Dhumaatii Arsedee fi Sharpeville

Aside

Damee Boruun,

black-irreechaaMootummaan Sanyii balfattuu Afrikaa Kibbaa gara bara kudha sgalii fi jaatamaa keessa  warqii fi diamond baafachuuf humna hojjetaa uummata gurraachaa saamuu hojii isaa duraa godhate. Garuu namni qaaman gurracha tahe mirgaa fi haaqaa isaa gaafachuu hin danda’u. Kana malee eehama ittiin darbu qabaate malee hojii isaaniif illee magaala adii seenuu dorkaa dha. Gurraachi mana barumsaa addii deemee barachuus hin danda’u. Mindaan argatu garuu jiraachuuf isa hin gahu.  Waan tokko waan ifa bahee jiru cunqurfamaa fi cunqurstuun bifaan wal hin fakkaatan. Kannaafuu uummatni diinni isaa eenyu akka tahe ifatti beeka. Continue reading

TPLF Down,Down!!Wayyaane Down,Down!!

Aside

Guyyaa Har’aa Magaalaan Dambi Doolloo Kana Fakkaatti.

Aside

dami-doolloo

Sochii FXG Godina Wallaggaa Aanaa Nuunuu

Aside

Gabaasa Haala Irreecha Hora Arsadee

Aside

Wayyaaneen TPLF,Ayyaana Irreechaa bara 2016 gara Calanqoo fi Anoolee lammataatti geeddaruun uummata Oromoo 320 ol jumlaan galaafattee namoota 150 akka jabaa madeessuun Hospitaala seensiste.

Ganamuma “Ayyaana irreechaa baranaa UNSCO irratti waanan galmeessisuuf Alaabaa ABO qabattanii akkka hindhufne, nutis kan OPDO qabannee hin baanu…kan abbootii gadaa malee…” jechuun baasiilee miiliyoonotatti lakkaawamu baasuun Abbootii gadaa Hooteela Soodareetti walitti qabanii keeyyata qabxii 13 kan uf keessaa qabu baasan keessaa kan keeyyata 12ffaa irratti labsame uummatni alaabaa ABO qabatee akka irreecha kana irratti hin argamne kan akeekkachiisu yoo ta’u, uummatni xiiqiin guutame garuu alaabaasaa fannifatee soda tokko malee harkasaa ol qabee walirra qaxxaamursuun karaa nagaa qofa mallattoo Diddaa uummata Oromoo agarsiisaati gara irreeffannaatti seene.

Guutummaa Gabaasa Kanaaf:- ayyaana-irreechaa-bara-2016-wayyaaneen-gara-calanqoofi-anoolee-lammataatti-geeddaruun-uummata-oromoo-320-ol-jumlaan-galaafattee-namoota-150-akka-jabaa-madeessuun-hospitaala-seensiste

Ayyaanni Irreechaa Birraa Hora Arsadiii Guddaan Goolabame.

Aside

Onkoloolessa 3,2016
black-irreechaaUummanni Oromoo waggoota 6010 darban duraa eegalee Ayyaana guddaa Uumaa isaa itti galateeffatu ayyaana Irreecha Birraa qaba.Baroota darban keessatti gammachuuf jaalaalaan bahee wal gaggeessaa ture.
Guyyaa kaleessaa jala bultiirraa jalqabee uummanni tilmaamaan miliyoonotaan lakka’amutu fuula ifaa hawwii guddaan waaqa Uumaa galateeffachuuf magaalaa bushooftuu keessa ture. Ayyaanicha jaleewwaaniif mootummaan abbaa irrummaasaa addatti addunyaaf lallabu,Afarsa Siyyaasaa isaa taasifachuuf walitti qabachuun buchulloota isaanii.Kan naannoo sana qubatan Guyyaa har’aa ganama sa’a lama keessa oduu isaanii dubbatachuuf yoo ka’an Qeerroon mallattoo mormiif iyya dhageessisuun,akka hin waraabbanne taasisanii achii ari’anii jiran.Gootonnni Qeerroo ilmaan Oromoo diina isaanii hidhannoo guutuun itti dhukaasaa deemu,keessattuu dhukaasa Helekoptaraa irra keessaan jala warra lafoon irratti banamullee alaabaan barattoonni Oromoof Sabboontonni hedduun itti lubbuu isaanii dhabaa jiran Alaabaan ABO balali’ee oolee jira.

Helekoptarri dhufullee Uummanni jabaatee waltajjii Wayyaanee injifannoon diigee harka qullaa isaan lakkisee jira. Maaloo jedhanii jilbatti hanga kufanitti yoo kadhatanillee,gootonni dargaggoon Oromoo sagalee guddiftuu harkaa butuun sagalee guddaan mormiin gaggeefame aarii kanaaf jecha dhukaasi banamee qareeyyiin hedduun
lubbuun dabartee jirti. Continue reading

Video Haala Irreecha Bishooftuu 2016

Aside

Continue reading