SBO Onkoloolessa 30,2016. Oduu, Xayyaara wayyaanee Onkoloolessa 25,2016 D.Dhawaatti balaan akkamitti isa mudate? Haalli Godina Baha Harargee keessaa maal fakkaata kan jedhuu fi kkf irratti gaaffii fi deebii dargaggoo Jiidhaa Dhaabaa waliin geggeeffame, akkasumas Ijoo Dubbii ABO

Aside

Mana Hidhaa Qilnixxoo fi Mana Hidhaa Impayeera Itoophiyaa

Aside

Damee Boruu Irraa

Namootni tokko tokko damaqinsaa fi hubannaa gad fagaate dhabuu irraa kan ka’e dhiphuu fi jireenyi salphinaa kan saba Oromoo itti dhufe waggaa diigdamii shanii as qofa itti  fakkaata. Keessatti dhaloota qubee warri jennu kun dhalatanii kan dhidhiitamaa fi tumamaa guddatan Mootummaa TPLF jalatti waan taheef Mootummaa TPLF wajjin diddaan qaban kan hiikamuu fi araaramuu danda’u miti. Karaa biraa diddaan sabni isaanii Mootumaa Impayeera Itoopiyaa wajjin waggaa dhibaa fi shantumaa ol qabu kan hiikamuu fi araaramuu danda’u akka hin taane isaan hubachiisuun dirqama warra beeknu  akka tahe hubachuu qabna.

Bara Mootummaan Habshaa tokko kufuuf ka’u akkaata itti mootummaa haaraa Impayeera Itoophiyaa tiksu haaroomu irratti namootni qaamaan Oromoo tahan gahaa guddaa qabachuu isaanii seenaatu raga baha. Har’a illee dhiiga  ilmaan Oromoo akka bishaanii dhagalaasaa uummatni bal’aan Oromoo bilisa bahuuf dararamaa jiru irra tarkaanfatanii bu’aa lubbuu isaaniif argachuuf uummata Oromoo hidhaa Impayeera Itoopiyaa jalatti hambisuu wixxifachaa jiran arguun kan nama ajaa’ibu miti. Kan nama ajaa’ibuu qabu uummatni Oromoo akkasi dammaqee, mirga isaa fi dhima isaa hubatee ka’e yoo ayyaan-ilaallatota kanaaf gowwome mana hidhaa Impaayeera Itoophiyaa jalatti hafe dha. Gaafi sana hadheessamuu qabu Uummtni Oromoo humna TPLF cabsuu yoo qabaate harcaatuu Mootummaa Habshaa fi gantuu saba Oromoo cabsee abbaa biyyumaa isaa mirkaneefachuuf dirqama sabummaa qaba. Galami qabsoo godhamaa jiruu sadarkaa  ol’aanatti abbaa biyyumaa irratti xiyyeefachuu irraa eegama. Continue reading

Diraamaan  Maqaa jijjiramaatiin OPDO keechatti Raawwachaa Jiru Wayyaanee Badiirraa Hin Baraaru.

Aside

 Baarentuu Gadaa Irraa
Diina waggoottan 25n darbaniif nu weerartee; nusaamaa, nujjeesaa fi biyyaa nu godaansisaa  turtee fi jirtu wayyaanee akka kamittuu kaban qabsoo ummanni Oromoo taasisaa jirurraa baraaruun hin danda’amu. Ammaan achi eenyuyyuu dhufu wayyaanee fi ummata Oromoo walitti
araarsuu hin danda’u.
Wayyaaneen har’a  qabsoo Ummata Oromootin baaragdee kan qabduu fi gadi dhiiftu wallaalaa jirti. Ilmaan  Oromoo Kaan qaawween itti bobbaatee fixaa, kaan ammoo hololaan, kan hafe ammoo horiin burjaajeessuuf tattaaffin taasisaa jirtu amma hin qabu. Ibidda qabsoo Oromootin itti qabatee jiru, FXG ummanni Oromoo keessumaa qeerroon Oromoo itti qabsiisee jiru ofirraa dhaamsuuf asiif achi utaalaa jirti. yaalii ijibbaataa gaggeessaa jirti. Yaalii itti jirtu kana keessaa ammoo tokko ajjeechaa, hidhaa fi dararaa cinaatti holola yeroon itti darbe maqaa jijjiramaatiin OPDO fi ergamtoota ishii dhaaboolee bixxilte keessatti diraamaa  hojjechuudha. Continue reading

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Onkoloolessa 27, 2016

Aside

Yuunvarsiitii Bulee horaa kessatti fincilli barattootaa bifa haaraan dhoheera

Aside

Qeerroo KaiOnkoloolessa 28,2016 . Fincilli kun otoo uummanni keenya dhumaa jiruu hamlee ittiin nyaata nyaannu hin qabnu jechuun,  nyata lagachuun kan eegale yemmuu ta’u Humni AGI’AZII dirqamaan nyaachisuuf jecha barattoota kanarratti dhukaasa banen BARATAA ABDII ADULAA KAN JDHAMU BARATAAN INJINARING WAGGAA 2FFAA DHALATAAN Gujii battalumatti lubbuun darbuun gabaafameera.

Fincilichi ammas kan itti fufe jiru yemmuu ta’u, MOORAA KESSAA BAHUUNIS TA’E GARA MOORAATTI SEENUUN HUMNOOTA UF IRREE WAYYAANEEN UGGURAMEE JIRAACHUUNIS BARAMEERA.

Jiraattotni gandichaa toora mooraa sanaa irra illee akka hin baane dhorkamanii nami achiin darbuuf yaletti hoggusuu dhukaasni akka irratti banamus beekameera. Sababaa kanaan namootni hdduun qabamanii kan hidhamaa jiraniifi reebichaan ulfaataan irra gahuunis addaateera.

Bifuma wal fakkaatuun Aanaa Booseet ganda Boolee keesssaa Qeerroolee hidhannoo hiikkatan maanguddummaan deebisanii mana hidhaatti guuruuf namoota OPDO fi hogganootni Agi’aazii duula eegalanii jiraachuunis saaxilame.

Qeerroolee kunneen to’achuuff kan dadhabd wayyaaneen maanguddoota gandaafi bera q’eetii funante hudhaatti ukkamsaa akka jirtus ifa ta’ haaluma kanaan gandaa xiqqoo BOOLEEE jedhamtu keessaa qofaa namoota 110 ol hidhaa keessatti dararamaa jirachuufi Abbootiin Gadaa duula araaraa wayyaanee kana irratti hiriiruun dargaggoota kenya dabarsitanii diinaf lataa jirtan akka irraa uf qusattan feena dhamsa jedhus dabarsuu, Qeerroon gabaasee jira.

Kun kanaan otoo jiruu Aanaa Adulaalaa gandoota Dirree, Cuqqaalfi Gafaat keessatti Abbootiin Gadaa fi Qeesotni maqaa araaraan Qerroo dabarsitanii diinaaf lachaa jirtan akka irraa uf qusattan Qeerroon gad jabeessee isin akeekkachiisa!

SBO Onkoloolessa 28,2016. Oduu, Sadaasa 09 guyyaa yaadannoo FDG/FXG irratti qophii qophaa’ee fi gaaffii fi deebii Dr.Gadaa Oljirraa waliin godhame itti fufa isaa

Aside

Godina Lixa Shaggaaritti Kan Argamtuu Aanaa Midaa Qanyii Waraana Koomaandii Poostii Wayyaanee Uummata Shororkeessuuf Bobbaaseen Goolamaa Jira

Aside

Onkoloolessa 26,2016, Godina Lixa Shaggaaritti Kan Argamtuu Aanaa Midaa Qanyii Waraana Koomaandii Poostii Wayyaanee Uummata Shororkeessuuf Bobbaaseen goolamaa jirti. Waraanni Wayyaanee Yakka duguuginsa sanyii balleessuu rawwachuuf bobbaafame Ilmaan Oromoo Nagaa Humna waraanaan Dirqisiisaanii Ukkamsuun eessatti akka hidhaman illee kan hin beekamnee Waraanaa Agaaziin Uukkanfamanii qe’ee isaaniittii butamani jiru. 1. Obboo Mokonnoon Mirkanaa magaalaa Baallammii irraa, 2. Obboo Kabbadaa Qoroo ,asiin fulduraas gara Jalqabaa Sochii warraaqsaa mana hidhaa Maa’ikalaawwii tti darbame Ji’a 4f dararama ture kan bahee, 3. Dargaggoo Muleetaa Tasfaayee managera ganda Goosuu Wangee, 4.Barsiisaa Indashoo Jiruu barsiisaa M/B sadarkaa 2ffaa kan keessaatti argamaan ilmaan Oromoo hedduun Waraanaa Wayyaaneen ukkanfamanii hidhamuu maddeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Magaalaa Baallammii gabaasaan. Yeroo amma kanas maqaa Waraanaa ABOtu biyya seenee jira jedhuun gootummaa Godina Lixa Shaggaar waraanaa Wayyaaneen Raafama ulfaataa keessa seentee kan jirtuu yoo taa’uu uummatnis Shororkeessii waraanaa fi OPDOn aangoo irraatti wal jijjiiruun gaaffii bilisummaa fi walabummaa keenyaaf deebii hin ta’uu jechuun eejjeennoo fi murannoo tokkoon diina dura dhaabbacha jiruu itti dabaluun gabaasaan Qeerroo Amboo irraa nu qaqqabe addeessera.gabaasaa baldhin aangoo walitti deebina.

Gaazexeessitoonni Oromoo 3 Fana Broadcasting Corporation keessa hojjatan dabballoota TPLF’n hojiirraa ari’ataman.Isaanis

Aside

Gaazexeessitoonni Oromoo 3 Fana Broadcasting Corporation keessa hojjatan dabballoota TPLF’n hojiirraa ari’ataman.Isaanis
1. Gazexessituu Tsahaay Daamxoo(MA)
2. Gaz/sa Muktaar Jamaal
3. Gaz/sa Taaddasaa Tarrafaa yoo ta’an. Gocha kana Editaroonnii fi gaazexeessonni sagantaa Afaan Oromoo irratti hojjatan hundi kan lakkoofsaan 20 ol ta’an mormaa turanis fudhatama hinarganne. Gaazexessitoota buleeyyii woggaa heddu dhaabbata kana keessa hojjataa turanirratti ajaja kana Kan dabarse nuuf ibsaa woyta jedhanitti namichi Birhaanuu Hurrisaa jedhamu fi Hoogganaa kutaa kanaa ta’e immoo anatu kana raawwate jechuun ifatti dhaadachuun of himeera.

Gaazexeessituu Tsahaay Daamxoo haadha manaa Atileeti Addunyaa Leellisaa ti. Addunyaan immoo Obboleessa Atileeti Gooticha Oromoo Fayyisaa Leellisaati.

Dabballee fi Ergamaan TPLF Birhaanuu Hurrisaa Waggaa dabre Hacaaluu Hundeessaa sirba isaa ‘Maalan Jira’ jedhu Afaan Amaaraatiin facebook irratti qeequu dhaan Qeerroon Oromoo hedduun itti dhaadataa turan ta’uun kan yaadatamudha.Sababa Ergamtummaa isaa kanaan Hoogganaa Ol’aanaa dhaabbatichaatti guddatee har’as miidhaa biraa gaazexessitoota Oromoo irraan gahaa jira.

Aside

Onkoloolessa 26/2016 Giddugaleessaa Oromiyaa Aanaa Adaa’aa Bargaa Mogooritti diddaan uummataa jabaachuu irraa kan barraage Waraanni Koomaandii Postiin Wayyaanee uummata gooluufi hiraarsuu ittuma fufee jira. Guyyaa kaleessaa onkoloolessa 25/,2016 Komaandi Poostin Mogoritti abbaa qabeenyaa Abdiisaa (Bokii) Gammachuu jedhamu ukkaamsuun fuudhanii deemaniiru. Akkasumas , ummata dirqiidhaan walgahii baasuun akka ummatni dubbatu godhudhaan yaada ummataa erga hubatanii booda uummata walitti buusuuf yaalaa jiru. Ummatni Oromoo hundi shira mootummaan wayaanee xaxaa jiru kana hubachuudhaan fashalsuu qaba.

Aside

Onkoloolessa 26,2016 Yuunibarsiitii Bulee Horaatti Waraanni Koomaandii Poostii Wayyaanee Loltoota Agaazii Barattoota irratti Bobbaasuun Barataa Oromoo Abdiisaa Duulee jedhamu ajjeesani. Barataan Oromoo Abdiisaa Duulee kan kaleessa galgala waraanaa Agaaziin Wareegamee, Yuunbarsiitii Bulee Horaatti Barataa FBE waggaa 2ffaa fi Bakki dhaloota isaa Godina Gujii ta’uu maddeen Qeerroo Yuunbarsiitii Bulee Horaa gabaasan. Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Bulee Horaa Yakka ajjeechaa Barataa Oromoo fi Barattootaa Oromoofi uummata Oromoo Waliigalaa irratti rawwatamaa jiruu Sababeeffachuun guyyaa har’aa guutummaatti Nyaataa dhaabuun mormii isaanii itti fufanii jiru. Dirmannaan Uummata Oromoo biyyoota hambaa jiraanii akka jabaachuu qabuufi yakka waraanaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf iyyannoon mootummoota gamtoomanii fi jaarmiyoota mirga namummaa akka itti fufinsaan gaggeeffamuun gaafataniru Injifannoon Uummata Oromoof.