Waxabajjii8,2016 Godina Arsii aanaa Roobee ganda Suudee sinbixaa jedhamutti Adda Bilisummaa Oromootif nama ijaaraa jirtu jechuun namoonni kudha shan har,a ganama qabamanii waajjira poolisii aanaa roobeetti hidhaa jiraachuun dhagayame isaan keessaa kan maqaan isaanii nu gahe
1 Kadiir kamaal
2 Jundii Amaan
3 Abbaas Huseen
4 Shamsaddiin Turii
5 Amiin kamaaloo
6 Ahmaddiin Huseen
7 Keeyruu Jeylaan
8 Muhaammad Tunaa jedhamu.
Gama biraan Yuuniversitii Haromaayyaatti dhiyoo doormiin barattoota dhiiraa gubatuu irraa kan ka’e mooraan yuunniversitichaa humna waraana Wayyaaneen kan toohatamee fi buufata waraana tahe gabaasuun keenya ni yaadatama. Haala kanaan barattootni waggaa tokkkoffaa baratanis mootummaan wayyaanee akka galan dirqisiisee akka galan taasifameetu jira. Guyya doormiin barattootaa gubatee kaasee barattootni hedduunis yeroodhaa yerootti hidhaatti guuramaa jiraachuunis hubatamee jira. barattootni hedduunis kan gara qe’ee galan mooraa alatti tika diinaan butamanii mana hidhaa darbamaa jiraatuunis Qeerroon gabaasee jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 ( June) | OromianEconomist