Ayyaanni Caamsaa 20 Uummata Oromoo Hin Ilaallatu, Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

  Ayyaanni Caamsaa 20 Uummata Oromoo Hin Ilaallatu

Akkuma beekamu baatiiwwan 6n darban irraa kaasnee haala sochii Qeerroo fi uummata Oromoo Oromiyaa keessatti taasisaa jiruu fi ture yoo ilaallu yeroo itti uummanni Oromoo gabrummaan naga’a jedhee ifaan karaa nagaadhaan harka isaa qullaa mootummaa shoroorkeessaa tahe hunduu dura dhaabbatee falmii isaa gaggeessaa har’a gahuun uummataa beekkaammaa fi  mootummoota addunyaa illee kan dammaqsee dha.  Seenaa keessattis bakka olaanaa tahee kan qabatee hafu FDG-FXG bara kana (2015/2016) taha.

Guyyoota 8-9 hafan fuula kana dura jechuunis Caamsaa 20 mootummaan Wayyaanee miidiyaalee kijibaa fi ololaa of harkaa qabuun akkasuma akka OPDO/ADWUIttis dabalata deggertoota isaaniin yaada uummataa burjaajessuu fi ilaalcha uummataa jijjiiruu kan jedhu kan of keessaa qabu ragaduuf waamicha taasifachaa jiru. Utubaan Wayyaanee fi dhagaa golee taatee kan Wayyaanee irraa balaa dhufu eegdu maqaa Oromoo dhahattee Oromoo kan hin taane dhaaba OPDO ofiin jettuun gargaaramuudhaan ammallee sirna gabrummaa dheeressuudhaaf mootummaan Wayyaanee ayyaana caamsaa 20f of qopheessaa caasaa isaas qopheessaa jiraatun kan hubatamaa jiruudha.

Waan kana taheefCaamsaa 20 Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Waraannii Wayyaanee konkolaataan 10 Dabalataan Magaalaa Amboo irra qubsiifamee,Magaalaa Ambootti daandiin keessa keessas Waraanaa agaaziin qabamee olee!!‏

Aside

Caamsaa 21,2016 Guyyaa har’aas Waraannii wayyaanee konkolaataan 10 Dabalataan Magaalaa Amboo irra qubsiifamee,Magaalaa Ambootti daandiin keessa keessas Waraanaa agaaziin qabamee olee!!
Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa utuu wal irraa hin citiin ji’ota ja’aa(6)f gaggeeffamuu fi Oromiyaan kallattiin bulchiinsa waraanaa jala galtee waraanaan Shororkeeffamaa fi hiraarfamaa jiraachuun itti fufee jira. Mootummaan abbaa irree wayyaanee gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi Dimookiraasii Qeerroon barattootni dargaggootni Oromoo fi waliigalatti uummatni Oromoo dhiyeeffachaa jiruuf deebii tokko illee kennuu dadhabuun biyyatti dirqisiisee waraanaan cabsee bulchuuf kan karoorfate ta’uu ifatti muldhisee jira.
Kabajamaa fi gootni uummatni Oromoo afaan qawween hin bulluu, gaaffii keenyaaf tarkaanfiin waraanaa fi bulchiinsi waraanaa deebii ta’uu hin
danda’uu jechuun ejjennoo isaanii roga hundaan jabeeffachuun hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa fi dimookiraasii nuuf kabajamutti sochiin akka dhaabbachuu hin dandeenye kallattii hundaan abbaa irree hubachiisuun warraaqsii FXG godinaalee Oromiyaa cufa keessatti jabaachuun itti fufee jira. Kanuma irraa soda guddaa keessa galuun abbaan irree wayyaanee waraanaa dabalataan Oromiyaa irra qubsiisuu irratti argama!!

Magaalaa Finfinneetti guyyoota lamaan darban Sochii FXG Boolee Bulbulaa nannoo warra Gannuutti qabsiifameen namootni 10 wareegamuu fi poolisootni lama tarkaanfii uummataan ajjeefaman. Duulli diigumsa manneen jireenyaas daran jabachuun itti fufe!!‏

Aside

Caamsa 21,2016 Magaalaa Finfinneetti guyyoota lamaan darban Sochii FXG Boolee Bulbulaa nannoo warra Gannuutti qabsiifameen namootni 10 wareegamuu fi poolisootni lama tarkaanfii uummataan ajjeefaman.
Duulli diigumsa manneen jireenyaas daran jabachuun itti fufe!! Magaalaa Finfinnee fi Magaaloota naannawaa Finfinneetti Mootummaan abbaa irree Wayyaanee duulaa manneen jireenya jiraattoota humnaan buqqisuun Walqabatee Caamsaa 18/2016 Magaalaa Finfinnee Kutaa Boolee Bulbulaa bakka warra Gannuu jedhamuun beekamutti Uumatni utuu lubbuun jirruu mana galmaa keenya konkolaataa Doozeraan nurratti hin diigdaan, qe’ee keenya irraa hin buqqanuu jechuun warraaqsaa FXG finiinsuun wal qabatee mootummaan abbaa irree poolisii federaalaa fi poolisii magaalaa Finfinnee hidhachiisuun uummatatti bobbaasuun uummatarratti dhukaasa banuun hanga ammatti lubbuun jiraattoota sagalee mormii dhageesisaanii 10 olitti lakka’amu wareegamuu fi poolisootni lama tarkaanfii uummatni irratti fudhateen ajjeefamuun ibsame jira.
Haata’uu malee mootummaan wayyaanee gaaffii uummataaf bakka hin qabnee fi deebii hin qabnee tarkaanfii gara jabinaa isaa itti fufuun manneen
jiraatoota diiguu itti fufuun duullii mannee jiraattoota buqqisuu kun Magaalaa Finfinnee fi magaalotaa nannawaa Finfinneetti argaman hundaa
keessatti gaggeeffama kan jiru yoo ta’uu sochiin uummataas gochaa kana dura dhaabbachuu fi mootummaan kun bakka nu hin bu’u jechuun mormii
jabaan itti fufee jira. Mootummaan wayyaanees mormii uummataan yaaddoo keessa galuun magaalaan Finfinnee yeroo amma kanatti haala akkan
sodachisuu fi eeggicha waraanaa jala jiraachuun ishee saaxilame jira.

SBO Caamsaa 22,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Shira Dabballootni Wayyaanee Godina I.A.B Magaalaa Mattuutti Xaxan Irratti Marii Gabaabaa Obbo Useen Umarii fi Obbo Darajjee Atoomsaa Waliin, Art.Gaaddisee Shamsaddiin Waliin Gaaffii fi Deebii Godhame Kutaa Xumuraa fi Qophii Haala Yeroo Irratti Fuulleffate

Aside

Artist Adam Misoomaa 2016/ Nairobi Kenya

Aside

https://youtu.be/vY3aQhnvx6o

Gaaffiin Mirgaa FXG Godina Arsii Magaalota Adda Addaa Keessatti Deemuun Wal Qabatee Mootummaan Wayyaanee Humna Waraana Isaa Dabalataan Qubsiisaa Jira.

Aside

Caamsaa 20,2016, Magaalota Asallaa, Itayya,Shaashamannee, Ajjee, Asaasa Qoreefi Adaabbaa keessatti waraanni mootummichaa kan duraan ture akkuma jirutti ta’ee guyyaa har’aa saa’atii boodarraa eegalee bifa addaatin magaalota kanneenitti waraana baayee qubisiisanii jiru.

Yuniverstii Haramaayaa Keessaa Barattooti Oromoo 27 Ta’an Lolotoota Wayyaanee Agaazii Jedhamuun Butaman.FXG Itti Fufee Jira.

Aside

because-i-am-oromoCaamsaa 20,2016, Barattooti Oromoo Yuniversitii Haramaayaa baratan 27 loltoota Wayyaanee(Itiyophiyaa)n butamanii bakka buuteen isaanii hin beekamu. Haalli kunis FXG hin dhaabne, Diddaan Oromiyaa bakka garaagaraa keessatti itti fufee jira.

Hanga ammaatti barattooti lolotootaan qabaman:-

1.Kenbon Abata ==veternary 5th
2.Ifabas Boru ==vet 5th
3.Bikila Lema==vet 4th
4.Yonas Abeya==FTPE 4th
5.Diro Hayile==Afanoromo 2nd
6.Indale Benti==ECE2nd
7.Adisu Temesgen==ECE 2nd
8.Firomsa Boki==ECE 2nd
9.Gemachu Bobaso==English 2nd
10.Negara kumsa==English 2nd
11.Mesele Tena==FTPE 2nd
12.yakob Jeylan==mechanical 1st
13.Hunde Daba==mechanical 1st
14.Tola Girma==vet.1st
15.chala Tashoma==ECE 1st
16.Yona Bedasa==ECE 1st
17.Olisan Diriba==WRIE 1st
18.Gurmesa ==FTPE 2nd
19.Abdisa Bedasa==
20.Girma Hundesa==chemical 1st
21.Firaol Bayisa==mechanical 1st
22.Gadisa….==Geography 1st
23.Adisu Ababu==economics 2nd
24.Gosa….acounting 2nd
25.Eliyas…,===
26.Abdi Gudeta==
27.Tadese Yadeta ==agriculture 1st year