Camsaa 14/2016 Jalbultiin Kabaja Ayyaanaa Irreechaa Arfaasaa Godina Jimmaa Tullee Deeddeetti Kabajame.

Aside

13233352_1609276602733160_1823776656_nCamsaa 14/2016 Jalbultiin Kabaja Ayyaanaa Irreechaa Arfaasaa Godina Jimmaa Tullee Deeddeetti Guyyaa Boruu Caamsaa 15/2016 Kabajamuu
Jalbultiin isaa guyyaa har’aa waaree booda bifa ho’aa ta’een Qeerroo gootota barattoota Oromoo fi sabboontoota uummataa Oromoof kabajamu
egale!! Jalbultiin Ayyaanaa Irreecha Arfaasaa Godina Jimmaa Tulluu Deeddeetti bifa ho’aa fi hawwannaa guddaa fi gootummaa argisiisuun guyyaa har’aa goototni Qeerroo dargaggoota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Sabboontoota barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi
Sabboontoota uummaata Oromoo godinichaan bifa adda ta’een kabajamuu eegalee jira.13249407_1609275509399936_644058049_n
Ayyaannii Irreechaa Godina Jimmaatti Eejjennoo fi kutannoo sabboontootni barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, ejjennoo qeerroo gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Sabboontoota ilmaan Oromoo hojjettootaa fi hordoftootni Amantaa Waaqeffaannaa Jimmaa ga’ee guddaa taphatanii fi uummata naannoo waliin ta’uun tokkummaa fi jaalaala Oromummaa argisiisaniin sadarkaa guddaa irra ga’uun eenyummaa, jaalaalaa, tokkummaa fi bifa Oromummaa fi sabboonummaa Oromoo tikseen yeroo dhiyoo keessatti sadarkaa guddaa irra ga’uun ayyaanaa Irreechaa Godina Jimmaa kan Arfaasaa Tulluutti kabajamuu fi Ayyaanaa Irreechaa kan Birraa Malkaatti kabajamuu jedhamuun Godina Kibba lixa Oromiyaa keessatti bakka guddaa qabachuun Simannaa uummata Oromoo kumootaan lakkaa’amanii argatee jira, haaluma kana fakkaatuun guyyaa boruu Caamsaa 15/2016 Ayyaannii Irreechaa Arfaasaa kabajamuuf jiru guyyaa har’aa Jalbultiin isaa bifa ho’aa ta’een kabajamuu eegalee jira!! Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii jimmaa Waraana agaaziin marfamanii utuu jiranii wallee warraaqsaa eenyummaa fi gootummaa Oromoo faarsuun kabajachaa jiru!!

“Ana Fira Keetti Diina Taatee?” Wallee Warraaqsaa Artist Eebbaa Waaqwayyaa

Aside

SBO Caamsaa 15,2016. Oduu, Ibsa Qeerroo Bilisummaa, Walaloo Qeerroo, Gaaffii fi Deebii Art.Gaaddisee Shamsaddiin Kutaa Lammataa fi Qophii Biroo

Aside

Caamsaa 12/2016 Godina Lixa Shaggaar Magaalaa Amboo Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Ambootti Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee Humnoota Tikaa dhalootaan TPLF ta’anii fi dabballootaa amanamoo sirna gabromsaa bobbaasuun Barattoota Oromoo arii’acha jira.‏

Aside

Itti fufaCaamsaa 12/2016 Godina Lixa Shaggaar Magaalaa Amboo Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Ambootti Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee Humnoota Tikaa dhalootaan TPLF ta’anii fi dabballootaa amanamoo sirna gabromsaa bobbaasuun Barattoota Oromoo arii’acha jira.
Mootummaan fashistii abbaa irree wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO human waraanaa guddaa magaalaa Amboo keessa qubsiisuun uummataa Waraanaan gooluun cinatti humnoota tikaa sirnichaaf amanamoo ta’anii fi dabbaaloota isaa bobbaasuun barattoota Oromoo hordofee barnootarraa arii’achuun ukkamsee hidhatti guuruuf jedhee barattoota Oromoo wareersaa jiraachuun saaxilame. Gidduu kanas barattootni Oromoo mana barumsaa Amboo Qophaa’inaa fi Sadarkaa lammaffaa irraa barnoota isaanii irraa guutummaatti akka hin baranneef dhorkamani jiran keessa:
1. Barataa Yeroos Hayii barataa kutaa 12ffaa
2. Barataa Fayisaa Mixaafaa kutaa 12ffaa,
3. Barataa Sanmaraa Fayisaa kutaa 12ffaa
4. Barataa Diinaa Hisarmuu kutaa 11ffaa kanneen keessatti argaman Oromummaan Yakkamuun barnoota isaanii irraa ugguramanii akka hin barannee humnoota tikaa wayyaanee fi dabballee basaasa wayyaanee kan ta’ee, Director Mana barumsaa yeroo amma nama maqaan isaa Anbassee Tulluu jedhamuun shirri ulfaataan barattoota Oromoo mana Barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina irratti rawwatamaa jirachuun ibsame.

Guyyaa Har’aa Mannen Barnootaa Oliyaa, Kollejji Rift Vally, Yuniversitii Adaamaa fi Manneen Barnootaa Garagaraa Magaala Adaamaa Keessa Jiru Keessatti FXG Gaggeeffa,ee Oole.

Aside

Caamsaa 13/2016
FXG mannen barnootaa Oliyaa, koollejji Rift Vally, Yuniversitii Adaamaa fi manneen barnootaa garagaraa magaala Adaamaa keessa jiru keessatti guyyaa har’aa gaggeeffameen waraanni magaalatti dhunfatee jira.
Akkuma beekamu guyyaa har’aa magaala Adaamaatti eebba kitaaba Imimmaan hin Qoorre kan Abdii Luucceen barreeffame sirni eebba kitaabichaa kan har’a gaggeeffamuu fi akkasuma barattootni yuuniversitii Adaamaa yeroon kun yero FXG fiixaan baafannuudha jechuudhaan hucuu halluu tokko kan uffatanii fi sagale isaanii dhageesisaa turan irratti walumaa gala barataa dargaggeessaa mooraa fi magaalaa kan eebba kitaabaaf magaalichatti wal gahe waliin wal simatuudhaan FXG dhowe humna diinaa fi meeshaa diinaaf osoo hin jilbeenfatiin fincila finiinsuu Qeerroon gabaasee jira. kanatti fufees koollejjii Rift Valley fi mannii barumsaa Abdii Boruu walitti dhufuudhan dhaadannoowan qabatanii FXG finiinsanii jiru.
Magaali Adaamaa dhaadannoo Qeerroo fi sirboota qabsoon kan hoo’ite yoommuu tahu humni waraana agaazii magaalicha keessa qubate doorsisa barattoota irratti baneen addatti barattootni yuuniversitii Adaamaa keessaa hedduun ukkaamfamuun gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.
Halkan kana magaalli Adaamaa waraana wayyaaneen ka hudhamtee jirtuu fi Qeerroon FXG soda malee fininsaa jiraachun halkan kanas itti fufee
jiraachuu odeessan ibsa.

“Imaanaa” Artist Sabboontuu Oromoo Seenaa Solomooniin/ Wallee Haraa Caamsaa 2016

Aside

Caamsaa 11,2016 Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

‘Basaastuu fi Basaastummaa’ Da’annoo Godhachuun Olola Qabsoo fi Qabsa’ota Bilisummaa Oromoo irratti oofama Jiru Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Caamsaa 11,2016

Finfinnee

Ololli torbaan muraasa darbaan irraa kaasee dhimma ‘Basaastuu fi Basaastumma’ jedhu jala dhokachuun Qasbsoo fi Qabsa’ota Bilisummaa Oromoo irraatti oofamaa jiru qaama imaammata diinni Sochii Qeerroon Bilisummaa Fincila Gabrummaatti Xumura gochuuf saganteeffate maseensuuf  wiixinate ta’uun isaa sabboontota Oromoo maraaf ifaa ta’uu qaba. Basaastota diinaa saaxiluu qofa osoo hin taane qindoomina gahaa horataa deemuun hundee ishee mancaasuuf qabsa’uun eejjennollee Qerroo Bilisummaa Oromoo masakan keessaa isa anagafa.

Sadarakaa Qabsoon saba keenya amma irra jirtu kanatti Basaastota diinni jaarmolee keenyatti bobbaafatu damaqinaan of irraa tiksuun dirqama sabboontota Oromoo hundaati. Keessattuu, sochii murteessaa Qeerroon yeroo ammaa geggeessaa jiru irraa basaastota diinaaf hojjetan dammaqanii tiksuun qabsicha shaffisaan milkeessuu keessatti gahee guddaa xabata. Tika sabboontotni ilmaan Oromoo milkaa’ina sochii isaaf godhan hunda Qeerroon ni kunuunsifata. Odeeffannoolee qabatamoo kan basaastota Qabsoo Bilisummaa Oromoo saaxilan Qeerroon akka gumaacha qabsootti keessumeessa. Keessaanis ta’e alaan sochii Qeerroon mirga Ummata isaa deebisuuf godhaa jiru kannneen diinaaf basaasan yogguu saaxilumuu qabu. Qeerroon yeroo fi haala barbaachisaa tahan keessatti waayiloota qabsoo haqaa waliin ta’uun basaastota diinaa saaxiluu qofa osoo hintaane tarkaanfilee jajjaboo tahan irratti fudhataa as gahe. Gara fuul-duraattis Qabsoo saba keenya miidha diinaa irraa baraaruuf, basaastota keessaa fi alaan jaarmaa Qeerroo fi guutumaaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo irraatii baba’anii irraatti tarkaanfiilee barbaachisaa tahan fudhachuu irraa Qeerroon of-duuba hindeebu.

Wayyaaneen imaammata ‘Gargar Qoodanii Bulchu’ jedhuun hoogganamtee ummata keenya sadarkaa gandaatti tokko-shaneen hidhuun sirna basaastummaa daanga hinqabneen biyya keenya saamaa jiraachuun ishee waan haalamu miti.  Qeerroon sirna tikaa wal xaxaa ta’e kana keessatti naamusa cimaan of-ijaaruun mirga saba isaa falmuu eegale. Qeeroon funyaan diinaa jala ta’ee gootummaa fi hubannoo cimaadhaan sochii Dargaggoota Oromoo kan gabroonfattuu Wayyaanee raasaa jiru kanaaf hooggansa gahaa kennaa as gahe.  Qeerroon Saba Oromoo qofaaf osoo hintaane saboota cinqurfamoo biyyatti guutummaaf abdii jijjiirama dhugaa kan ta’uu danda’e dirree irratti wareegama qaqqalii gomachuudhaan malee toora internetaan olola afarsuudhaan hinturre. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Caamsaa 11 2016 dhimma basaastummaa

“Dayma Afaan Dibattee Olii Gadi Kaattu” Wallee Warraaqsaa Haaraa Artist Awwal Abdurroo/Caamsaa 2016

Aside

Godina Arsii Dodola Keessatti FXG Jabaachuu Irraan Kan Ka’e Waraanni Agaazii Dargaggoota Hidhuu fi Reebuu Itti Fufe

Aside

Caamsaa 10,2016/ Godina Arsii  Doldolaa keessatti mormii ummataa jimaata darbe gaggeeffamerraa waraanni Agaazin mana manarra deemun dargaggoota soddoma(30) kan mana hidhaatti guuraman yoo ta’u kanneen keessaa dargaggoo Muhaammad Haaji Bullinaa kan jedhamu miidhaa tumaa agaazii irraa kan ka’e du’aaf jiruu keessatti yommuu argamu Hospitaala goobbatti yaalamaa jira.

Aside

Humni federaalaa halkan kana jechuun caamsaa 10/05/2016 yuunversiitii wallaggaa keessaa baratoota nagaa naannoo main kaampas jedhamutti reebaa jira.Heedduun baratootaas baqatanii doormiitti nammaa jiru.humni federaalaas baratoota kana duukaa doormiitti seenuun baratoota goolaa jira.