Qormaatni Biyyooleessaa Seensa Yuunibarsiitiif Barattoota Kutaa 12ffaa Kennamuu Egaale Labsii Mootummaan Addan Citee Jira

Aside

Caamsaa 30,2016 Qormaatni Biyyooleessaa Seensa Yuunibarsiitiif barattoota kutaa 12ffaa kennamuu egaalee Addan Citee jira ,Warraaqsii FXG kallattii hundaan itti fufe!! Qormaatni Kutaa 12ffaa kun Barattootni Oromoo utuu hin baratiin akka Qoraman waraanaan dirqisiifamuun wal qabatee sabboontootni fi hayyootni Oromoo Qormaatni utuu barattootni oromoo hin baratiin kennamu kun haqamuu qaba jechuun qormaatni utuu hin eegalamiin qormaatichaa fi deebii qormaatichaa marsaalee social media irran facaasuun qormaatichi guutummaatti addaan cite jira. Qormaatni kutaa 12ffaa kun barattootni oromoo torbee Tokkoof illee daree barnootaa nagaan seenaanii ta’aanii utuu hin baratiin dirqamaan qormaata kutaa 12ffaa akka fudhataan waraana agaaziin dirqisiifamuun wal qabatee Qorumsichi Qormaata seera qabeessaa utuu hin Ta’iin ta’ee jedhamee Barattoota Oromoo Ittin Kuffisuuf kan yaadame ta’uu irraa ,Sabboontootni Beektootni Oromoo fi hayyootni shira diinaa kanarratti dammaquun Qoramatichi utuu hin eegaliin marsaalee Social media irraan tamsaasuu fi deebii qormaaticha hojjechuun medialee irra facaasuun Qormaataa mootummaan Abbaa irree afaan Qawween dirqisiisee Barattoota oromoo ittin kuffisuufii bay’ina barattoota Oromoo Dhaabbilee barnoota olaanoo yuunibarsiitii seenuu danda’ani gadi xiqqeessuun ittin saba Oromoo miidhuuf karoorfatee fashaleessan Qormaatni kutaa 12ffaa Kun Guutummaatti saaxilamee Dirree Social midea Cufaa Uwwisee waan jiruuf Yeroo amma kanatti Abbaan irree wayyaanee Qawwee fi Waraanaan oromiyaa qabee jiruu waan qabee gadhiisuu wallaaluub Qormaaticha akka Guutummaa Biyyattiitti kennuu eegalee jiruu Addaan kutee jiraachuun baramee jira. Murtii Qormaata biyyooleessa kutaa 12ffaa ilaalchisuun kennamu jala buunee kan gabaafnu ta’uu isin hubachiifna!!

Godinaalee Arsii keessatti barreeffamoota warraaqsaa maxxansuu fi raabsuun itti fufe!

Aside

QeeroCaamsaa 29,2016, Godinaalee Arsii keessatti barreeffamoota  warraaqsaa maxxansuun kan itti  fufan yoo ta’u barruulen kunniin Magaalaa Saguree keessatti kan maxxanfamaniidha, kanumaan wal qabatee wayyaanen Aanaa loodee heexosaa keessatti ummata dararuu itti fuftee jirti magaalaa Jimaata loodee keessatti isintu Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)haada elektiriikaa irratti fannise jedhanii namoota hedduu achuma aanaa Loodee Heexosaa magaalaa Hurutaa jedhamtutti guuranii hidhamaa kaka jiran Qeerroon gabaase.QEERROO ARSIIIII