SBO Waxabajjii 19,2016. Oduu, Ijoo Dubbii ABO, Warraaqsa FXG keessatti hirmaachuun qooda mul’ataa kan qaban barattoota Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo dabalatee sadarkaa adda addaa irra turan waliin marii geggeeffame, Gabaasa HRW fi gaaffii fi deebii Ajajaa Humna Ittisa Ummataa waliin

Aside

Best Oromo Music Award

Aside

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaay Coommaan Suuluula Warshaa Sukkaaraa Finca’aa fi Mana Barusuu Suuluulaa Finca’aatti Warraaqsii FXG Bifa Adda Ta’een Dhoofame Alaabaan ABO Fajjiin Qabsoo Bilisummaa Oromoos Ol Qabamee Dhaabamuun Ibsame Jira.

Aside

Waxabajjii 17-18/2016 
BarsiisotaGoototni uummatni Oromoo hojjettootni warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa ,goototni barattootni Oromoo mana barumsaa Suluulaa Fincaa’aa sadarkaa 1ffaa  kutaa 1ffaa hanga kutaa 8ffaatti jiran warraaqsaa FXG finiinsuun alaabaa ABO mooraa mana barumsichaa keessa dhaabbachuun sa’aa 4:OO oliif fajjiin qabsoo bilisummaa Oromoo alaabaan ABO dhaabbate tureera.

Sochiin warraaqsaa kun mooraa warshaa sukkaraa fincaa’aa keessattis daran jabaachuun dargaggootni jiraattootni Oromoo hojii dhabdootni naannoo warshaa Sukkaaraa fincaa’aa waliin walitti dhufuun warraaqsaa FXG  daran finiinsuun gabaafame. Sababaa guddaan Warraaqsaa FXG kanaaf adda ta’ee Mootummaan abbaa irree wayyaanee hojjettoota haaraa warshaa sukkaaraa Fincaa’aaf namootaa naannoo Oromiyaa fi Oromoo hin ta’a’iin 40 fidee warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa keessatti qacare midaa guddaan akka tajaajilaniifi basaastummaa fi shira dalagaa jiraataan kan taasifame yoo ta’uu, Uummatni Oromoo fi dargaggootni Oromoo Warshaa Suluulaa Finca’aatti argamanii fi Uummatni jiraattootni naannoo warshaa  dargaggootni keenyaa hedduun barnoota sadarkaa digirii fi diplomaan eebbifamanii hojii dhabaa ta’anii utuu jiranii nanoota hin baratnee fi kashalabboota  naannoo biro irraa finadanii uummatarratti ramaduun hacuuccaa guddaa fi roorroo mootummaan abbaa irree nurratti raawwachaa jirudha jechuun  Furmaatni uummatni keenya qabu warraaqsaa keenyaa gama hundaan jabeessuu mirga abbaa biyyummaa keenyaa kabachiisuuf Warraaqsii FXG itti fufuu qabna jechuun warraaqsaa dhoosuun shira diinaa dura dhaabbatan. Mootummaan abbaa irrees akkuma amala isaa humna waraanaa agaazii uummatarratti bobbaasuun uummata goolaa jiraachuun ibsame jira.

Aside

Waxabajjii 16-17/2016 Godina Lixa Shagar  Ambootti  Goototni Barattootni Oromoo M/B Amboo Sadarkaa 2ffaa Fi Qophaa’inaa Qormanni Kutaa 12ffaa Utuu Nuti Hin Baratiin Nuuf Kennamuuf  Jiru Kun Kan Keenyaa Adda Ta’uun Nu Midhuuf Kan Karoorfamedha Jechuun Warraaqsaa
FXG Finiinsan.
Qormaatni Biyyoolessaa kutaa 12ffaa utuu hin baratiin nuuf kennamuuf jiru kun akka guutuu biyyattiitti j`alqaba baatii Adoolessaa kennamuuf kan jiru Kana Godina keenyaa Addatti  M/B Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa fi Maneen Barnootaa tokko tokkoo keessatti guyyaa adda ta’eetti kennuuf karoorfachuun kan nu miidhuuf karoorfamee fi nu shororkeessuu malee bu’aa tokkoo iyyuu hin qabuu waan ta’eef  yoo kan qoramnu ta’ee haaluma wal fakkaatuun qoramna malee ofumaa itti fakkeessiif guyyaa adda ta’etti qabuun kun bu’aa hin qabu jechuun gaaffii mirgaa dhiyeeffachuun deebii waan dhorkatamaniif warraaqsaa keenyaa daran jabeessuun itti fufuun uummata Oromoo hundaaf furmnaata jechuun Warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaa FXG bifa adda ta’een Waxabajjii 16/2016 irraa eegaluun kan qabsiisaan guyyaa har’a Waxabajjii 17/2016 warraaqsaa FXG daran jabeessuun sagalee daadannoo guddaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi kabajamuu mirgoota dimookiraasii fi dhala namaaf deebiin nuuf kennamuu qaba, abbaan irree qawween nu bulchaa jiruu aangoo irraa haa kaafamu jechuun mormii isaanii jabeessan.
Motummaan bakka bu’insa uummataa hin qabne abbaan irree Wayyaanee akkuma amala isaa loltoota agazii barattootatti  ol seensisuun gaazii
summaa’aa nama imimmeessuun irratti dhukaasuun barattoota hedduu akka malee reebuu fi madeessuun, kaan immoo hidhatti ukkaamsuun gabaafame jira.

Director M/B sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa kan ta’ee Namni Ambassee Tulluu jedhamuu waraana agaazii barattoota qalama malee waatu of harka hin qabnetti seensisuun yakka waraanaa barattoota irratti rawwachisaa jira. Namni Ambasee Tulluu jedhamu kun asiin Fuldura bara 2013 yeroo Directora Mana Barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina turettis barattoota Oromoo 30 Ol barnootarraa guutummaatti kan arii’achaa turee fi bara kana illee Barattoota Oromoo 8 M/B Amboio sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa irraa maqaa barattootni kun shororkeesitoota jedhuun dabarsee diinatti kennuun kaan hiisisee kaan barnootarraa arii’achuun daba daangaa hin qabnee barattoota Oromoo fi barsiisota Oromoo irratti dalaguun kan beekamu waan ta’eef uummatni Oromoo sabboontootni Oromoo lukkee diinaa kana irraa of eegachuu fi bakka argameetti gumaa barattoota Oromoo bara dheeraa akka bahaattan dhaamsii Oromomummaa isiniif dabarfamee jira. Warraaqsii itti fufa, garboomsaan ni kufa!!

Lixa Shaggar Naannoolee Baadiyaaleet Keessatti Isin ABO dha Jechuun Poolisiin Wayyaanee Uummata Nagaa Hidhaatti Guuraa Jira..

Aside

Odeessa Qeerroo Waxabajii 18/2016
Itti fufaFXG Shaggar lixaa magaala Amboo fi Gindabarat keessatti har’a Qeerroodhaan itti fufee jira. guyyoota muraasa dura Wayyaanee humna Finfinnee gara Shaggar lixaa shakkii qabduun gara Gindabarat fi Gincii irra qubachiistee turte. Qeerroon godina Shaggar lixaa sodaa humna waraana wayaaneef bakka hin laannee guyyaa har’a waxabajii  FXG itti fufuudhaan tarkaanfii fi dhaadannoo dhageesisuudhaan FXG itti fufuun Qeerroon kan gabaaseedhaa.

Akka maddeen keenya Qeerroon godina Shaggar lixaa addeessutti magaala Ambotti har’a ganama irraa kaasee daandinis cufaa ture Qeerroon dhuunfatee sirbota qabsoo dhageesisuu fi asii achi socho’uudhaan dhaadannoo dhageesisaaa tureera. Gara sa’a boodatti wayyaaneen sochii Qeerroo magaala Ambootti feshelessuuf humna poolisii qabdutti dhimma baatee Qeerroo dura dhaabbachuuf yaalii taasiste tarkaanfii Qeerroon poolisoota irratti fudhateen poolisii Wayyaanee mgaala Amboo keessaa baasuudhaan sirbota qabsoo fi dhaadannoo garagaraa dhageesissaa oolaniiru.

Odeessa Qeerroo gabaafame waliin

–          OROMIYAAN KAN OROMOOTI

–          ABBAAN BIYYUMMAA OROMOODHAAN HAA MIRKANAA’U

–          ABBAAN BIYYAA ABO DHA!

–          BILISUMMAA FI WALABUMMAAN DEEBII QANSOO KEENYAATI

–          QABSOON GARA WAYYAANEE MALEE GARA ERTIRAA MITI

–          ILMAAN OROMOO WARAANA WAYYAANEE KEESSA JIRTAN HIN GOWOMINAA DU’AAFIS HIN OF HIN WAREEGINAA UUMMATA KEESSANIIF DHAABBADHAA

–          RASAASNI DUUBATTI NUN DEEBISU

–          HIDHAAN HIIKA HIN TAHU

–          WAYYAANEEN SAAMTUUDHA OFIRRA KAASNA

Jechuudhaan dhaadannoo dhageesisaa oolaniiru.

 Apartheid fi Nafxanyaa

Aside

Damee Boruutiin

Barreessaa dhugaa baasa!Yaroo tokko tokkoo diina ofii enyummaa isaa adda baasanii hubachuu fi sagalee siyaasaa sirrii taheen waamuun barbaachisaa ni taha. Impaeerri  Itopiyyaa  kan ijaaramee fi kan ittiin bulaa ture akka Mootummaa Amaharaa taheetti  fudhatamaa ture. Har’as akka Motummaa Amharaatti warri waamaa jiru akka jiran ni jirra. Garuu haalli ture utuu gadi fageessamee xinxalamee ammam dhugaa tahee mul’ata? Mootummaan Impayeera Itopiyaa kan ijaare nafxanyoota.

Akkuma Sanyiin Boor Awuropaa irraa dhufanii AFrikaa Kibbaa irra qubatan Nafxanyoonis Sanyii Amharaa irraa citanii  golga biyya Oromoo irra qubatan. Sana dura Mootonni Habashaa biyya Oromoos tahe kan naannoo Oromiyaa jiran cabsanii bituuf ayyaana hin arganne. Kanaafuu Mootummaan isaanii Mootummaa Habashaan beekamaa ture.

Mootummaan  Aparteid fi kan nafxanya haala  wal isaan fakkeessuu fi adda issan godhu mee gargar baafnee haa ilaallu:

  1. Seenaa koloneefataa keessatti yaroo tokko itti uummataa nagaan jiraatu biyya isa irratti cabsanii aangoo ijaarachuudhaan lafaa fi qabeenya biyya humnan kan dhufaa isaanii godhatan
  2. Lachuu sanyii isaanii irraa citanii uummata hin injifatan keessa qubatanii biyya qabatan kana kan dhuunfaa isaan godhachuuf seeraa fi heera baafatan.
  3. Lachuu seenaa , aadaa fi afaan biyya keessa qubatanii akka baduuu fi tufatamu gochuun hammeenya wal fakkaatu raawwatanii jiru.
  4. Afaan isaanii afaan hojii Mootummaa fi afaan ittiin baratan gochuudhaan afaan uummani bal’aan dubbatu akka hojii irra hin oollee fi hin guddanne godhaniiru.
  5. Ummatni akka of hin injaarre, akka haqa isaa karaa nagaa hin gaafanne , mirga dhalootaan qabu sarbaniiru. Apartheid fi Nafxanyaa