Gabaasaalee Oromiyaa Torbee Kana Keessaa

Aside

qeerroo-aboMudde 09,2016/ Yeroo mootummaan goolessituu wayyaanee maqaa labsii hatattamaa komand post (State emergency) maqaa jedhu da,oo godhachuudhaan ilmaan oromoo akkaan ajjeesaa kanneen hafan immoo jumlaan mana hidhaatti guuraa jiru kanatti kaanimmoo mana jireenyaa isaanii irraa saamuudhaan biyya isaanii fi lafa abbaa isaanii irraa yeroo godaansisaa jiru kanatti  gootowwan qeerroon guutummaa oromiyaa  keessa jiran  warraaksa biyyoolessaa jabeessuudhaan diina waliin wallaansoo jabaa geggeessaa jiru.

Torbee kana keessas mootummaan Sirni bara bittaa isaa harkatti hunkutaa,e maqaa ayyaana sabaaf sablammootaa  jedhuun uummata oromoo guutummaa oromiyaa keessa jiran dirqiidhaan akkaa uummanni ayyaana kana kabajuuf jaladeemtota  isaa uummata irratti bobbaasuun yaalii jabaa akka ayyaanni kun kabajamuuf geggeessullee warraaksa qeerroon yeroo ammaa geggeessaa jiruu fi diddaa uummanni gochaa jiruun guutummaan ayyaana sabaaf sablammootaa kun qeerroodhaan golee oromiyaa mara keessaatti akka hin kabajamneef addaan fashalaa,ee oolee  jira.Mootummaan wayyaanee dur ayyaana sabaaf sablammootaa maqaa jedhuun hololaan kan lafa cabsaa ture barana garuu qabsoo jabaa qeerroon godinaalee oromiyaa hunda keessatti taasisaniin guutummaan ayyaaninichaa addaan fashalaa,ee jira. Continue reading

Mooraa Yunversiitii Wallaggaa keessatti diddaan baratootaa daran jabaachuu irraan kan ka,e baratoonni moorichaa jumlaan reebamaa fi hidhamaa jiru.

Aside

Qeerroo OromiyaaMudde 09,2016/ Mooraa yuunversiitichaa keessatti humni federaalaa mooricha keessa weeraree jiru baratoota nagaa barnoota barachaa jiran ofiisaatiin dubbii itti kaasuudhaan isintu dubbii kaase maqaa jedhuun baratoota moorichaa akka malee gidirsaa jira.Mooricha keessattis gootowwan qeerron mooricha keessa jiran yeroo ammaa kana diddaa isaanii jabeessuun mootummaa garboonffattuu wayyaanee waliin wallaansoo jabaa geggeessaa jiru.
.
Humni federaalaa mooricha keessa dhuunffatee jiru kun badii tokko malees baratoota moorichaa ba,aa gala dhorkuun seensa mooraa yuunversiitichaa irra qubsumasaa godhachuudhaan baratoota moorichaa akkaan  doorsisaa jira.Hoomaan waraanaa seensa moorichaarra qubsumasaa godhatee jiru kun yeroo ammaa kana hojiin isaa idileenis baratoota reebuu badii tokko malee ofitti waamuun dubbii irra barbaaduuf  jecha dirqiin ofitti waamuun reebicha jumlaan irratti raawwachaa jira.

Continue reading

SBO: Muddee 09 bara 2016. Oduu, Ibsa ABO fi Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kenname.

Aside