Godina Wallaggaa Qeellam Aanaalee Gara Garaa Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufe,Loltooti TPLFs Barattoota Heddumminaan Hidhaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

JHHagayya 30,2016, Qellem, Ona Anfilloo,Jimmaa Horroo, Dambi Doolloo, Qaaqee, Qeebbee fi ona garagaraa godinicha keeysatti argaman irraa Qeerroon humna badii kan taate loltoota Wayyaanetin funaanamaa jiraachuun gabaafamaa jira. Wayyaaneen amma kan abdii kutee fi  waggaan dhuftu kun Wayyaanef salphina tahuutti hubatee ilmaan Oromoo jajjabee fi abdii boruu tahan mana hidhaatti guuruun ejjennoo isaa tahee itti fufee jira. Qeerroon Qellem irra odeessa dhiyeessaa jiruun torbee kana keessa dargaggoonni hedduun dhabamaniiru halkan halkan mana mana irrra deemuun humni addaa Wayyaanee dargaggoota ukkaamsaaa jiraatuun kan gabaasanii fi akkasuma barattootni kutaa 12ffaa baratan magaala Jimmaa Horroo irraa hidhaa fi ajjechaa amma oromiyaatti gaggeeffamaa guyyaa qabxiin deebii isaanii biiroo barnota biyyattiirraa kennametti walitti dhufuudhaan mallattoo FXG sodaa malee humna wayyaanee dura dhaabbatanii agarsiisuu irraan kan ka’e ukkaamsamuun gabaafamee jira. suuran asirratti argamu barattoota kutaa 12ffaa JImmaa Horroo irraa barataniidha.

Odeessi dabalataa Godina sanarraa dhufes yeroo ammaa kana dargaggoon mana isaanii gadhiisanii kaan bosona kaan laga keessa kaanis bakka birootti godaanaa jiraachuun Qeerroon gabaasee jira.
Akkasuma ona hedduutti “Barri 2009 Mootummaa Wayyaaneef Salphina Tahuu Qaba” jedhu waajjiraalee fi bakka oolmaa hojjetoota mootummaa hedduutti maxxanfamaa buluun tikni fi ergamtootni Wayyaanee kan baaragan naasuu keessa seenanii ijoollee hidhaatti guuruu hidhatoota isaanii guurratanii halkanii guyyaa kufaati isanii kana oolfachuuf ona hedduurra deemaa jiru. Kun yeroo kana Qellem qofa kan hin taane Oromiyaa guutummaa tahuunis shakkii kan hin qabne hidhaanii fi ajjechaan ammallee hiika akka hin taanetti wayyaaneen hubatee jira.
Tikoonni isaa kufaatii mootii isaanii kana oolfachuuf humna hidhannootiin Qeerroo hidhaatti guuruu jabeeffataa jiraachuun kan godinaalee mara irraa odeessi Qeerroo nu gahaa jiruudha. Hidhaa fi Ajjechaan FXG Duubatti Hin Deebisu

2 responses

  1. Pingback: Godina Wallaggaa Qeellam Aanaalee Gara Garaa Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufe,Loltooti TPLFs Barattoota Heddumminaan Hidhaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase. — QEERROO – The Daily Watcher

  2. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (August) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: