SBO Waxabajjii 26,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Gaaffii fi deebii barattoota Oromoo dhaabbilee barnootaa adda addaa kanneen FXG keessatti hirmaachuun qooda adda addaa gumaachaa turan waliin goone kutaa 3ffaa fi xumura, akkasumas Gabaasa HRW irratti qophii qophaa’e kutaa xumuraa

Aside

The success of Brexit (British exit) campaign has made the dream of Oromia exit (Orexit) from Ethiopian Empire more valid and justified: Objective championed by the OLF.

Aside

Leelloo Sabaa

LeelloooBecause of life time decision that the British people had to make and the fall out of that decision around Europe, for Europeans in general and British people in particular, the last several months were rather very difficult. The campaign temperature for “leave” European Union (Brexit) led by personalities like the leader of UK independence Party Nigel Farage, former London mayor Boris Johnson and his ally Michael Gove from the Conservative Party led by Prime Minister Cameroon in one hand and the campaign for “remain” in European Union led by the British Prime Minister Cameroon himself went so high and even led to the assassination of remain campaigner and British law maker Jo Cox. Emotion did run high, insult were hurled and accusation and counter accusations were rampant. While the Brexit or pro “leave” campaigners argued the exit from European Union is to take back control, sovereignty, pride, and independence of British from European Union, the “remain” campaigners argued that British is better off in European Union. The pro “remain “ campaigners argued that tackling economic problems, fighting terrorism and tacking immigration problems would be easy when British is in European Union. The pro “leave” campaigners, chanted, “Bring back British sovereignty and independence!” They even argued that United Kingdom is shackled to the corps of European Union. While these campaigns were running, majority of British: pundits, political analysts, medial personalities and those who conduct opinion poll were forecasting the win for remain campaigners.The success of Brexit from European Union has made the dream of Oromia exit

Godina Arsii Aanaa Muneessaa Magaaa Qarsaa keessatti FXG Itti Fufee Jira.

Aside

Waxabajjii 24,2016

Godina Arsii aanaa Muneessaa Magaaa Qarsaa keessatti ummanni bahee mormi cimaa dhageessisaa oolun cunqursaan hin bullu wayyaanen diina keenya jechaa oolan amma galgala kana ammoo hidhatoonni mooummaa ummata jeeqaa jiru karaarratti qabanii reebutti jiru,Shaashamanneenis guyyaa kaleessaa irraa eegaltee waraana Wayyaanetiin kan yeroo biraarra guuttamtee jirti.

Godina Wallaggaa Magaalaa Giddaa Ayyaanaa Keessatti FXG Akka Itti Fufetti Jira.

Aside

Giddaakoo Giddaan giddima

Lixa Oromiyaa Keessatti Warraqsi FXG Jabaatee Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Waxabajji 24,2016

Najjo sanyii Abdiisaa
NajjooGodina Wallaggaa lixaa aanaa najjoo bulchiinsa magaalaa Warra Jirruu keessatti fincilli xumura garbummaa bifa haaraan dhohee jira.Fincilli kun kan jalqabe baratoota mana barumsaa sadarkaa 2ffaa magaalattiin yeroo ta,u fincilichi daran jabaachuun guutummaa uummata magaalattii
dhuunffachuun dhaga,amee jira.
Dhaadannoowwan jajjaboof Walleewwan onnechiisoo wallee warraaqsaa dhageessisaa tura.Humni federaalaas baratoota nagaa irratti dhukaasa banuun magaalattii goolaa jiraachuu maddeen keenya achirraa nu qaqaban ifa godha

“Qawwee Kee Mukatti Hirkisi” Jechaa Mootummaa Wayyaanee Balaaleffachuun Qeerroon Godina Wallaggaa Aanaa Gullisoo Guyyaa Har’aa Waxabajjii 24,2016 FXG Gaggeessan.

Aside

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Ajjechaan Ilmaan Oromoo Irratti Raawwataa Jiru  FXG Boodatti Hin Deebisu!!

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaan Wayyaanee Abbaa Irrummaa isaa bifa mul’ataa fi dhokataadhaan gadi jabeessee itti fufuun lammillee Oromiyaa ilmaan Oromoo mana jireenya isaa fi bakkoota hojii akkasumas manneen barnootaa sadarkaa gadii hamma Yuniverstii keessatti adamsuun rasaasaan ajjeesaa kaanis hidhaatti guuraa aangoo irra bubbuluun waggppta 26 lakkaawataa jira.

Waggoota umurii Mootummaan EPRDF(TPLF) aangoo irra ture kana keessatti qabsoo uummanni Oromoo taasisaa turee fi itti jiru keessatti qabsoo karaa nagana mirga uummata Oromoo argamsiisuuf carraaqiin ta’ee keessatti biyya abbaa isaa keessatti roorrifamuu fi hiraarfamuun sabi Oromoo nagaa dhabaa jira. Nagaan bahanii mirga uumamaa fi namoomaa gaafachuun akka yakka ta’eetti meeshaan waraanaa fi humni waraanaa uummata nagaatti duulchifamee ajjeechaan akkaanii uummata Oromoo irra gahaa waggaa 26 lakkoofse.Kunis ta’ee qabsoo sabi Oromoo deemsisaa jiru duubatti deebisuu hin dandeenye.Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 2016

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Waxabajjii 23,2016

Aside

FXG Dhaabuuf Wayyaaneen Trakaanfii Ilmaan Oromoo Irratti Fudhataa Jirtu Itti Fufus FXG Jabeessee Iti Fufeera

Aside

Waxabajii 23,2016
Wayyaaneen yeroo ammaa oromiyaa keessatti FXG dura dhaabbachuudhaaf ajjeechaa haalli isaa hin beekamne kan bifa jijjiirrate dhokataa ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiru addatti godina Arsii lixaa magaala shaashimanneetti torban lamaa asitti ilmaan Oromoo nagaa irratti tarkaanfiin ajjechaa raawwataa jiru daran suukkanneessaa kan taheedha. Kana malees waraanni wayyaaneen kan aggaamee ajeese mootummaan gaafatamaa jalaa bahuuf lola dhuunfaa fi firaatti jijjiiraa jira. akka fakkeenyaatti shamarree  guyyaa lamaan dura calanqootti ajjeefamte mootummaan wayyanee lola dhuunfaatti jijjiiree jira. kan waraanni ajjeese akka waan firaan, dhuunfaadhaan lolli uumamee lubbuu ilmaan Oromootti taphataa jira. Haatahu malee akkasuma godina Arsii lixaa magaala Shaashimanneetti lubbuu halkan halkan darbee bulu hin dhaabbanne hanga ammaatti.
Mootummaan Wayyaanee shiroota garagaraa xaxee dadhabee milkaawuu hin dandeenye. Haala kanaan amma oromiyaa keessa godina shawaa lixaa, Wallagga lixaa, Wallagga bahaa keessatti kaleessa Waxabajii 22/2016 irraa kaasee ajjechaan ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiru dhaabachuu qaba, kan hidhatamanis haa gadhiifaman jechuudhaan FXG itti fufeetu jira.
Godina Shaggar  lixaa aanaalee hedduutti daandiin cufamee jira kaleessa irraa kaasee. Akkasuma wallagga lixaa magaala Mandii, Najjoo, Haaruu
fi kkf keessatti mormiin uummataan waan jabaateef humni waraana agaazii jedhamu kan lubbuu ilmaan Oromoo dhangalaasee bare ammallee godinoota kannenitti bobahaa jira. wayyaaneen ammas nagaadhaan aangooshee irraa kan hin buune yoo tahe tarkaanfiin ilmaan ishee Oromiyaa keessaa qabdu ilmaan tigrootaa irratti akeekamee jiru galma gahuu kan hin hankaakneedha.

Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Keessatti Warraaqsi Akkuma Finiinetti Jira

Aside

Waxabajji 23,2016
Itti fufaHar’a magaalaan Amboo daran dirree waraanaa fakkaattee jirti. Mormiin Wayyaanee wajjin eegalame itti fufuun barattoonni kutaa 11ffaa qophaa’inaa Amboo balaaleffannaa ajjeechaa uummata Shashamannee,du’a garajabumma mootumichi uummata oromoorratti fudhachaa jiru addatti mormaa jiru.

Magaalattii keessatti dhaadannoon barattootaan dhagaa’aman mootummaa shororkaa yaaddoof rifaatuu keessa galchee jira.Barattoonni kutaa 11 barumsa dhiisanii ya’anii murna bicuu daguggaa sanyii keessattuu Shaashamannee keessatti fudhachaa jirtu balaalefataa jiran,Ajjeechaa suukanneessaa akka hatattamaan dhaabu gaafatan.Haalli magaala keessaa hedduu yaaddeessaadha.Humna afaan qawweetti amanu dura barattoonni dhaabatanii mormii haala gaariin dhageessisaa jiru.Konkolaataan olis ta’e gadi deemu sakatta’insa cimaa irra jira.Baajaajonni magaalaa keessaas yeroo deemanis ta’e deebi’an sakkatta’amaa jiru uummata konkolaataa keessa Jiru dabalatee. magaalaan qondaaltota Wayyaaneen guutamtee jirti.
Oduu dabalataan gara Lixa Oromiyyatti yoo darbinu Magaalaan Mandii kaleessa balaaleffannaa mootummaa Wayyaaneerra turuun ,Mootummaan gochawwaan rifaasisoo hatatamaaan akka Uummata Oromoorraa dhaabu,Ajjeechaa dukkana uffatee Uummata nagaarratti banee jiru,Keessattuu ajjeechaa magaalaa Shaashamanneefi ajjeechaa durbee Sabriinaarra dhaqabee jiru,Ajjeechaa garaa namaa madeessuu akkasii,Hatatamaan akka harkasaa irraa deeffatu,Gaafatanii jiran Gochaawwaan fokkisoo mul’inatti nurratti fudhatamuuf kan harkasaa hin deffanne yoo ta’e,Uummati murtoo mataasaa fudhachuuf qophii ta’uu,Barattootaaf jiraattonni Mandii mormiisaaniin ibsatanii jiru.