Gadaa Maccaa Irraa
Akki itti jirru,akkataan itti jirrus kan wal nama gaafachiisu miti! Kan wal gaafatanis miti!.Haa ta’u malee, dhimma sirni garboomfataa afaan faajjii uummata keenya taasisuuf yaalu irratti barreessuuf,afaan kobbee kootii saaqe!
Sirni garboomfataa kun salphina hin beeku,qaanii hin beeku,Gadaa hin beeku,caaccuu,bokkuu,siiqqee,dhaabata,alangaa hoodaa,meedhichaaf moggaasas hin beeku! Waraanni wayyaanee kun wanbadee badduu akka taate,murna kana keechaa qaamni ergamtuu dhalatte OPDOn illee xurree wanbadee kanaaf haala aanjessaa,mijeessaa ilmaan Oromoof qilee dhiphinaa qotuun Oromoon gaaga’ama hammana hin jedhamne keessa bu’eera!
Yeroo ammaa kana Oromoon diinaaf akka hin jilbeenfanne,biyyasaa akka hin saamsifneefi eenyummaa isaaf eegumsa fi jaalala guddaa akka qabu hubachuun diinaayyuu diina Uummata Oromoo boqonnaa dhoorgee jira!.Kanaaf Oromoon ammas waan isa barbaachisu mijeeffatee itti fufuu….biyya isaaf Bilisummaa,dachee isaaf walabummaa labata isaaf birmadummaa gonfachuun kanaafimmoo wareega hanga dhumaatti baaasuun dirqama
Haala qabsoo Oromoon amma irra ga’e kana gara fuuladuraatti nu tarkanfaachisuu danda’an irratti jabaachuun egeree Oromiyaa milkeessiif wantoota nu barbaachisan! Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk