratti haasaa miseensi G/S-ABO Jaal.Gaashoo Lammeessaa taasisantu dhihaata. SBOn Sagantaan Afaan Amaaraas itti aanee dhihaata.

Aside

Gaafii Ummataawaliin Dhahanii Bira Darbuuf Yaaluun  Essanuu Nama Hin Gahu!

Aside

Xumura Abbootii irree!

Baarentuu Gadaa Irraa

dami-doollooUmmanni rakkatu malee gaafii hin kaasu, hin lolu, miidhamu malees hin iyyatu, hin fincilu. Ummata miidhamee gaafii kaase ammoo sobuu fi sossobuudhaan yknis waliin dhahuudhaan itti fakkeessanii bira darbuun hin danda’amu. Gaafii ummata fincilee humnaan ukkaamsanii hanbisuunis akkasuma hin danda’amu. Ukkaamsaan  yoo badii dabalataa ida’e malee furmaatas ta’uu hin danda’u. ta’ees hin beeku.

Biyya hedduu keessatti, abbootiin irree hedduun ummata gaafii haqaa kaase, ummata mirga isaaf qabsaawe ukkaamsuuf yaalaniiru, hidhaniiru, ajjeesaniiru, dararaniiru. Biyya kam keessattuu garuu abbootin irree kun milkaawanii bara baraaf ummata gaafii kaase ukkaamsanii haangoo humnaan tikfachuuf abbalan sanirra hin turre. Ykn hin jiraanne.Yeroof waan humna qawweetiin gaafii ummataa ukkaamsanii hanbisan itti fakkaatee dhiittaa mirgaa sukanneessaa raawwatanis dhumarra ummataan injifatamaniiru. Baayyeen isaanii du’a badaniiru.  Xumurri isaanii akka hin taane ta’eera. Akka humna qabna jedhanii namatti taphatanitti itti taphatameera. Haangoo bololaniif sanis dhabaniiru, qabeenya hangoo harkaa qaban fayyadamanii saamanii horatanis osoo hin nyaanne nyaatamaniiru. ykn dirqamanii isa biraaf laataniiru. Continue reading

Wayyaanee TPLF Konkolaatota Oromiyaa Keessa Sosso’an Boba’aa Dhorkachuun Sochii Akka Hin Goone Taasisaa Jira.

Aside

Amajjii 17,2017

img_20090101_081906Mootummaan saamtuu fi murni bicuu Wayyaanee yeroo ammaan kana guutummaa golee Oromiyaa keessaa boba,aa konkolaataa dhowwachuudhaan konkolaattonni hunduu hojii dhaabuuf dirqamanii jiru.

Keessumaa torbee kana keessa godina Wallaggaa bahaa magaalaa naqamtee fi naannoo ishee keessaa guutummaatti mootummaan wayyaanee  boba,aa konkolaattota waan dhowwateef konkolaachistoonni heedduminaan mootummaa Abbaa irree wayyaanee balaaleffachaa jiran.Haa ta,uutii otuu kun kanumaan osoo konkolaattonni uummataa osoo hojii dhaabanii dhaabbatanii   konkolaattonni mootummaa garuu qophaatti boba,aan naannoo mooraa yuunversiitii Wallaggaatti guutamaafii akka jiru maddeen Qeerroo achirraa gabaasan.

TPLF “Nageenya Bu’uuraa Guddaa Buufne” jedhee ololuun tuffii mirga saboota Cunqurfamoof qabu muldhisa.

Aside

Amajjii 15,2017

WayyaanneeErga Labsiin Waraanaa Labsamee Asitti Qe’een Oromoo Bakkeewwaan Hedduutti Bohichaaf Watwaannaa Dhabee Kan Hin Beekne Ta’ee Utuu Jiruu Mootummaa Nageenya Biyyattiif Bu’uura Guddaa Buusee Jiraan Tuffii Guddaadha Jedhu Jiraattoonni Akka gabaasaan Qeerroo bakkeewwan hedduutii gabaasaa jirutti adeemsa Mootummaan Wayyaanee ittiin uummata Oromoo daguuguuf baafate kanaan lammiiwwaan kitillayyoota hedduu awwaalaa jiraachuu addatti tibba kana gaabaasaaleen Sagalee Qeerroo Bilisummaa dhaqqabaa jiran labsii murna bicuu wayyaanee jala haguuggachuun waraanni Uummatarratti bobbaafame rasasaan dhaanee uummata ajjeesaa akka jiru  keessattu uummata daangarra jiran hedduu irratti gaagaa’ama hamaa saatii dhaqqabsiisaa jirutti nageenya  du’ee jiruun nageenyi biyyatti deebi’eera jechuun hololli kadhaa biyyoota biroo irraa ittiin maallaqa sassaabachuuf banaamaa jiru kan tuffii ilma namaa ta’uufi duuti ilmaan Oromoo mootummaa burjaajoftuu Wayyaanee cinatti hanga du’a Hantuutaa itti dhagaa’amaa akka hin jirre raga baha. Continue reading

ደግነቱ ጆሮ አለመሙላቱ

Aside

Continue reading