Qophii Qanqee show Amajii 22, 2017 Gaafi fi deebi Artist Elemo Ali waliin

Aside

Wayyaanee TPLFn Finfinnee keessatti raafamni guddaan mudatee jira.

Aside

Amajii 22,2017

img_0976Sirna ayyaana cuuphaa hordoftoota amantaa Ortodoksii biratti haala hoo’aa fi adda taheen biyyattii keessatti kabajamu Wayyaneen akkuma isaaf hin hafne tahee yaaddoo guddaan qabamuu fi uummata amantaa kanaaf bahe shororkeessuuf yaales uummanni guddaan Oromiyaa fi magaala Finfinnee keessaa bahe wayyaaneen balaaleffatuun ayyaana isaa cinatti gaaffii abbaa biyyummaa qabatee as bahee jira.
Guyyaa lamaan kanaa asitti waranni mooraadhaa bahe meesha gurguddaadhaan konkolaataa guuttachuun Finfinnee  guutuu naanna’anaa bahan jala bultii ayyaanicha irraa kaasee tahuun ni mul’ata. Haala kanaan kaleessaaa fi har’as ganama irraa kaasee Finfinnee keessaa
dhukaasni bakka uummanni Oromoo itti heddummatutti dhaga’amaa jira kana malees magaalota oromiyaa gurguddaa keessatti haala wal dhiphisee kan uummanni dhaadannoo fi sirban qabsoo dhageesisuun ayyanicha kabajaa jiru tahuu isaa caasaan dhaabaa bakka jiruu gabaasa gochaa jira. Continue reading

FXG Mooraa Universtiy Wallaggaa Keessatti Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Aamajji 22,2017
Mooraa Yuunibarsiitii Walaggaa keessatti warraaqsi FXG dhohuun yaaddoo guddaa mootummaa ofiin bula biyyattii keessa galchee
jira.Galgala kana mooraa Yuunibarsiitichaa humni diinaa TPLF itti bobbaafamaa jiraachuullee dubbatu.
Haala kana sodaachuu mooraa Jimma Yuunibarsiitii keessa humna hidhatee socho’u bobbaasuun barataa doorsisuuf yaala jiraachuullee
dhagaa’ame.

=> Wallee Onee Goota Oromoo
Continue reading

Yunivarsiitii Arbaa Minci Keessati Erga Hiriira Baatan Jedhamuun Barattoota Oromoo 27 Hidhanii turan Keessaa 4 Barnoota Irraa Arihamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Aammajji 22,2017
Barruulee Qeerroon facaaseMormiin Oromiyaa keessatti ka’een wal qabatee barattoonni Yuunibarsiitoo hiirira mormii gaggeessitan jedhamuun Yunivarsiitooti Arbaa Minci kan kibba Itoophiyaa keessatti argamturraa barattoota danii hidhanii afur mana barnootaan ala gochuun isaanii ni yaadatama.Haa ta’uullee malee ammayyuu mirgi namoomaa nuu kabajamee kan jiraachaa hin jirree ol jennee ija keessa ilaaluuf qawween doorsifamuuf reebichi waan jutti danatuu haalli barachuu illee nutti ulfaatee jira.jechuun Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo ibsanii jiran.Adeemsi biyyattii keesatti qaroo uummata Oromoo barattoota Oromoorratti dalagamaa jiru akkaan nuffisiisaa saatii ta’e fincaan Tigireef jala deemtonnishee OPDOn kana booda nagaan baatee galuu akka hin qabnetti sochiin gama hundaan finiinuu qaba. Continue reading

Duulli Reebichaa Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Walloo Irratti Gartuu Waraana TPLFn Baname.

Aside

Amajji 22,2017
Because I am OromoOromiyaa bakkeewwaan hunda keessa akka barbaadan nyaatanii dhuganii,waan fedhan fudhatanii fedhan saamanii fandalaalaa utuu Oromiyaa keessa jiraatanii barattoota keenya barnootaaf manaa bahan biyya keenya keessatti barachuu hin qabdan jechuun duulli jabaan har’a barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Walloo keessaa baratan irratti kaafamuun barattoonni Oromoo baqatanii bahuuf illee haala ulfaata keessa seenanii jiran.”Baroota dheeraaf Yuunibarsiitii Walloo keessatti hanga barannee keessatti akka dhala namatti utuu hin taanee hamma lubbu qabiiyyee illee utuu mirgi keenya nuuf hin kabajamiin jechoota arraabaa isaanii baannee mataa gadi qabanner barachuuf hedduu yaalaa turre.

Continue reading