Waraanni Wayyaanee Godina Arsii Aanaa Roobee Ganda Suudee Sinbixaa Jedhamu Irraa Ummata Oromoo Hidhuun Nagaa Dhorkaa Jira.

Aside

Because I am OromoWaxabajjii8,2016 Godina Arsii aanaa Roobee ganda Suudee sinbixaa jedhamutti Adda Bilisummaa Oromootif nama ijaaraa jirtu jechuun namoonni kudha shan har,a ganama qabamanii waajjira poolisii aanaa roobeetti hidhaa jiraachuun dhagayame isaan keessaa kan maqaan isaanii nu gahe
1 Kadiir kamaal
2 Jundii Amaan
3 Abbaas Huseen
4 Shamsaddiin Turii
5 Amiin kamaaloo
6 Ahmaddiin Huseen
7 Keeyruu Jeylaan
8 Muhaammad Tunaa jedhamu.

Gama biraan Yuuniversitii Haromaayyaatti dhiyoo doormiin barattoota dhiiraa gubatuu irraa kan ka’e mooraan yuunniversitichaa humna waraana Wayyaaneen kan toohatamee fi buufata waraana tahe gabaasuun keenya ni yaadatama. Haala kanaan barattootni waggaa tokkkoffaa baratanis mootummaan wayyaanee akka galan dirqisiisee akka galan taasifameetu jira. Guyya doormiin barattootaa gubatee kaasee barattootni hedduunis yeroodhaa yerootti hidhaatti guuramaa jiraachuunis hubatamee jira. barattootni hedduunis kan gara qe’ee galan mooraa alatti tika diinaan butamanii mana hidhaa darbamaa jiraatuunis Qeerroon gabaasee jira.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Waxabajjii 8,2016

Aside

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Ilmaan Oromoo Sabboontota Caasaa OPDO Sadarkaa Garaagaraa Irrati Argamtan Hundaaf

Addatti Ammoo Bulchiinsaa Magaaloota Addaa Naannawaa Finfinnee Keessatti kanneen Argamtaniif

Waamicha Hatattamaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

 Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF lukkeelee isaa ulee diinaa kan taate OPDO fi ergamtoota diinaaf amanamoo ta’an itti dhimma ba’uun isin balleessuuf akkuma karoorfatanii fi dhaadachaa turan itti Sabboontoota Ilmaan Oromoo bulchiinsa Magaaloota addaa Naannawaa Finfinnee keessatti hooggantoota, kaabinootaa fi Ogeessoota Professionally ta’uun uummata tajaajilanii fi kanneen dhugaan roorrifamuun Oromoo isiniif galee Shira uummata Oromoo irratti gaggeeffama jiru fudhachuu diduun Oromummaan keessan isinitti dhaga’amaa jiruu fi uummata keessan cina dhaabbachaa jirtan hundi diinni shira ulfaataa kan ittin mana hidhaatti isin guuree isin rakkisuu, lubbuu keessan Balleessuuf karoorfateefi Biyya irraa isin arii’achuuf karoorfate hojiitti hiikaa jiraachuu fi haalawalii galaan rakkoo ulfaataa diinaan uummata keenyarratti dalagamuu fi rakkoo waliigalaatti furmaata gochuu akka dandeenyuuf dhaamsa armaan gadii saffisaan isiniif dabarsuuf dirqamnee jirra.

  1. Ilmaan Oromoo Bulchiinsaa Magaalaa Sulultaatti Bulchaa Magaalaa Sulultaa nama maqaan isaa Masfiin jedhamuu fi Kaabineen Wajjiraa Fayyaa Sulultaa namni maqaan isaa Dirribaa Tolaa jedhaman kan keessatti argamaan walumaagalattii ilmaan Oromoo namootni 25 Yakka itti fakkeessii maqaa Malaammaltummaan poolisii federaalaan qabamanii hidhamuun isaanii ni yaadatama. Utuu yakka Malaamaltummaa ittisuuf ta’ee Ilmaan Tigiree fi Aangawootni TPLF kanneen akka Abboy Tsahaayyee, Azeeb Masfiin dabalatee hundii isaanii mana hidhaatti argamu ture. Garuu har’a Ijoolleen Oromoo dhugaa uummata Oromoo hubachuun dhugaa uummataa dura raga qabatanii dhaabbatan dhabuun uummata cina dhaabbachuuf waan murteessaniif dursanii hidhattii darbamanii jiran irraa barnoota guddaa barachuu qabdu!!Ilmaan Oromoo Sabboontota Caasaa OPDO Sadarkaa Garaagaraa Irrati Argamtan Hundaaf