SBO: Hagayya 31 bara 2016. Oduu, Gabaasa Hiriira Mormii Hawaasa Oromoo Kanaadaa-Toroontoo fi Walaloo Artiistota Oromootin qophaa’e Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Qophii Qaanqee show Hag 30, 2016 gafii fi debii Hanan Elemo Qilxuu, Professor Mohamed Hassan fi Dr S

Aside

Wayyaanee TPLF Ummata Godina Harargee Lixaa fi Godinoota Oromiyaa Kaan Dararuu Itti Fuftee Jira.

Aside

because-i-am-oromoHaayya 30,2016 Mootummaan abbaa irree Wayyaanee ajjechaa suukkanneessaa amma uummata bal’aa irratti raawwataa jirutti qoosuudhaan uummata mirga isaaf falmataa jirutti maqaalee adda addaa itti  maxxansuun tooftaa ittiin umurii isaa dheereffatu daandii cirataa jiraatuun beekame.
Harargee Lixaatti qonnaan bulaa gaaffii abbaa biyyummaa gaafatanii fi FXG finiinsan baatiwwan wal irraa hin cinneen humna waraanaa ramadee gocha suukkanneessaa kan ajjechaa raawwataa jiruun shororkeesitoota jechuudhaan gaazixessitoota isaa gara sanatti geessee miidiyaaf reeffa
namoota waraana isaan ajjeefaman dhiibbaa qaama biraadhaan itti dhufu jalaa bahuudhaaf shira reeffa uummata oromootti gaazixaa qopheessuudhaan gara Masalaatti ergitee jirti.
Gochi suukkanneessoon wayyaaneen adeemsisaa jirtu kun FXG kan duubatti deebisu itti fakkaatus yeroo ammaa haalli wal fakkaataan Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru duula hidhaa jumlaa fi saamicha Wayyaaneen uummata Oromoo irratti raawwataa jirtuudha. Inni kunis karaa ergamtootaa fi saroota ishee mandaraa fi magaalota keessa meeshaa qabatanii sosso’aniin uummata oromoo irratti kan raawwataa jiruudha.
Hidhaa jumlaadhaan oromiyaa keessatti amma mul’ata jiruun sochii warraaqsaa biyyoolessaa kan Qeerroodhaan adeemsifamaa jiru hagam wayyaanee kan raasee fi kufaatiif saaxile tahuu isaa kan hubatamuudha. Sodaa kanaaf mootummaan abbaa irreeTPLF FXG gama ittiin qabbaneessuu fi gufuu sochii warraaqsaa kana tahu falachudhaan duula hidhaatti amanee jira.  Continue reading

Godina Wallaggaa Qeellam Aanaalee Gara Garaa Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufe,Loltooti TPLFs Barattoota Heddumminaan Hidhaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

JHHagayya 30,2016, Qellem, Ona Anfilloo,Jimmaa Horroo, Dambi Doolloo, Qaaqee, Qeebbee fi ona garagaraa godinicha keeysatti argaman irraa Qeerroon humna badii kan taate loltoota Wayyaanetin funaanamaa jiraachuun gabaafamaa jira. Wayyaaneen amma kan abdii kutee fi  waggaan dhuftu kun Wayyaanef salphina tahuutti hubatee ilmaan Oromoo jajjabee fi abdii boruu tahan mana hidhaatti guuruun ejjennoo isaa tahee itti fufee jira. Qeerroon Qellem irra odeessa dhiyeessaa jiruun torbee kana keessa dargaggoonni hedduun dhabamaniiru halkan halkan mana mana irrra deemuun humni addaa Wayyaanee dargaggoota ukkaamsaaa jiraatuun kan gabaasanii fi akkasuma barattootni kutaa 12ffaa baratan magaala Jimmaa Horroo irraa hidhaa fi ajjechaa amma oromiyaatti gaggeeffamaa guyyaa qabxiin deebii isaanii biiroo barnota biyyattiirraa kennametti walitti dhufuudhaan mallattoo FXG sodaa malee humna wayyaanee dura dhaabbatanii agarsiisuu irraan kan ka’e ukkaamsamuun gabaafamee jira. suuran asirratti argamu barattoota kutaa 12ffaa JImmaa Horroo irraa barataniidha.

Odeessi dabalataa Godina sanarraa dhufes yeroo ammaa kana dargaggoon mana isaanii gadhiisanii kaan bosona kaan laga keessa kaanis bakka birootti godaanaa jiraachuun Qeerroon gabaasee jira.
Akkasuma ona hedduutti “Barri 2009 Mootummaa Wayyaaneef Salphina Tahuu Qaba” jedhu waajjiraalee fi bakka oolmaa hojjetoota mootummaa hedduutti maxxanfamaa buluun tikni fi ergamtootni Wayyaanee kan baaragan naasuu keessa seenanii ijoollee hidhaatti guuruu hidhatoota isaanii guurratanii halkanii guyyaa kufaati isanii kana oolfachuuf ona hedduurra deemaa jiru. Kun yeroo kana Qellem qofa kan hin taane Oromiyaa guutummaa tahuunis shakkii kan hin qabne hidhaanii fi ajjechaan ammallee hiika akka hin taanetti wayyaaneen hubatee jira.
Tikoonni isaa kufaatii mootii isaanii kana oolfachuuf humna hidhannootiin Qeerroo hidhaatti guuruu jabeeffataa jiraachuun kan godinaalee mara irraa odeessi Qeerroo nu gahaa jiruudha. Hidhaa fi Ajjechaan FXG Duubatti Hin Deebisu