Waxabajjii 17-18/2016
Goototni uummatni Oromoo hojjettootni warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa ,goototni barattootni Oromoo mana barumsaa Suluulaa Fincaa’aa sadarkaa 1ffaa kutaa 1ffaa hanga kutaa 8ffaatti jiran warraaqsaa FXG finiinsuun alaabaa ABO mooraa mana barumsichaa keessa dhaabbachuun sa’aa 4:OO oliif fajjiin qabsoo bilisummaa Oromoo alaabaan ABO dhaabbate tureera.
Sochiin warraaqsaa kun mooraa warshaa sukkaraa fincaa’aa keessattis daran jabaachuun dargaggootni jiraattootni Oromoo hojii dhabdootni naannoo warshaa Sukkaaraa fincaa’aa waliin walitti dhufuun warraaqsaa FXG daran finiinsuun gabaafame. Sababaa guddaan Warraaqsaa FXG kanaaf adda ta’ee Mootummaan abbaa irree wayyaanee hojjettoota haaraa warshaa sukkaaraa Fincaa’aaf namootaa naannoo Oromiyaa fi Oromoo hin ta’a’iin 40 fidee warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa keessatti qacare midaa guddaan akka tajaajilaniifi basaastummaa fi shira dalagaa jiraataan kan taasifame yoo ta’uu, Uummatni Oromoo fi dargaggootni Oromoo Warshaa Suluulaa Finca’aatti argamanii fi Uummatni jiraattootni naannoo warshaa dargaggootni keenyaa hedduun barnoota sadarkaa digirii fi diplomaan eebbifamanii hojii dhabaa ta’anii utuu jiranii nanoota hin baratnee fi kashalabboota naannoo biro irraa finadanii uummatarratti ramaduun hacuuccaa guddaa fi roorroo mootummaan abbaa irree nurratti raawwachaa jirudha jechuun Furmaatni uummatni keenya qabu warraaqsaa keenyaa gama hundaan jabeessuu mirga abbaa biyyummaa keenyaa kabachiisuuf Warraaqsii FXG itti fufuu qabna jechuun warraaqsaa dhoosuun shira diinaa dura dhaabbatan. Mootummaan abbaa irrees akkuma amala isaa humna waraanaa agaazii uummatarratti bobbaasuun uummata goolaa jiraachuun ibsame jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 ( June) | OromianEconomist