“Darddarri Kee Kanaafuu Maraannee” Wallee Warraaqsaa Haaraa Artist Keekiyyaa Badhaaneen/ Caamsaa 2016

Aside

https://youtu.be/UGE0Lu7lj-w

Urgent call to all Oromo people and international community Health care is the fundamental human rights and not a tool of war

Aside

By Baaroo Keno Deressa, Dr.

Concerning this issue my letter to United nations and European commission will be published soon.

Dr Baro KenoAfter twenty-seven years in power, the TPLF-elite dare to tell us that Rome was not built in a day. Are they ignorant or arrogant??? Twenty-seven years is quite a long time to bring changes in the lives of all people. When the TPLF moved to Dadabit telling the world that Mengistu did not bring any change. But Mengistu remain in power 17 years and TPLF is now 27 years in power, number of days in one year then and now are still 365 and I don’t understand why  twenty-seven years of their palace life should not be considered a long time? Yes they bring many changes in Tigray region (in military technology, medical science, economic empowerment….etc). But the mother of all cash flow and life-oxygen my beloved Oromia and generous people of Oromo are:

  • Bleeding day and night in the hands of TPLF special commandos and security forces,
  • Suffering from torture and ill-treatment of TPLF government
  • killing future generations of our nations (university students).
  • Detaining millions of innocent Oromo peoples and Oromo intellectuals
  • Limiting free movement of our people in their home town
  • Promoting brain drain of mother land Oromia.
  • Harassment and hunting down capable Oromo individuals to inhibit the development of mother land Oromia.
  • Countless atrocities are committed against Oromo people

Mostly government statements are based on “kitchen cabinet” (TPLF junta) and Oromo people no matter what the truth is, they must accept it. The TPLF commandos are always right because they have the gun and the system supporting them. The stronger can always tell the wrong and force the weaker to accept it as the right. Trying to prove that the “stronger” is wrong is tantamount.

Whatever their power we Oromo people have to stand firmly with full commitment and confront it this barbaric act.

Let me put some facts with evidence based manner: Urgent call to all Oromo

Barumsi Caaluu Muxxannoo irraa Argama:

Aside

Damee Booruu Irraa

barruuTorban darban lamaan dura oloia Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti baname  dhaamsuuf qaamne Qeerroo Bilisummaa Oromoo ibsa bifa adda addaan kennuun ni yaadata. Ibsa kenname kana keessa tokko miseensi  QBO akkaataa qeerroon itti ijaarame, miseensa  koree jiddhuu meeqa akka qabaachaa ture, meeqa akka hidhamanii fi meeqaa akka  jiran ibsuudhaan ibda isanitti qabate akka dhaamu yaallii guddaa godheera. Yaroon ibsa isaa kana dhaga’u qaama kootu na sooka’e.

Warra Qeerroo irratti ka’e kana ibsi quubsuu  fi  gammachiisu danda’u tokko illee akka hin jirree Qeerron Bilisummaa Oromoo hubachuu kan dhabaniif  muxxannoo siyaasaa Oromoo ala (diaspora) kana waan hin qabneef. Anaa haa dhufu! Baga kunoo isinis siyaasaa Oromoo biyya alaa kanatti dhuftan. Gara wagaa afurtmaa oliif namni Oromoo ala jiru siyaasaa kana fakkaatuun yaroo isaa dabrse .  Internetiin yaroo ormi ittiin of ijaaree, of gurmeessee , ittiin humnaa fi horii horate: namni Oromoo, dhoqqee wal dibuudhaan , maqaa wal xxurreessee, wal ajjeesee , harki guddaan nama  irraa baqatee jiereenya namumaa isaa qofumaa akka hordofaa jiraatu godhee jira.

Akka hawwii fi ilaalcha  uummata Oromoo biyyaa keessatti diinaan okkamamee bokkee taa’utti Oromoon ala jiru ijaaramee kan bilisa isaan baasuu itti fakkaachuun ni mala. Namni biyyaa keessaa jiru isa alaa abdiin akka eegachaa ture hin dhagaama. Garuu, Oromoon ala jiru kun diina caalaa wal irratti boba’ee wal daakkuu fi wal balleessuu irratti yaroo isaa balleessa malee waa’ee diina Oromoo isaa duraa kan tahe TPLF irratti warri xiyyeefatu xiqqoo dha.  Barumsi Caalu Muxxannoo Irraa Argama

SBO Caamsaa 25,2016. Oduu, Caamsaa 20 wayyaanee irratti Ijoo Dubbii ABO fi dhimmuma kana irratti qophii qophaa’e akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Aside

 Caamsaa 23,2016 Yuuniversitii Dirre Dwaatti keessatti kabajaa guyyaa ayyaana caamsaa 20 (Ginbot 20),tiif galma qophaa’e fi qoophii ayyaanichaaf galmicha keessatti qopheeffame diddaa barattootaan fashalee jira.
Akkasuma Godina Wallaggaa Horro Guduruu mana barumsaa tokko keessatti barattoonni kutaa 10 fi 12 caamsaa 20,2016 rakkoo mootummaan Wayyaanee aangoo irraa bu’ee mirga uummata Oromoo guutuutti hin kabajamnetti  baranneef qormaata biyyoolessaa hin qoratamnu jechuun mana barumsaa lakkisanii bahanii galaniiru.

Manneen barnootaa akka godinichaatti barana qormaata biyyoolessaaf dhiyaatan akka hin fudhanneef jala muranii beeksisanii gara FXGtti
guutummaadhaan makamanii akka jiran gabaasni ibsa.

Godina Lixa Shaggar Aanaa Giincii Magaalaa Giincii keessatti FXG Itti Fufuun Goototi Qeerroon Ummata Waliin Warraasa Finiinsaa Jiru.

Aside

1bCaamsaa 24/2016 Oromiyaa Gidduu Galaalessaa Godina Lixa Shaggar Aanaa Giincii Magaalaa Giincii keessatti Goototni Qeerroon dargaggootni Barattootni Oromoo fi Uummaatni Oromoo walta’uun Warraaqsaa FXG bifa adda ta’een finiinsuu itti fufan!!
Guyyaa har’aa bifa qindaa’ee fi adda ta’een Qeerroon gootni barattootni oromoo fi kabajamaan gootni uummatni Oromoo Warraaqsa Biyyooleessa Oromiyaa dhihaa magaalaa Giincii keessatti finiinsuun diinaa fi waraana diinaa boqonnaa dhorkachaa kan jiruun Sagaleen dhaadannoo warraaqsaa guddaa fi sagaaleen dhukaasaa guddaan magaalaa Giincii keessa dhagaa’ama jira.Daandiin konkolaataa cufamee konkolaataan gara dhihaatti adeemuu guutummaatti dhaabbatee jira. konkolaataan diinaa fi diinaa fe’attee sochoo’a jirtuus irree uummataan daaraa ta’aa kan jirtu ta’uun mirkanaa’ee jira. barruuleen warraaqsaas Qeerroo dargaggoota barattoota Oromoon godinaalee Oromiyaa Gidduu Galeessaa fi Oromiyaa dhihaa keessatti bittinneeffamuu fi uummataaf rabsamuun walqabatee warraaqsii FXG marsaa 5ffaan haalaan jabaatee itti fufee jirachuun walqabatee Godinaalee oromiyaa dhihaa Godina horroo guduruu wallaggaa, Godina bahaa wallaaggaa fi Godina Lixa Shaggarii fi Magaalotaa akka Bishooftuu fi Kutaa Magaalaa Finfinnee Boolee bulbulaa Warra Gannuu dabalatee diddaan haalaan jabachuun itti fufee jira keessatti .
Har’an kan Gincii bifa addaan itti fufe. Seenaa sochii Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG keessatti dursa kan qabudu Magaalaan Giincii Sadaasaa 12/2015 Irraa eegaluun Goototni dargaggootni Oromoo warraaqsaa dhoosuun diina dura dhaabbachuun falmachuu kan eegalan ta’uun ni yaadatama yeroo ammaa kana Oromiyaa cufa keessatti uummaatni Oromoo baatii 6 oliif Warraaqsaa wal irraa hin citne gaggeessuun abbaa irree sadarkaa aangoo irraa lafa buusuu fi bilisummaa isaaa gonfatu irra ga’aa jira. guutuu sochii warraaqsaa eeggadha.

Aside

Har’a Caamsaa 24,2016 Mootummaan Wayyaanee Walga’ii Maqaa Jedhuun Ganama Kana Barattoota Yuuniversitii Jimma guutuu dirqiin walitti qabaa jira.
Mooraa hundarraa gara Kitoo Furdisaa jedhamutti konkolaataan geessaa jiru,Walga’ii sanarratti maaltu akka dubbatamu Qeerroon hordofee ni gabaasa.

Godina Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Keessatti Ayyaanni Irreechaa Sirna Miidhagaan Kabajamee Qeerroon Gabaase.

Aside

Caamsaa 22,2016 Godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessatti Ayyaanni irreecha Arfaasaa haala ho’aa ta’een kabajamee oolee jira.Ayyaanni kun kan kabajames qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa akkasumas uummata magaalaa Naqamtee fi naannoo isheen kabajame oolee jira. Ayyaanni Irreechaa kana irrattis sirni yaadannoo gootota Oromoo kabajamtoota Abbootii gadaafi qeerroo mooraa Yuunversiitii Wallaggaan yaadatamee ooluusaa maddeen keenya achirraa nu qaqaban tokko tokko ifa ifa godhaniiru.

 

CAAMSAA 22,2016 Dhaamsa Arifachiisaa Barattoota Oromoo Qorumsa Naannoo fi Biyyoolessaa Bara 2016 Fudhachuuf Jiran Maraaf Gamtaa Barattoota Oromoo (GBO) irraa kenname!!

Aside

CAAMSAA 22,2016

Dhaamsa Arifachiisaa Barattoota Oromoo Qorumsa Naannoo fi Biyyoolessaa Bara 2016 Fudhachuuf Jiran Maraaf Gamtaa Barattoota Oromoo (GBO) irraa kenname!!

Akkuma beekkamu Sochiin Warraaqsa Biyyoolessaa Sadaasa 12,2016 Godina Shawaa Lixaatti goototni barattootni keenyaa Qeerroon barattootni keenyaa Dandii Mana Barnootaa Aanaa Giincii Sad.2ffaatti eegale oolee osoo hin bulin akka ibidda saafaaatti laboobee goleewwan Oromiyaa mara walgahuudhaan mana tokkoon tokkoo ummata Oromoo seenuu dandaeera. Sochiin eegalame Oromoo idil addunyaa jiran mara dammaqsuudhaan sagaleen Oromoo addunyaatti akka dhagaamuu fi sochii sabaa himaalee addunyaa hawwate taee argameera. Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee mormii ummata Oromootti kan rifate ummata harka qullaa mirga isaaf falmatu shororkeessaadha jechuun ifaan ifatti waraana irratti labsee guyyaa adiidhaan dhiiga ummata keenyaa dhangalaasaa ture, ittumas jira. Yaa tau malee, ummatni Oromoo roorroo bara dheeraa waan jibbeef afaan qawwee fuuldura dhaabbachuudhaan FDG gaggeeffamaa ture jalqaba bara 2016 irratti gara FXGtti tarkaanfachisee jira. Mootummaan wayyaanees abdii kutachuudhaan waraana daangaa irraa qabu gara Oromiyaa deebisuun Oromiyaa bulchiinsa waraanaa jala galcheera. Waraanni mootummaa wayyaanees ummata Oromoo ajjeesuu, madeessuu, hidhuu fi dararuu, dubartoota gudeeduu fi qabeenya ummataa saamuu irratti bobbaee argama. Bakkeewwan tajaajila ummataa hundi ( manneen barnootaa, buufataaleen fayyaa, hospitaalotni, lafti gabaa, waajjiraaleenii fi kkf) bakka qubsuma waraanaa tauudhaan tajaajilaa jiru.

Egaa sochiin ummatni Oromoo gaggeessaa jiru baatiiwwan jaa lakkoofsisaa jira. Baatiwwan jaan kana keessatti barattootni fi barsiisotni Oromoo waraana agaaziitiin ajjeefamaa, madeeffamaa, hidhamaa, dararamaa fi baqachaa jiru. Iddoo taiiwwan akkana raawwatanii fi manneen barnootaa qubsuma waraana agaazii taanitti nagaan taaanii barachuun tasuma waan yaadamuu miti. Mee obbolaa keessan teessoo tokkorra waliin teessanii barachaa turtan of cinaatti ilaalaa! Kuun wareegamaniiru, kaan immoo hidhaatti dararamaa jiru, kanneen biroo qaama hiruu taanii manneen yaalaatti argamu. Warreen hafanimmoo lubbuu ofii oolfachuuf baqataniiru. Mee akkasuma barsiisaa keessanis of fuulduratti ilaalaa! Aarsaa walfakkaatu kanfalanii jiru. Kanfalaas jiru. Mootummaan wayyaanee rakkoowwan muudatan maraayyuu rakkoo bulchiinsa gaariiti, rakkoo keenya, gaaffiin ummataa sirriidha jedhee miidiyaa dharaa irraa osuma ololuu gochaawwan walfakkaataa ummata keenyarratti raawwachuu irraa tasumaa of hin qusanne. Waraanaan bulaa nagaan barachuun yaa hafuutii jiraachuunuu hin yaadamu. Kanaaf, mootummaan wayyaanee haala yeroo qorumsaa ilaalchisee yeroon akka dheeratu gaafatamus diddaa agarsiisuudhaan guyyaa qorumsi itti kennamu murteesseera. Haaluma kanaan;

-Qormaatni kutaa 12ffaa Caamsaa 30,2016 ( Caamsaa 22,2008) fi

-Qormaatni kutaa 10ffaa Waxabajjii 6,2016 (Caamsaa 29,2008) akka eegalu murteesseera.

Sababa kanaan mootummaan wayyaanee mormii cimaatu kauu dandaa jechuudhaan waraana qabu dabalataan gara Oromiyaatti feaa jira. Qorumsi kan kennamu humna waraanaan eeggamanii akka taus tilmaamuun nama hin dhibu.

Kanaafuu, barattootni Oromoo lafa jirtanii quba walqabaachuudhaan tokkummaan kaatanii diddaa agarsiisuun dirqama taa. Mootummaan wayyaanees barataan Oromoo sadarkaa itti aanutti akka hin tarkaanfanne godhuuf tattaafachaa kan jiru tahuu ifumatti hubannee irree tokkoon diina fuuldura dhaabbannee diddaa keenya mulisuu qabna.

Gamanumaan dhaamsi ummata Oromoof qabnu yeroo mootummaan wayyaanee Caamsaa 20 ALH guyyaa injifannoo jechuudhaan dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa lafa dhiitaa jirutti bara bara kufaatii mootummichaa taasisuuf harka walqabannee kauun dirqama taati. Kanaafuu, Oromoon kamuu Caamsaa 20 ALHtti sochii FXG marsaa 5ffaa haalaan finiinee jiru kana daran jabeessuudhaan guyyaa kufaatii mootummaa wayyaanee akka taasifnu dhaamsa isiniif dabarsina.

Kanneen, ummata Oromoo irraa dhalattanii diina tumsudhaan ummata keenya gidirsaa jirtaniif immoo akeekkachiisa dhumaa isiniif dhaamna. Diinni boru ni gala. Isintu ummata kana waliin hafa. Kanaafuu, uumata keessaa dhalattan cinaa dhaabbachuu yoo dadhabdan gochaawwan badii ummataa fi barattoota keenyarratti raawwattan irraa of qusadhaa! Mootummaa hundeen buqqaee kufuuf raafamaa jiru gonkuma kufaatii irraa oolchuu hin dandeessan. Mootummaa waa maraan kufe deebisanii kaasuun, nama duee awwaallame kaasanii lubbuu itti horuu waliin wal fakkaata. Kana hin taane taanaan garuu, tarkaanfii qabeenyaa fi maatii keessan irratti fudhatamu maraaf itti gaafatamummaan kan keessani.

_Oromoon bara hunda ajjeefamuu, hidhamuu fi baqachuu hin qabu!

-Oromoon qabeenya saamamuu fi lafa isaarraa buqqauu hin qabu!

-Harmeen Oromoo bara hunda boossee imimmaan facaastee, harka balistee reeffa ijoollee ishee fudhachuun dhaabbachuu qaba!

-Gaaffiin abbaa biyyummaa Oromoo deebiuu qaba!

-Oromiyaan bulchiinsa alagaa fi waraanaa jalaa bahuu qabdi!

-Gumaan wareegamtoota keenyaa bahuu qaba!

-Hidhamtootni keenya hiikamuu qabu!

-Mootummaan ceumsaa hundeeffamuu qaba!

-Kanneen Ummata Orommoorratti waraana labsanii fi fakkaattotni isaanii seeratti dhiyaachuu qabu!

KANAAFUU, DHAAMSA KANA QALBEEFFACHUUDHAAN SOCHII FXG MARSAA 5FFAA KANA DARAN JABEESSUUN MOOTUMMAA WAYYAANEETTI DHUMA HAA GOONUN WAAMICHA KEENYA!

GAMTAA BARATTOOTA OROMOO (GBO) IRRAA!!