Haayya 30,2016 Mootummaan abbaa irree Wayyaanee ajjechaa suukkanneessaa amma uummata bal’aa irratti raawwataa jirutti qoosuudhaan uummata mirga isaaf falmataa jirutti maqaalee adda addaa itti maxxansuun tooftaa ittiin umurii isaa dheereffatu daandii cirataa jiraatuun beekame.
Harargee Lixaatti qonnaan bulaa gaaffii abbaa biyyummaa gaafatanii fi FXG finiinsan baatiwwan wal irraa hin cinneen humna waraanaa ramadee gocha suukkanneessaa kan ajjechaa raawwataa jiruun shororkeesitoota jechuudhaan gaazixessitoota isaa gara sanatti geessee miidiyaaf reeffa
namoota waraana isaan ajjeefaman dhiibbaa qaama biraadhaan itti dhufu jalaa bahuudhaaf shira reeffa uummata oromootti gaazixaa qopheessuudhaan gara Masalaatti ergitee jirti.
Gochi suukkanneessoon wayyaaneen adeemsisaa jirtu kun FXG kan duubatti deebisu itti fakkaatus yeroo ammaa haalli wal fakkaataan Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru duula hidhaa jumlaa fi saamicha Wayyaaneen uummata Oromoo irratti raawwataa jirtuudha. Inni kunis karaa ergamtootaa fi saroota ishee mandaraa fi magaalota keessa meeshaa qabatanii sosso’aniin uummata oromoo irratti kan raawwataa jiruudha.
Hidhaa jumlaadhaan oromiyaa keessatti amma mul’ata jiruun sochii warraaqsaa biyyoolessaa kan Qeerroodhaan adeemsifamaa jiru hagam wayyaanee kan raasee fi kufaatiif saaxile tahuu isaa kan hubatamuudha. Sodaa kanaaf mootummaan abbaa irreeTPLF FXG gama ittiin qabbaneessuu fi gufuu sochii warraaqsaa kana tahu falachudhaan duula hidhaatti amanee jira.
Odeessaan Qeerroo torbanoota kana Oromiyaarraa dhufaa jiru mootummaan hanga gandaatti kanneen isaaf amanaman qofa humna raayyaa ittisa biyyaatiin qaroo uummata oromoo kan tahan Qeerroo mana hidhaatti guursisuuf duula gaggeessaa jira. Godina kanneen akka Harargee lixaa fib aha, Arsii lixaa fib aha, Baalee, Boora fi Gujuu, shawaa bahaa fi shawaa lixa wallagga lixaa fi bahatti uummata nagaa halkan mana seenuun hidhaan ukkaamsuu fi guyyaas daandiirratti namoota qopha deeman adamsuudhaan bakka buutee dhabamsiisaa jiraachuun gabaafamee jira. Naannoo Oromiyaa dabalatee Naannoo Amaarratis fincilli jabaan wayyaanee muddee jira. Guyyoota lamaa fi sadii asitti daandiiwwan konkolaataa cufamuudhaan, hojjetaan mootummaa bakka jiruu hojjii dhaabuun kan bubbulee fi tajaajilli garagaraa kennamu hojii dhaabuu caasaan naannoo Amaaraa beeksisee jira. kana birattis uumanni naannoo Amaaraa tarkaanfii qabeenyaa wayyaanee fi qaama mootummaa irratti haala wal fakkaataadhaan fudhatuun gabaasaan ibsa.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (August) | OromianEconomist