Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Keessatti Warraaqsi Akkuma Finiinetti Jira

Aside

Waxabajji 23,2016
Itti fufaHar’a magaalaan Amboo daran dirree waraanaa fakkaattee jirti. Mormiin Wayyaanee wajjin eegalame itti fufuun barattoonni kutaa 11ffaa qophaa’inaa Amboo balaaleffannaa ajjeechaa uummata Shashamannee,du’a garajabumma mootumichi uummata oromoorratti fudhachaa jiru addatti mormaa jiru.

Magaalattii keessatti dhaadannoon barattootaan dhagaa’aman mootummaa shororkaa yaaddoof rifaatuu keessa galchee jira.Barattoonni kutaa 11 barumsa dhiisanii ya’anii murna bicuu daguggaa sanyii keessattuu Shaashamannee keessatti fudhachaa jirtu balaalefataa jiran,Ajjeechaa suukanneessaa akka hatattamaan dhaabu gaafatan.Haalli magaala keessaa hedduu yaaddeessaadha.Humna afaan qawweetti amanu dura barattoonni dhaabatanii mormii haala gaariin dhageessisaa jiru.Konkolaataan olis ta’e gadi deemu sakatta’insa cimaa irra jira.Baajaajonni magaalaa keessaas yeroo deemanis ta’e deebi’an sakkatta’amaa jiru uummata konkolaataa keessa Jiru dabalatee. magaalaan qondaaltota Wayyaaneen guutamtee jirti.
Oduu dabalataan gara Lixa Oromiyyatti yoo darbinu Magaalaan Mandii kaleessa balaaleffannaa mootummaa Wayyaaneerra turuun ,Mootummaan gochawwaan rifaasisoo hatatamaaan akka Uummata Oromoorraa dhaabu,Ajjeechaa dukkana uffatee Uummata nagaarratti banee jiru,Keessattuu ajjeechaa magaalaa Shaashamanneefi ajjeechaa durbee Sabriinaarra dhaqabee jiru,Ajjeechaa garaa namaa madeessuu akkasii,Hatatamaan akka harkasaa irraa deeffatu,Gaafatanii jiran Gochaawwaan fokkisoo mul’inatti nurratti fudhatamuuf kan harkasaa hin deffanne yoo ta’e,Uummati murtoo mataasaa fudhachuuf qophii ta’uu,Barattootaaf jiraattonni Mandii mormiisaaniin ibsatanii jiru.

Dhaamsa Oromummaa Dargaggoota Oromoo Biyya Oromiyaa Keessa Jirtan Hundaaf:

Aside

Milkeessaa Haayiluu Irraa

TokkummaaAkkuma baayyeen keessan hubattan yeroon fi barri amma keessa jirru kun haala heddu walxaxaa, qaxxaamuraa fi jijjiiramaa keessa jiraachuun keenyi hunda keenyaaf ifa galaa natti fakkaata. Haala ulfaataa fi jijjiiramaa ta,e kana immoo gara ofii keenya feenutti jijjiiruuf gara bilisummaa keenyaatti geessuuf kan beekumsa, dandeettii, humnaa fi hiree seenaa kan itti qabu isin dargaggoo oromoo (Qeerroo oromoo) Oromiyaa keessa jirtanii ti. Seenaan qabsoo ummata oromoo bara dheeraa suuta adeemee deemee dhufee harra irra gahee hiree ummata bal,aa oromoo harka keessan galchee akka jiru waan hubattanii dursitani beektanii dirqama seenaan isinitti keenne kana bakkaan galiidhaan gahuuf qabsoo hadhooftuu harka qullaa keessan morma diina jalatti diina waliin kookkee walqabaa akka jirtan diinnis firris ni beeka. Haata,uutii jireenyi gabrummaa, ummata bilisummaa hin qabnee bifa kamiinuu taanaan ulfaataa fi gadadoo akka ta,e ifaadha.DHAAMSA OROMUMMAA GABAABDUU ONNEE KIYYA IRRAA TAATE