Yaadachiisa Gabaabaa

Aside

logo-qeerroo-oromiyaa9.jpgAkkuma beekkamu sochiin Qeerroon biyya keessaa gaggeeysaa jiru hawaasa Oromoo biyya keessaa fi alaa akkasumas firaa fi diinaafiis ifa tahuun isaa beekkamaadha.Kuniis eega sochiin Qeerroo Bilisummaa bifa addaan Oromiyaa guutuu keessatti warraaqsa biyyoolessaa qabsiisuun faajjii ABO ol kaasee gaaffii hundeesiyaasaa ABOn durfamu aduunyaatti muldhisee booda diinni karaa sochii  tana ittiin dadhabsiisuu mala adda addaa dhawaa jiraacchuun isaa ni hubatama. Keessahuun  sochiin Qeerroo kan Onkololeessa bara 2016 kana keessa  gaggeeffamaa jiru gurra adunyaa hunda hawwatuu fi diina naasisee labsii muddamaa akka labsu taasisuun isaatiis  ifaa dha.  Kanaaf diinni yeroo ammaa karaa jala deemtoota isaa akka qabsoo Oromootiif dhimmee of fakkeeysuun sochii qabsoo bilisummaa Oromoo kan ABOn gaggeeyffamaa jirtu dadhabsiisuuf hawaasa Oromoo kan baqatummaan biyyoota gara garaa keessa jiran dogoggorsaa jira.

Continue reading

Akkatti Jirru.

Aside

akkatti-jiruGadaa Maccaa Irraa

Akki itti jirru,akkataan itti jirrus kan wal nama gaafachiisu miti! Kan wal gaafatanis miti!.Haa ta’u malee, dhimma sirni garboomfataa afaan faajjii uummata keenya taasisuuf yaalu irratti barreessuuf,afaan kobbee kootii saaqe!

Sirni garboomfataa kun salphina hin beeku,qaanii hin beeku,Gadaa hin beeku,caaccuu,bokkuu,siiqqee,dhaabata,alangaa hoodaa,meedhichaaf moggaasas hin beeku! Waraanni wayyaanee kun  wanbadee badduu  akka taate,murna kana keechaa qaamni ergamtuu dhalatte OPDOn illee xurree   wanbadee kanaaf haala aanjessaa,mijeessaa ilmaan Oromoof qilee dhiphinaa qotuun Oromoon gaaga’ama hammana hin jedhamne keessa bu’eera!

Yeroo ammaa kana Oromoon diinaaf akka hin jilbeenfanne,biyyasaa akka hin saamsifneefi eenyummaa isaaf eegumsa fi jaalala guddaa akka qabu hubachuun diinaayyuu diina Uummata Oromoo boqonnaa dhoorgee jira!.Kanaaf Oromoon ammas waan isa barbaachisu mijeeffatee itti fufuu….biyya isaaf Bilisummaa,dachee isaaf walabummaa labata isaaf birmadummaa gonfachuun kanaafimmoo wareega hanga dhumaatti baaasuun dirqama

Haala qabsoo Oromoon amma irra ga’e kana gara fuuladuraatti nu tarkanfaachisuu danda’an irratti jabaachuun egeree Oromiyaa milkeessiif wantoota nu barbaachisan! Continue reading

Walii Galan Alaa Galan

Aside

Damee Boruu irraa
26965731555_5e291bcca4

Uummatni rakkina mataa isaa furachuu hin dandeenye rakkina ormi biraa wajjin qabu  hikkachuuf ayyaana qabaachuu hin danda’u. Burqaan rakkinaa kan maddu walaalumaa irratti. Hawaasa keessatti harki guddaan isaa walaalaa fi doofa tahee yoo jirate namoonni qaroon fedhii isaanii bakkaan gahuuf kan tattaafattan namoota walaala kanaof of dura oofudhaan taha. Warri walaalan yaadni oofan kun mataa isaanii iyyuu boola keessa gashuuf yoo kan deemu tahe tahe naannesanii  ilaaluuf beekumsa gahaa  hinqaban. Kanaafuu isuma isaanitti himame qabatanii boola seenu malee of duuba deebi’anii maal hojjechaan jiraa? jedhanii of hin gaafatan. Warri ayyaana ilaallatoonni immoo uummatatti bahanii waan  isaan dubbatan ifatti dubbatanii of saavila hin baasan. Continue reading

Gabaasa Haala Waliigala Oromiyaa

Aside

qeerroo1Onkoloolessa 23/2016 Ergaa Labsiin Hatattamaa Wayyaaneen Labsiitee Humna waraanaan Biyyaa Shoroorkeessuu Eegaltee Oromiyaa keessaatti Yakki Waraanaa Daangaa hin qabnee Uummata Oromoo Waliigalaa irratti bifa armaan Gadiin Rawwatamaa Jira!!
  1. Yeroo Ammaa Hoomaan Waraanaa hanga sadarkaa Gandaa, Maayibaasii, Aanaalee Oromiyaa, Godinaalee, Magaaloota Oromiyaa, fi Oromiyaatti Qubsiifamuun Uummata Ajjeesuu Saamuu, hidhuu, reebuu, yakkaa gudeeddii fi yakka duguggaa sanyiituu ifatti rawwaachaa jira.
  2. Uummatni fi Qeerroowwaan sodaa Waraanaa qajeelfamaafi akeekaa wayyaaneen karaa waraanaa fi ergamtuu isaa OPDO dabarsuu hin fudhannuu jechuun akkuma wayyaanee irraatti fincilee jiruutti waadaa waliif galee wayyaaneen nurraa bu’uu qaba jechuun dideetti itti fufee jira.
  3. Waraanni Wayyaanee humnootaa Ittisa Uummataa Tarkaanfii waraanaa Agaazii fi Roorriftuu irratti fudhachuun meeshaa hiikkachuun miliqanii jiran adamsaa jiraachuun cinatti dargaggoota Oromoo fi sabboontoota homaa hidhannoo of harkaa hin qabne bakkootaa hedduutti Oromummaa qofaan yakkuun dhukaasanii ajjeessuu ittuma fufanii yakka duguuginsa sanyii balleessuu rawwachaa jiru.
  4. Oromiyaa Keessaatti Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi preparatory Guutummaatti 80% Cufamanii jiruu, mooraan manneen barnootaa waraanaan marfamee biyyattiin Raafama Guddaa keessaa waan jirtuufii Waraanni Wayyaanee dhukaasee ajjeesaa waan jiruuf maatiin barattootaas ilmaan keenyaa waraannii waan fixaa jiruuf manneen barnootaatti hin erginuu jechuun mormii waraanaa wayyaaneef qaban ibsatani.

Continue reading

Iyyii Iyya  Labsi

Aside

Damee Booruun

Barreessaa dhugaa baasa!Waraanni Wayyanee guyyaa hundaa Oromoota sammuu qaban adamsee ukkaamsuu, ajjeessuu fi mana hidhaati dararuu irraa darbee uummata Oromoo nagaa dhowwachuudhaan akka goolaa jiru gabaasaa Qeerroo irraa hubachaa jirra. Keessattuu hammeenyi bartootaa Oromoo irra gahaa jiruu dhaga’uunu  garaa nama hammeessa. Warri ukkamaman yaroo dhumasana akka ajjefaman mamii qabaachuu hin qabnu. Qoteebulaa, hojjetaa, barataa fi artistiin Oromoo uukkaman duba kan quba itti qabutu jira. Qubni cituu malee fala biraa hin qabu.

Qeerroon nagaa eegduu TPLF tokko shan diigee of ijaaree warra quba ilamaan Oromoo itti qabanii ficcisisaa jiran kana hubachuu ni dadhaba jedhee hin yaadu. Warra garaa malee sammuu hin qabnee kanaan ilmaan Oromoo dhumuu fi biyyi Oromoo saamamuun fudhatama hin qabu. Tooftaan TPLF inni duraa Oromoota qara tahan fixxuu dha. Warri qara tahan yoo dhuman isa hafe gowwosaniis tahe dorsiisudhaan hin bitna abdii jedhuu qabu. Kunis kan madduu tuffii fi oftulummaa Wayyaannee irraa akkeeka ka’e akka tahe ifa jira. Akka amma deemaa jiru kanatti yoo qabsoon kun kan itti fufu tahe humni injifachuuf deemu gara kamitti akka madaalaa deemu hubachuun rakkisaa miti. Continue reading

Hawaasni Oromoo Biyya Ugaandaa jiraatu, ayyaana irreechaa bara 2016 kabajate .

Aside

yogaBaqattoonni Oromoo Biyya Ugaandaa keessa jiraatan, sirna kabajaa ayyaana irreechaa fi Lammiilee keenya Oromiyaa, Ona Bishooftuu Hora arsadeetti  dhumaniif, akkasumas sirni Biyya Itoophiyaa bulchaan jira jedhu, labsii hatattamaa mirga umamaa ukkaamsuu Ummata isaanii irratti lbsamee mormuun, Onkololessa 16, 2016 Magaalaa kaampaalaatti sirna ayyaana irreechaa, gaddaa fi yaadannoo gaggeessaniiru.

Qophii Koreen Waldaa Baqattoota Oromoo Mooraa Kominiitii seentaritti qopheessee kan eegalamee,  Hawaasi Oromoo kominiitii seentaritti ega wal argee booda, gara Malkaa irreeffannaa ykn bakka kabakaa lake  jedhamutti argamuun sirna Irreeffanna yk waaqa galateeffachuun ture.Hawaasi oromoo Ugaandaa/kaampaalaa jiraatuus, uffata Aadaa uffachuun, AADAA BOONSAA OROMOON qabu Ummata magaalaatti mul’isaa sirna irreeffannaa gaggeessaniiru.oduu-ayyaana-irreechaa-2016-kaampaalaa