Dhumaatiin Arsedee Dhuma Wayaanee Ti.

Damee Booruun

4-must-go1Mootumaa TPLF qomee demokraasii ufatee waggaa digdamii shan sirbaa baate Dhumaatiin Arsedee irraa molqee qullaa dhaabee jira. Dumaatiin ilmaan Oromoo ka mari’maan keenya waadu haa tahu malee dhuma aangoo Wayaanee tahuun isaa immoo jabina nuuf kenna. Onkololessa 2, 2016 kaase Wayaanee fi Uummatni Oromoo ifatti warra gumaa dhiigan duwwaa gargar bahuu danda’an tahee jira. Uummatni Oromoo haala keessa jiru kana keessaa kan bahuu danda’u injifannaan qofa tahuu murteefatee qabsoo hadhooftuutti akka seene kan hin hubanne jira hin fakkaatu.

Mootumaan TPLF tarkaanfii Uummatni Oromoo fudhachuu jalqabee kana waan sodaatteef labsii hattattamaa labsuuf dirqamtee jiri. Uummata Oromoof haalli kun injifannaa isa duraa ti. Biyyi Oromoo amma yoonaa humna waraanaan bulaa akka jiru eenyu jalaa iyyuu dhokataa miti. Waan haaraa itti tahu tokko illee hin jiru. Garuu Mootummaan kun maqaa demookraasiin biyya lafaa kadhatee akka lubbuu hin dheerefanne saaxila of baaftee jirti. Michoonni ishee warri kana dura badii Uummata Impaayera Itopiyaa maraa hoojjetamaa jiruu utuu arganii achi galgalanii gargaarsa itti hixatan hundi akka ofti qaana’aa isaanis saaxila baaftee jirti. Gargaarsi kam iyyuu mootummaa kana kufaatii irraa olshuu akka hin dandeenye eenyuufuu ifaa dha. Guyyaa  awwaalamtu xiqqoo  yoo achi buteef ni gaha. Mootummaan uummata bal’aa  lolee mo’e tokko seenaa biyya lafaa keessatti amma yoona hin argamne. Duuti Wayaanee kan wal nama gaafachiisu yoo qabaate guyyaa isaa qofa.

Labsiin hattattamaa jabina irraa kan dhufu miti. Mootummaa jiraachisuuf yaalli isa dhumaa akka tahe bareechine hubanna. Kana booda TPLF kan gadi fiddu tokko illee hin jiru. Isheetu kadhaa dhaqee harka qullaa gala malee uummata Oromoo irratti isa amma hojjettu kana waggaa digdamii shaniif hojjetaa turte. Kana booda michoonni ishee achi galagalanii gargaarsa badhaasuuf hin jiran. Yoo xiqqaatee hojiin kee kun si  baasaa hin jiru  , horii keenyas hin balleessiin jechaa abdii ishee kutachiisa gargaaru malee akka kana duraa demookraasiin keessan lalisaa jira jechaa  badhaasa hin kenaniif. Kan miidhamuuf deemu  TPLF malee ummata Oromoo miti.

Labsiin hattattamaa kun TPLF maal gargaara? Ilmaan Oromoo bakka  barbaadan itti yaroo barbaadan akka bofaa mataa keessa tumu, hidhu,waxxalu, ibdaan gubu , ajjeessu. Da’ima, jaarsa , jaartii, dubartii ulfaa, qeerroo fi qarree Oromoo  garaa laafina tokko malee dhiiga dangalaasaa oolu. Biyya lafaa kana irratti bineesi iyyuu akka ilmaan Oromoo itti adamsamee ajjeefamee hin beeku. Kanaafuu labsi hattattamaa kun kan gadi fiduu danda’u haalli biraa jiraachuu hin danda’u. Akeekni TPLF Uummata  Oromoo miliyoonan lakkawamuu Irreecha Arsedee yaroo fixxu uummatni Oromoo rifatee kan lamaffaa hin dubbannee itti fakkaatee ture. Gochi ishee Uummata Oromoo gootomsee irree tokkichaan  ka’ee qabeenya Wayaanee fi  Wayaanee barbadeessuu itti akka cee’u  gargaare hin romisiifne. Qabsoon uummata Oromoo ittisa irraa gara haleellaa itti daddaffiin kan tarkaanfachiise hojii Wayaanee fokkisaa kana. Ammas yoo Wayyaaneen Oromoota  kumaatamaan ajjeessuun na baasa jette haa yaaltu. Dhuma irratti abbaa dhumu ilaala.

Uummatni Oromoo karaa danda’amu maraan diina kana jabeessee haleelu qaba. Qabeenya diina kan tahee kan socho’uu fi kan dhaabtuu barbadaa’u qaba. Namonni diinaaf hojjetan of keeasstti ammannee taa’uun yaroon isaa darbee jira. Of keessaa haxxoofnee of qulqulleessuu qabna. Uummatni Oromoos akkuma diina isaa garaa jabaachuu qaba. “ija laaftiin firaa ulfoofti” jedha Oromoon. Wal quunnamtiin Mootumaa TPLF fi Uummata Oromoo bal’aa jiduu jiruu Dhuumaatii Arsedee bood citee jira:  waan warra gumaa taaneef. Waan wal irraa binnuu fi wal itti gurgrru hin jiru. Waan walii keniinuu fi wal irraa fudhannu hin qabnu . Karaa tokkoon waraana of irraa ittisaa karaa biraa dinagdee mootummaa kana daaraa gochuun tooftaa keenya  tahuu qaba.

Yaroo darbee Maxxansaa koo irratti waa’ee Dhumaatii Arsedee  sanyii balfattuu TPLfiin tahee fi waa’ee Dumaatii Sharpeville Afrikaa Kibaa keessatti mootumaa sanyii balfattuu  Apartheidiin tahe kaaseen ture. Mootumaan Apartheid nama jaatama duwwaa ajjeesse. Lubbuun qulqulluun nama jaatamaa bahuun xiqqaa dha jechuu miti. Kan nama tokoo iyyuu darbuu hin qabu. Garuu sanyii balfattuun TPLF lubbuu nama gara kumaa tahu waraana qileesaa fi lafaan yaroo muraasa keessatti raawwatte.  Hammeenyi TPLF biyya lafaa kana irratti hiriyyaa hin qabu, madaalas hin argatu.  Mootummaan Apartheid akkuma TPLF kana Dhumaatii Sharpeville booda labsii hattattamaan biyyaa bituuf yaalli isa dhumaa godheera. Labsiin hattattamaa mootummaaf ijbaata isa dhumaa malee tooftaa ittiin biyyaa cabsee moo’u miti. Ittiin yaroo bitattee kan saamattu saamattee, keessaa baqachuuf yaroo itti qophooftu dha . Kana booda warri aango TPLF keessa qooda guddaa qabaachaa ture ayyaana argatuun  keessaa baqata malee itti baqatu.

Namonni hubannaa fi yaada dadhabaa qaban tokko tokko mootummaa caccabaa jiru kana utubanii aangoo irraa qicachuuf warri hawwii qaban jiru. Mootummaa du’aa jiru wajjin daabbachuun bu’aan isaa wajjin owwaalamuu taha. Namni tokko hawwii mataa isaa qabaachuun waan jiru. Garuu maqaa Uummata Oromoon marii tahe walii galteen Mootummaa TPLF wajjin tahu Uummata Oromoo hin ammatu. TPLF fi Uummatni Oromoo warra  gumaa ti jennee erga murteefannee kan gargar nu baasu injifannoo duwwaa dha. Waan hunda dursinee firaa fi diinaa ifa kan gochuu qabu ammaa achi namni yookan gurmuun  tokko Uummata Oromoo fi Bilisummaa uummata Oromoo jiddu yoo gale diina isa duraa TPLF irraa add bahee ilaalamuu hin danda’u. Uummatni Oromoo warra kana illee diina isa duraa wajjin haleeluuf haqa qaba.

‘Ofiinu Duutii Maaf Of Huuti?’ Labsi ‘Yeroo Atattamaa’ TPLF labsite Ilaachisee Ibsa Hooggana  Jidduu-galeessa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa Kenamee’, mata duree jedhu kana jalatti Onkoloolessa 12,2016 waan kanaa gadii barreefamee ture.

“Sadarkaa qabsoon keenya amma irra jirtu kanatti ummatni Oromoo qee’ee fi qabeenya isaa oolfachuuf wareegama qaqqalii kallattiin baasaa jira malee, Bilisummaan kiyyaa Atlanta ykn ammoo Oslo fi Berlin irraa naaf dhufa jedhee eegachaa hin jiru.  Kanneen Qabsoo sabicha handhura biyyaa irraa gara sochii diasporatti haqaaquun ittiin of beeksisuu yaalaa jiran hundi dalaga fokkataa kana irra atattamaan akka of qusatan carraa kanaan Qeerroon dhaamsa Oromummaa  dabrsuuf fedha.”

Seenaa kolonii waggaa dhibaa fi shantamaan darban  keessatti Oromootni  jajjaboo tahan  fedhii saba isaanii gananii diinaa wajjin dhaabbachuudhaan Uummata Oromoo cabsanii  akka gabrummaa jalatti dararmu gochuuf gahaa guddaa  qabu. Seenaa fokkisaa saba isaanii dabrsanii darbuu  caalaa dhuma irratti salphatanii  gatamanii jiru. Kaan isaanii akka saree ajjeessamanii lafa irra gototamaa turan. Har’as warri injifannoo uummatni dhiiga isaan galmeessaa jiru bu’aa mataa isaanii gonfachuuf tattafatan hin jiran jechuu hin danda’amu. Haala har’a jiru yaroo darban  irraa kan adda godhu dhamaaqnsa Uummtni  Oromoo qabu dha. Yoo har’as Uummatni Oromoo injifannoo dhiiga isaa lolaasee argachaa jiru kana orma biraaf dabrse kan kennu yoo tahe kan itti komatamuu qabu uummticha malee namoota waan fokkisaa kana hojjetan miti.

Akkan  hubannaa koo yoo tahe namooni Oromoo tokko tokko waan har’a uummatni Oromoo itti jiru hin dhugeefatan. Sababni  inni duraa  ABO  waggaa afrtamaan darban kana keessaa uummata Oromoo keessa seenee sochi jabaa fi tarkaanfii gugguddaa fudhatee of agarsiisuuf ayyaanna hin arganne. Nama halagaa caala ABO hin jiru jedhanii Oromonni amanan akka jiran dagachuu hin qabnu. Afaaniin duwwaa utuu hin taane barreefamanis warri ABO dhumeef jira jechaa turan jiru. Mootummaan TPLF yaroo barbaadu  ABO haxxaa’ee  balleessen jira jirit. Yaroo barbaadu immoo namni Oromoo tahee dhalte hunduu ABO jette yakka itti murti. Mootumaan TPLF jiraa fi hin jiruu ABO akka  siyaasaa isheef tolutti gagalgalshitee haasofti.  Namootni Oromoo tahan garuu propaganda TPLF kana hojii irra olshuuf tattaafachuun saaxila of baasuu caalaa diina duraa wajjin hiriroo galuu taha. Namni ABO hin jaalanne  yoo jiraatee propaganda TPLF irraa of lagee Uummata Oromoo bal’aa wajjin garaa danda’een dhaabbachuu gamnumaa dha.

Rakkinni lammaffaa namni Oromoo baratan tokko tokko Qeerroo Bilisummaa Oromoo akkuma nutti duratti dhakaa darbachuutiin mootummaa dura dhaabbanu tokko godhanii warri fudhatan jiru. Damaqinsa, naamusa ijaarsaa fi beekumsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabu tasa hin galuuf.  Ijaaramanii dhaqanii Qeerroo Bilisummaa Oromoo kanaaf hoogannaa  kennuuf yaadaa fi hawwii warri qaban jiru.Warri kun hammeenya yaadanii miti. Haxxumaas hin qaban. Akkaata dhumaa haala biyya keessa jiru hubatanii dha. Waan nama ajaa’ibu  Qeerroo Bilisummaa Oromoo hoogannuu miti hordofuuf damaqnsaa fi beekumsaa siyaasaa akka hin qabne hubachuu fi fudhachuu dadhabuu isaanii ti.

Namni baayyeen erga biyyaa bahee bara dheera dha. Sabni Oromoo isaan beekan : wal hin beeku, walii hin galu, walii hin dirmatu, fafaca’ee jireenya mataa isaa jala kan fiigu dha. Propogandaa diinaa isaan dhagaa’aa guddatan immoo ,Uummatni Oromoo gandaan, amantiin warra kana fakkaatuun qoodamee kan jiru dha. Haala kana fakkaatu keessa nama  tureef qabsoon uummtni Oromoo har’a gochaa jiru abjuu itti taha. Uummata Oromoo irraa sodaa fi amantii xiqqoo waan hunqabanneef utuu  Impaayeera Itoopiyaa deebi’ee suphamee filatani.

Uummata isaa fi biyya isaa irratti kan amantii dhabee diina wajjin baqatu Oromoo qofaa miti. Fakkeenyaaf, (April 30, 1975) gaaffa Saigon (booda Ho Min City kan jedhamte) magaalli Vietnam Kibba harka bilisa baaftootatti kuftu namoonni dhalootan Vietnam tahan waraana Amerikaa wajjin utuu bilisummaa jalaa baqachuuf jedhanii  dooniin bishaaniin liqifamee namni kumaatamaan lakkawwamu dhumeera. Kanafuu waa’ee warra saba isaanii fi bilisummaa saba isaanii gananii nu ajjaa’ibuu hinqabu

Uummatni Oromoo waan lama adda baasee hubachuu qaba. Warri of irratti fi uummata isaa irratti amantii dhabbuudhaan uummata isaanii bukke dhaabbachuu hanqatee barsisuu fi damaqsuun akka uummta isaani wajjin hiriiroo galan gochuuf yaallii guddaan godhamu qaba. Hojiin irra guddaan namoota baratanii biyya ambaa (Diaspora)keessa  bara dheeraa dabarsan dabalachuu qaba. Namni waan barateef beekumsaa fi damaqinsa siyaasaa barbaachisu qabu jechuun dogongora. Warra damaqinsa gahaa utuu qabanii fi utuu arganii injifannoo uummata Oromoo bu’aa mataa isaaniif dabrsuuf wixxifataa fi  fiigaa jiran  dhiifama tokko malee diina isaa duraa wajjin haleelamuu qabu.

Dhuma irratti Qeerron Bilisumm Oromoo hojii gootaa fi eebisaa jalqabe kana dhuma Wayaaneen xumuruuf utuu yaada isaa fi gurraa isaa warra dognogorsitoota kanaaf hin laatiin qalbii tokkon akeeka isaa diina falamaa jiru irratti xiyyeefachuu barbaachisaa taha.

Injifannoo Ummata Oromoof!

                             Oromiyaan Ni Bilisoomti!

1 thought on “Dhumaatiin Arsedee Dhuma Wayaanee Ti.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (October) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s