Damee Booruun
Mootumaa TPLF qomee demokraasii ufatee waggaa digdamii shan sirbaa baate Dhumaatiin Arsedee irraa molqee qullaa dhaabee jira. Dumaatiin ilmaan Oromoo ka mari’maan keenya waadu haa tahu malee dhuma aangoo Wayaanee tahuun isaa immoo jabina nuuf kenna. Onkololessa 2, 2016 kaase Wayaanee fi Uummatni Oromoo ifatti warra gumaa dhiigan duwwaa gargar bahuu danda’an tahee jira. Uummatni Oromoo haala keessa jiru kana keessaa kan bahuu danda’u injifannaan qofa tahuu murteefatee qabsoo hadhooftuutti akka seene kan hin hubanne jira hin fakkaatu.
Mootumaan TPLF tarkaanfii Uummatni Oromoo fudhachuu jalqabee kana waan sodaatteef labsii hattattamaa labsuuf dirqamtee jiri. Uummata Oromoof haalli kun injifannaa isa duraa ti. Biyyi Oromoo amma yoonaa humna waraanaan bulaa akka jiru eenyu jalaa iyyuu dhokataa miti. Waan haaraa itti tahu tokko illee hin jiru. Garuu Mootummaan kun maqaa demookraasiin biyya lafaa kadhatee akka lubbuu hin dheerefanne saaxila of baaftee jirti. Michoonni ishee warri kana dura badii Uummata Impaayera Itopiyaa maraa hoojjetamaa jiruu utuu arganii achi galgalanii gargaarsa itti hixatan hundi akka ofti qaana’aa isaanis saaxila baaftee jirti. Gargaarsi kam iyyuu mootummaa kana kufaatii irraa olshuu akka hin dandeenye eenyuufuu ifaa dha. Guyyaa awwaalamtu xiqqoo yoo achi buteef ni gaha. Mootummaan uummata bal’aa lolee mo’e tokko seenaa biyya lafaa keessatti amma yoona hin argamne. Duuti Wayaanee kan wal nama gaafachiisu yoo qabaate guyyaa isaa qofa. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk