Daily Archives: May 29, 2016
Waajjira Poolisii Dirree Dhawaa mana hidhaa barattoti kaleessa keessatti hidhaman fuula duratti alabaan ABO haalluun dibame.
Aside

Godina Arsii Aanaa Doddotaa Magaalaa Dheeraa Keessatti Qeerroon Bilisummaa Barruulee Warraaqsaa Facaasaa fi Maxxansaa Bule.
Aside
Dhimma Filannoo Presedantii Barattootaan Wal Qabatee Haalli Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Ulfaachaa Dhufee Jira,Sagaleen Diddaa Dhaga’amaa Jira
Aside
Caamsaa 29,2016
Dhimma filannoo peresedaantii barataa irratti,gocha mooraan raawwachaa jirtu FXG dhoosuuf sababa guddaa uumaa jira. Peresedaantii Barattootaa ka ture barataa #Dabalee Asaffaa haqummaan waan hojetaa ture qofaaf hanga jiraachu isa dhorkanitti ka deemaa jiran. Barattoota Oromoo mooraa Jimmaa hunda keessatti quuqamaaf aarii jabaa uumaa jira.Kanarratti guyyaa har’aa walga’ii dirree taphaa Xiqaa (min-studium) taasifamaa tuterratti barattoonni gamtaan akka ta’anitti dabaleef sagalee dhageessisaa turanii jiru.
Haa ta’uu malee mirgi barataa ammallee eegamaa kan hin jirre ta’uu,Haala filannoo hoganaa barattootaarratti icciitiin gadi baate kan mul’iftu,Dabalee Asaffaa dirqamaan akka Filannoorraa haqamu ka jedhuuf,Dhaabnisaanii mugduun OPDO nama amanattu nama Guyyoo jedhamu barataa jedhamu filuuf qophii akka xumuranii jiran icciti achii baate nii ibsiti. Miseensa OPDO kan ta’e Guyyoon Hojii basaasummaarratti dammaqinaan nama hojjeta ture yoo ta’u,Barataa hedduu galaafachiisaa akka tureen beekama.Kanaaf Guyyoon ka Filannoo darbu taanaan Barataa Oromootiif mirgi lubbuun jiraachuu kiyyoo jabaa keessa galti.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Caamsaa 29, 2016
Aside
“Olola Diinaatiin Abdii Hin Kutatiina!” Artist Muktar Usman
Aside
Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF Maqaa Olola Caamsa 20 Waggaa 25ffaa Kabajuu Jedhuun Godinaalee Oromiyaa Hundarra Hoomaa Waraanaa Qubsiisuun Uummata Goolaa jira, Warraaqsii FXG Daran Jabaachuun Itti Fufe!!
Aside
Caamsaa 27,2016 Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF jedhamu maqaa olola Caamsa 20 waggaa 25ffaa kabajuu jedhuun Magaalota Oromiyaa akka Amboo, Naqamtee,Shaashamannee, Harargee Qobboo,Gimbii, Shaambuu, Jimma, Adaamaa, Arsii fi Godinaalee Oromiyaa hundarra Hoomaa Waraanaa Qubsiisuun Uummata goolaa jira, Warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufe!!
A) Godina Harargee Bahaa, guyyaa kaleessa godina Harargee Bahaa Aanaa Dadar Magaalaa Qobboo keessatti Warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufee kan olee fi Godinaalee Harargee dhihaa bakkoota garaagaraattiis diddaab uummataa jabaachuun abbaa irree boqonnaa dhorkachuu irratti argama.
B) Godinaalee Arsii Bahaa fi Lixaa keessatti uummatni Oromoo Waraana abbaa irree Wayyaaneen goolamuu fi uummatnis ayyaanii Caamsaa 20 kun Uummata Oromoo nu hin ilaallaatu, camsaan 20 uummataa Oromoofi sabaaf sablammoota cunqurfamoo biyyattiif guyyaa gaddaa waan ta’eef nuti uummatni Oromoo diiddaa keenyaa daran jabeessuun mirga keenyaaf falmachuu itti jabeessuun walqabatee waraannii Wayyaanee hedduminaa guddaa qabu Godina Arsii lixaa fi fi Bahaa irraa qubsiifamuun uummata doorsisuu irraatti kan argamu ta’uun beekame jira.
C) Godina Lixa Shaggar Amboo fi Aanotni Naannoo Ambootti argaman galgala kanaa Waraana agaazii Wayyaaneen goolamaa jiraachuun beekame, aanota godina Lixa shaggar 18’n keessatti Humni agaazii kaleessa galgala kana dabalataan qubsiifamaa jiraachuu fi bakkoota hedduutti
namoota nagaa daandii deemaan dhaabanii sakkatta’aa jiraachuun ibsamee jira. Naannoo Magaalaa Giincii fi olaankomiitti immoo uummatni Oromoo dachaan hidhaatti guuraama jiraachuun gabafame jira.
D) Godina Wallaggaa Bahaa Magaalaa Naqamtee fi aanota Godinichaa keessatti Maqaa Caamsaa 20 kabajuu jedhuu fi warraaqsaa Sagalee uummataa fi qeerroo baarattoota Oromoo koolleejjii barsiisota Naqamtee ukkaamsuuf wayyaaneen waan qabee gadhiisuu dhabaa jira. sochiin daran jabaachuun itti fufe jira. Waraannii Wayyaanee guddaan kaleessa galgalaa kana godina Jimmaa irraa gara Naqamtee fi Naannoo isheetti guuramaa jiraachuun ibsamera. Diddaan Uummata Oromoos Aanota Godinichaa hedduu keessatti daran jabaachuun kan itti fufee jiruu
ta’uun beekamera.
E) Gidduu gala Oromiyaa Magaalaa Finfinnee fi Magaalota garaagaraa keessatti diigumsii manneen jireenya jiraattoota waan itti fufee jiruuf Uummtani jiraattootni magaalaa Finfinnee fi naannoo Finfinneetti argaman bakka jireenyaa fi dahoo jireenyaa dhabuun rakkoo guddaaf saaxilamaniru. Mormiin uummata Oromoos magaalaa Finfinnee fi naannoo isheetti daran jabaachuun itti fufee mootummaa abbaa irree yaaddoo keessa buusee jira.
F) Godinaalee Kibba Lixa shaggar Magaalaa Walisoo fi Naannoo isheetti diddaan uumataa fi Sochiin warraaqsaa waan Wayyaanee sodachiseef
Humna waraanaa guddaa Magaalaa Walisoo fi guutummaa Godinichaa irra qubsiisee jiraachuu fi uummataa goolaa fi dararaa jiraachuu ibsame
jira!!.
G) Godina Horroo Guduruu wallaggaa keessatti Sochiin warraaqsaa FXG gaggeeffamuu jabaachuu irraan mootummaan wayyaanee yaaddoo guddaa
keessa galuun human waraanaa bifa haaraawaan Shambuu, Hammuruu, Finfa’aa fi Kombolcha irra qabsiisaa jirachuun ibsamera. Haaluma walfakkaatuun godinaalee Oromiyaa cufa keessatti uummatni Oromoo Caamsaan 20 waggaan 25 Oromoo cufa biratti bara gaddaa, bara gadadoo fi bara nmirga namummaa fi dimookiraasii itti sarbamuun qe’eefi qabeenyaa keenyaa saamamnee, bara hidhatti guuramnee fi ajjeechaan duguuggaa sanyii nurratti rawwatamee waan ta’eef mirga keenya qawween sarbamnee deeffachuuf bakka hundaa qabsoo diddaa keenya Warraaqsaa FXG jabeessuu kan yaadannuu fi falmannu ta’a jechuun dhaamsa waliif dabarsan.
Dirre Dawaa Magaalaa fi Kulaalee Baadiyaa Keessatti FXG Itti Fufe, Ayyaanni Caamsaa Wayyanee Diddaa Ummataan Bakka Bakkattti Fashalaa Jira
Aside
Dirre Dawaa keessatti FXG magaalaa fi kutaa baadiyaalettis guyyaa har’aa Caamsaa 28/2016 ayyaana Wayyaanee fesheleessuun wal qabatee itti fufee oole.
Dargaggoon Oromoo tokko osoo manatti hin hafinillee Qeeyroon FXG finiinsaa ooluun ishee Qeeyroon Dirre Dawaa gabaase. Akkuma odeessi Qeeyron nu gahe ibsutti walgayiin wayyaanee magaala Dirre Dawaatti gaggeeffamuuf ture dhaadanno fi qabsoo Qeeyroon magaalichan kan hafe yoo tahu namootni miseensotni walgayi ayyaanicha irratti argamuuf yaalan addatti miseensotni wayyaanee FXG sodaatanii gara manaatti kan deebi’anii fi Qeeyroonis kaayyoo wayyaaneen qabdu guyyaa ayyaana kanaatti uummata yaada isaanii hatuuf karoorsite fesheleessuun injifannoo galmeessanii akka jiran Qeeyroon gabaaseee jira.
Lola har’a Harargee lixaatti taasifameen FXG daran jabaachuu irraan lubbuun namoota hedduus kan badee fi namootni heduunis miidhamuun kan gabafame kan hin adda hin basin gabaasa itti aanuun gabaafamu taha. FXG goleewwan oromiyaa mara gahee itti fufeetu jira. Ayyaana ginbot 20 jedhu uummanni oromoo bakki itti argame tokkollee kan hin jirre godina wallaggaa keessaa gabaafamee jira. Addatti godina Wallagga lixaa aanaa Haaruu irraa Qeerroon gabaasuun dhaadannoo“ QABEENYAAN HAMMA LUKKUU, BILISUMMAAN HAMMA LUBBUU” jedhuun murannoo fi kutannoo isaanii Qeeyroon aanicha diina beeksisuun ayyaana caamsaa 28 uummanni akka hin argamne taasisuun FXG akka itti fufu tahee ooluu Qeeyroon gabaasetu jira.
Walumaa galatti Finfinnee irraa kan hafe kunuu saboota amaaraa fi tigree kanneen miseensa isaanii tahan irraa kan hafe ayyaana Ginbpt 20 jedhamu irratti argamaniin ala Oromiyaatti godinaalee hedduutti uummanni lagachuudhan feshelatee hafeera.

