TNT World Insight: State of Emergency in Ethiopia – Part I, II

Aside

Continue reading

Ayyaana Sabaaf Sablammii Jechuun  Wayyaanee Mooraa Garaa Garaa Keesatti Karaarfatte Fashale

Aside

Mudde 10,2016
Holola dharaan uummata gowwomsuun akkuma duraa waan milkaahuuf itti fakkaachuun mooraa barnootaa olaanaa keessatti waamicha ayyaanaa Barattoota Oromoof gooteen barataan kamillee irraatti utuu hin argamin gartuu dabballoota TPLF qofa waliin kabajattee dabarsitee jirti.

Mooraawwan Qeerroon irratti argamuufii didan keessaa Mooraa,Wallagga Yuunibarsiitii,Mattuu Yuunibarsiitii,Jimmaa Yuunibarsiitii miidiyaa isaanii hololtuurraa illee Jalee OPDO kan ta’e guyyoo haasofsiisaa turan, haasaa kan taasisaan irraa qabee kannee waltajjii qophaa’e irratti argaman ilmaan Tigireef Goobanota Barataa basaasan qofa ture,Mooraa Haramayyaa keessattis barataan lagachuun dabarsee jira

SBO Mudde 11,2016. Oduu, Qophii haala yeroo irratti hundaawee fi walaloo

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Mudde 9, 2016

Aside

Gabaasaalee Oromiyaa Torbee Kana Keessaa

Aside

qeerroo-aboMudde 09,2016/ Yeroo mootummaan goolessituu wayyaanee maqaa labsii hatattamaa komand post (State emergency) maqaa jedhu da,oo godhachuudhaan ilmaan oromoo akkaan ajjeesaa kanneen hafan immoo jumlaan mana hidhaatti guuraa jiru kanatti kaanimmoo mana jireenyaa isaanii irraa saamuudhaan biyya isaanii fi lafa abbaa isaanii irraa yeroo godaansisaa jiru kanatti  gootowwan qeerroon guutummaa oromiyaa  keessa jiran  warraaksa biyyoolessaa jabeessuudhaan diina waliin wallaansoo jabaa geggeessaa jiru.

Torbee kana keessas mootummaan Sirni bara bittaa isaa harkatti hunkutaa,e maqaa ayyaana sabaaf sablammootaa  jedhuun uummata oromoo guutummaa oromiyaa keessa jiran dirqiidhaan akkaa uummanni ayyaana kana kabajuuf jaladeemtota  isaa uummata irratti bobbaasuun yaalii jabaa akka ayyaanni kun kabajamuuf geggeessullee warraaksa qeerroon yeroo ammaa geggeessaa jiruu fi diddaa uummanni gochaa jiruun guutummaan ayyaana sabaaf sablammootaa kun qeerroodhaan golee oromiyaa mara keessaatti akka hin kabajamneef addaan fashalaa,ee oolee  jira.Mootummaan wayyaanee dur ayyaana sabaaf sablammootaa maqaa jedhuun hololaan kan lafa cabsaa ture barana garuu qabsoo jabaa qeerroon godinaalee oromiyaa hunda keessatti taasisaniin guutummaan ayyaaninichaa addaan fashalaa,ee jira. Continue reading

Mooraa Yunversiitii Wallaggaa keessatti diddaan baratootaa daran jabaachuu irraan kan ka,e baratoonni moorichaa jumlaan reebamaa fi hidhamaa jiru.

Aside

Qeerroo OromiyaaMudde 09,2016/ Mooraa yuunversiitichaa keessatti humni federaalaa mooricha keessa weeraree jiru baratoota nagaa barnoota barachaa jiran ofiisaatiin dubbii itti kaasuudhaan isintu dubbii kaase maqaa jedhuun baratoota moorichaa akka malee gidirsaa jira.Mooricha keessattis gootowwan qeerron mooricha keessa jiran yeroo ammaa kana diddaa isaanii jabeessuun mootummaa garboonffattuu wayyaanee waliin wallaansoo jabaa geggeessaa jiru.
.
Humni federaalaa mooricha keessa dhuunffatee jiru kun badii tokko malees baratoota moorichaa ba,aa gala dhorkuun seensa mooraa yuunversiitichaa irra qubsumasaa godhachuudhaan baratoota moorichaa akkaan  doorsisaa jira.Hoomaan waraanaa seensa moorichaarra qubsumasaa godhatee jiru kun yeroo ammaa kana hojiin isaa idileenis baratoota reebuu badii tokko malee ofitti waamuun dubbii irra barbaaduuf  jecha dirqiin ofitti waamuun reebicha jumlaan irratti raawwachaa jira.

Continue reading

SBO: Muddee 09 bara 2016. Oduu, Ibsa ABO fi Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kenname.

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo(SQ) Qophii Mudde 8,2016

Aside

MAQAA ABON AFANFAJJII UUMUUN QABSOO BILISUMMAA IRRATTI YAKKA RAAWWATUU DHA.

Aside

(8 Mudde 2016) Fedhii aangoof jecha shirri qabsoo bilisummaa Oromoo irratti hojjatamu kamuu kan hin milkoofne ta’uu ABOn hubachiise.

olflogoinfoABOn ibsa mata duree “Maqaa ABOn Afanfajjii Uumuun Qabsoo Bilisummaa irratti Yakka Raawwatuu dha,” jedhu jalatti har’a baaseen akka hubachiisetti, shirri yeroo addaddaa ABO dadhabsiisuuf raawwatamaa ture akkuma hin milkoofne, kan gara fuulduraas akka maseenu eere.

Ummati Oromoos kana hubachuun akkuma kanaan duraa tokkummaan QBO jabeeffataa bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa ABOn hogganamu akka finiinsu ABOn dhaamee jira.

Waltahinsoota QBO jabeessan adda addaa godhaman keessaa Waltahiinsa Shanee ABO fi QC-ABO Waxabajjii bara 2014 Berlinitti tahe isa tokko akka ture kan yaadachiise ABOn,”Waltahiinsa ifatti hawaasa duratti godhame kanaanis miseensotni gam-lameenii walitti deebi’uun caasaan dhaabaa hundi sadarkaa ol aanaa irraa hanga gadiitti wal fudhachiifamee waliin dirqama fudhatuu fi hojjatuutti bobbahamee akka tures irra deebi’ee hime.

Garuu, murni gabaabaa walii galteetee godhame diiguudhaan dirqama dhaabaa fudhachuu diduun sirna dhaabaa cabsuutti akka tarkaanfate addeesse.

Itti dabaluunis,  ibsi seeraa fi sirnaan alatti maqaa ABOn baafame kun kan fudhatama hin qabnee fi seeraa alaa tahuu ABOn hubachiiseera.

Kanneen qabsoon bilisummaa ummataa finiinuu irraa hirribaa dammaqan akkanaanis miseensotnii fi deggertootnii, walii gala ummatni Oromoo tarkaanfii gaafatama dhablee akkanaa gurra laachuu dhiisuun qabsoo diina irratti itti jirru finiinsuu irratti akka fuulleeffatan ABOn yaadachiiseera.

Dhuma irrattis, “fedhii aangoof jecha shirri qabsoo bilisummaa Oromoo irratti hojjatamu kamuu akka hin milkoofne seenaa kanaan duraa irraa baratuun ummatni Oromoo akkuma kanaan duraa tokkummaan QBO jabeeffataa bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa ABOn hogganamu akka finiinsu ABOn shakkii hin qabu,” jedheera.

Guutummaa ibsa ABO: ibsa-abo-sirna-dhabloota-irratti

OROMUMMAA JECHUUN FOON QAAMA TOKKOOTI.!

Aside

OROMUMMAA JECHUUN

FOON QAAMA TOKKOOTI.! 

=====================
Dubbii diina keetii
fuunaan fira seetee
Qaamuma kee irraa
tokkotti kan ceete,
foonkee irraanfattee
qaama namaa seete.!
———————————–
Funyaan yoo dhahamu
maaliif ijji boottii?
Oromummaa jechuun
dhugaan gama kootii
waan addaan hin baane
foon qaama tokkootii.!
————————————-
~Harargeen mataadha
yoo jenne fakkeenyaa ,
~Arsiin ija lamaan
agartuu fageenyaa
~Wollagga onnee keenya
raabsaa dhiiga namaa,
~Shaggar sammuu keenya
yaaduuf waan hundumaa,
~Jimma hidda dhiigaa
~Ilu dhuka keessaa!
Mee qaama kanarraa
kan jibbamu eessaa?
—————————————
~Wollo kalee lamaan
~Baale harka lamaan
~Gujiin miila lamaan
~Booran lafee dugdaa
Qaama kee jibbitu
maaliif nyaattee dhugdaa??
———————————————-
Lubbuu koo balleessa
dhibeen qaama kootii
Hundi namaa tokko
gabras ta’ee mootii ,
Akka naa beektuufi
anis ibsuun kootii
Oromummaa jechuun
FOON QAAMA TOKKOOTII.!