Dhumaatiin Arsedee Dhuma Wayaanee Ti.

Aside

Damee Booruun

4-must-go1Mootumaa TPLF qomee demokraasii ufatee waggaa digdamii shan sirbaa baate Dhumaatiin Arsedee irraa molqee qullaa dhaabee jira. Dumaatiin ilmaan Oromoo ka mari’maan keenya waadu haa tahu malee dhuma aangoo Wayaanee tahuun isaa immoo jabina nuuf kenna. Onkololessa 2, 2016 kaase Wayaanee fi Uummatni Oromoo ifatti warra gumaa dhiigan duwwaa gargar bahuu danda’an tahee jira. Uummatni Oromoo haala keessa jiru kana keessaa kan bahuu danda’u injifannaan qofa tahuu murteefatee qabsoo hadhooftuutti akka seene kan hin hubanne jira hin fakkaatu.

Mootumaan TPLF tarkaanfii Uummatni Oromoo fudhachuu jalqabee kana waan sodaatteef labsii hattattamaa labsuuf dirqamtee jiri. Uummata Oromoof haalli kun injifannaa isa duraa ti. Biyyi Oromoo amma yoonaa humna waraanaan bulaa akka jiru eenyu jalaa iyyuu dhokataa miti. Waan haaraa itti tahu tokko illee hin jiru. Garuu Mootummaan kun maqaa demookraasiin biyya lafaa kadhatee akka lubbuu hin dheerefanne saaxila of baaftee jirti. Michoonni ishee warri kana dura badii Uummata Impaayera Itopiyaa maraa hoojjetamaa jiruu utuu arganii achi galgalanii gargaarsa itti hixatan hundi akka ofti qaana’aa isaanis saaxila baaftee jirti. Gargaarsi kam iyyuu mootummaa kana kufaatii irraa olshuu akka hin dandeenye eenyuufuu ifaa dha. Guyyaa  awwaalamtu xiqqoo  yoo achi buteef ni gaha. Mootummaan uummata bal’aa  lolee mo’e tokko seenaa biyya lafaa keessatti amma yoona hin argamne. Duuti Wayaanee kan wal nama gaafachiisu yoo qabaate guyyaa isaa qofa. Continue reading

Re articulating the Oromo liberation objective is not consensus building

Aside

By Rundassa Asheetee

oromorevolution-thefinalmarchforfreedomThe Diaspora Oromo confusions seem to change shape and color as the political situations in Oromia change from time to time.Years ago, many Oromos claimed the Ethiopian identity because being an Ethiopian had great benefit, at least conceptually. Now, instead of improving the Oromo interactions first, we’ve got people who are focused on less-obvious problems and flirt with Ethiopia only to create standoffish situation amongst the Oromians.  The truth is, sometimes we have a lot of trouble expressing ourselves or understand the process that will lead us to the right direction.It is clear that almost all of us seem to have this disability, not because we are mental retarded but because of the ambition each of us has to assume higher position in our society.  Nonetheless, the lack of taking the first step first will create obstacles at every turn and going to result in an embarrassing, unrewarding and frustrating situation.   The so called leadership conference organized in Atlanta can be effective if the intentions of the conference never put on the paper and posted for the enemy to read. Because the organizers of this conference wanted to get big attention, they wanted to exploit the political situation in Oromia to position themselves in what they think will morph into a transitional government of Ethiopia. However, such rush-rush attitude has already resulted in the reaction expressed by the Amharas while it may generate resentful situation between the Ethiopianist camp, groups such as;

  1. The OPDO
  2. The ODF
  3. MEDREK
  4. Oromo Federalist Party, etc.

 

Continue reading

Ololli Hogganoota fi Miseensota ABO irratti godhamaa jiru Qabsoo Oromoo fi Misensota Dhaabicha ni jabeessa malee hin laffisu.

Aside

Abdii Borii Irraa

Ethnic Oromos from Mogor town, West Shewa Zone, participating in the nationwide protest on August 6, 2016

Ethnic Oromos from Mogor town, West Shewa Zone, participating in the nationwide protest on August 6, 2016

Diinni baroota dheeradhaf milijena itti dhangalasee karaa bitamtootaa fi gantota qabsoo kana dhabamsiisuu ijibataa ture.Haa tahu malee dhabichis tahe hogganoti qabsicha cichoo tahan abdii osoo hin kutanne  qabsoo hidhatinnoo,Diplomasii siyasaa fi fincila uummataa walitti  qindessuun waregama qaqqalii kaffalaa fi injifatnoo gurgguddaa  galmeessaa turan fi jirus.

Yeroo dheeraa fi keessaa iyyuu ji’ota darban kana  olollii fi roorroon ABO fi qabsa’ota bilisummaa oromoo irratti godhama jiru kana, hogganootii fi miseensoti dhabichaa hojii  fi diina uummata oromoo fi oromiyaa irratti duula sanyii daguuggaa rawachaa jirutti qiyyafatanii ti malee kan akkasumatti callisanii ykn sodatanii  bira kutan namatti fakkachuu hin qabu. Continue reading

Magaala Arbaaminci Geedoon fincila itti fufee jira,

Aside

2016-10-10-04-06-07Onkoloolessa 16,2016/ Akkuma beekamu sochiin naannoo kibbaa jiru daran jabaa kan tahe mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuudhaan FXG Oromiyaa keessatti
egalee jiru deggeruun fincila itti fufanii jiru.
Magaala Arbaaminci Geedoon fincila itti fufuudhaan waraqaa garagaraa dhaadannoo bittimsaa jiru waraqaan bittimsan fuula kana irratti kan argamuudha. Akkasuma sochiin paartilee mormitootaa kanneen akka SINEG walaghii addeemsisaa jiruun  ijoolleen oromoo miidhama guddaa keessa jiru waan taheef nuti ijoolleen sidaamaas boo’icha finncila ijoollee Oromoo bira dhaabbachuu qabna wayyaanee kana ofirraa arihuu qabna kanaaf sochiin keenya jabaatee itti fufuu akka qabu jechuun walgahii adeemsisaani jiru.
Kan malees Miseennif hoggantoonni paartii Madrek naannoo kibbaa hadiyyaatti argaman  mare taasisaniin ,obboleessi pro. Beyene Pheexroos Bezabih Pheexiross haala inni irra jiru mootummaan akka uummata beeksisuuf sochii godhaa jiraachuun dhaga’ame.  Dabalataanis Deengessuu daangaa irratti  bara 2000 aanaa Miidaa jala kan tuurte soqqeen  guraageef akka kaennamtu kan godhe mootummaa kana kanaaf amma deebihuu qaba jechuun sochiin fincilaa eegaleejira.
Naannoo Sidaamaa walumaa galatti sochii Qeerrroon Bilisummaa oromoo taasisaa jiru deggeruudhaan mootummaa wayyaanee sirna isaa ofirraa
barbadeessuuf sochii isaanii itt fufaniitu jiru.

Godina Arsii Aanaaleen Shan Bulchiinsa Wayyaanee Jalaa Bahuun Jaarsolii Biyyaan Bulaa Jiru.

Aside

4-must-go1Onkoloolessa 16,2016, Godina Arsii bahaa aanotni shan Aanaa Roobee Diida’aa Aanaa Balee gasgaar Aanaa Amiinyaa Aanaa suudee Aanaa Xannaa baadiyyaaf magaalaanis caasaa mootummaatin ala jaarsolii biyyaatin bulaa jiru Aanaa Roobee Magaalaa Roobee diida’aa keessatti namni maqaan isaa Saadiqoo Kiyaaroo Jedhamu manguddummaaf ummataaf mootummaa walitti araarsa jechuun ummataaf mootummaa jidduu deemee waan ummanni hin barbaanne dalaguurratti bobba’ee jira.

Aanuma kana keessatti basaastonniifi milishoonni ganda Jiddaa Roobee KAN Maqaan isaanii Baahmud Ahmad fi Bunee Amaan jedhaman FXG tibba kana naannawa sanatti godhamaa jirurratti ummanni meeshaa irraa hiikkatee ture. haata’u malee jarri kun ammas gocha isaanii itti fufuun waraana agaazii magaalaa keessaa yaasanii uf jalaan deemun dargaggoota guursisaa jiraachunis dhagayameera Daandii Adaamarraa Roobee Diida’aa deemu laggeen Roobe fi Moorxuxaa jedhamanitti riqichi isaa ummataan addaan citee tures akkasumatti jira Agaazii ilikopteran gadi fidaa jiru

Amboo Gara Galgalaa Show with Kiya Segni //Season01 Episode03 ‘Qeerroo’//

Aside

https://youtu.be/zJSsAIklug0