Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Caamsaa 18,2016

Aside

FXG Boolee Bulbulaa Keessatti Ka’e Itti Fufeen Namootni 3 Waraana Wayyaaneen Rukutamuu Lubbun Wareegaman n Madaa’an, Haramaayaatti FXG Itti Fufeera.‏

Aside

BarsiisotaCaamsaa 18,2016/ Magaalaan Boolee fi naannnoon ishee humna waraana Wayyaanee komaandoo jedhamaniin marfamtee jirti. Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo doorsisaan qabeenyaa isaa saamaa fi lafa isaa irraa guurratee gurgurataa ture amma kun hafee uummanni oromoo meeshaa diinni ittiin doorsisuuf utuu hi jilbeenfatin lafa isaa dura dhaabbatee falmii fi FXG gaggeessaa jira.

Yeroo ammaa mootummaan Wayyaanee maqaa ijaarsa seeraan alaa jedhuun manneen uummata oromoo naannowaa Finfinnee diigsisee abbaa qabeenyatti gurguratuuf yaalii taasisuun isaa ammaa kaasee kan itti hin milkkoofne tahuu FXGn feshelataa dhufeen uummanni naannoo Boolee Bulbulaa jiraatan mana isaani yeroo dheeraa irra jiraataan Wayyaaneen waraana isheetiin dirqisiistee diigsisuuf yaalii taasistee turteen har’a FXG uummata naannichaan dhoween dhukaasni uummata lafa isaaf bahee falmate irraatti dhuka’een namootni 3 wareegamuun kaan madawanii akka jiranii fi tarkaanfiin uummataanis waraana Wayyaanee irratti fudhatamuudhaan lafa keenya nurraa fudhachuufuu miti aangookeerrayyuu si gaggeessina jechuun uummanni FXG galgala kana finiinsaa jira. Kanneen du’an yeroof maqaa isaanii kan hin arganne dhukaasni yeroo dheeraa uummata iratti dhuka’een magaalaan Boolee fi naannon ishee Garji fi Boolee Bulbulaan walumaa galatti FXGn hudhamtee waraanni Wayyaanees keessa bololi’aa jira.
Gama biraatiin yuuniversiti Haromayyaatti dhukaasni barattoota irratti banamee jira. Mooraa yuuniversitii keessaa tarkaanfin diina fi waraana
irratti fudhatames jabaatee itti fufeera. FXG Haromayyaatti marsaa 5ffaa dhowee jiruun kan duubatti hin deebine tahuu diinnis hubatuudhaan soda guddaan wayyaanee qabatee jira.

Warraaqsii Biyooleessa Oromiyaa FXG Marsaa 5ffaan Magaalaa Finfinnee dabalatee Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti jabaachuun itti fufee!!‏

Aside

Itti fufaCaamsaa 18/2016 Diddaan Uummataa Magaalaa Finfinnee kutaa Bulchiinsa Boolee Bulbulaa bakka warra Gannuu jedhamuun beekamutti jabaatee itti fufuun uummatni mirga isaaf jedhee qe’ee koorraa hin buqqa’uu doozeriin mana nurratti diiguun haa dhaabbatu jedhee falmatee waan dideef mootummaan abbaa irree waraana poolisii Federaalaa itti bobbaasuun lubbuun jiraattoota mormii dhageesisaa turanii keessa nammootni sadii (3) ol lubbuun yoo wareegaman, hedduu madaa’uu fi poolisootni lama akka malee madeeffamuun ibsame.
Haaluma walfakkatuun Sochiin warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG’ Marsaa 5ffaan daran Jabaachuun galgala kana bifa adda ta’een Mooraa Yuunibarsiitii harammayyaa keessatti gaggeeffamuun wal qabatee mootummaan abbaa irree Wayyaanee dhukaasaa barattoota Oromoo irratti baneen Mooraa Yuunibarsiitii harammayyaa gara dirree waraanatti jijjiree jiraachuun gabafame jira. Gabaasa baldhinaan Walitti
deebina.

Yaadannoo Kabajaa Guyyaa Gootota Oromoo Kan Bara 2016 Garee Qeerroo Bilisummaa Calgary Canada

Aside

“FIXEENSA” GANAMAA !!

Aside

 HUNDEE LAMMII tiin

barruuMata duree barruu tiyyaa isiniif yaa ibsu. “Booruu Barraaqaa” kan wallaalu jira natti hin fakkaatu. Booruun, Naannoo bara 2002 qabsootti kan dabalameedha. Leenjii argatee SBO keessatti yeroo dheeraaf kan hojjate, cimiina isaa ilaalanii hogganummaaf kan kaadhidhameedha. Ciminni isaa silaa Hoggana keessaa Hoggana itti aanuuf kan isa qopheessuu malee, kan sadarkaa har’aan isa geesisu jennee gonkumaa yaannee hin beeknu. Ani waggaa 5 dura yeroon qabsoo keessaa alatti ba’ee Biyya alaatti ce’uuf socha’uu, komee hedduu of keessaa qaban ture. garuu komee kana diina sooruuf abbalee hin beeku. sababaan bu’aa tokkollee waan hin qabaanneef. Har’a waggaa lamaa asi garuu bakka kiyyattii deebi’een waan narraa eegamuun hojjachaa jira. Booruu duran bakka Sanaa ba’ee. Egan achi ba’ee, gurri kiyyaa bakka Sanaa fagaattee hin beektu. Ammuma qabsaa’oota achi jiraniin dhimma naannoo sanaan beeka. Har’a Booruun waa hedduu dubbataa fi katabaa jira. Ajaja dabarsuu irrallee ga’eera. Qaama maalii keessa jiraatee ajaja akka dabarsuu ani hin beeku. karaa fb dhaaba ajaja ta’ee, qeerroo ajaja ta’ee, Ummata kana ajaja ta’ee hin beekuu waa hedduu dubbataa jira. Tarii adeemsi isaa kun warra kaanis jallisuu waan danda’uuf dhugaa jiru waliif himuutu dansaadhaa jedheen deebii gababaa kennufii barbaade.

Booruun amaloota mataa isaa qaba. waan hundi akka isaaf dursee galutti fudhata. Waliigaltee namootaan qabu yeraadha. Kutaa isaa keessaa ba’ee qabsaa’oota akkasaan waliin haasa’uu fi ooluu hin fedhu. Dhugaadhaa kitaaba ni dubbisa. Hogganni har’a salphisu akka mucaa ushuu golatti macaafa adda addaa itti guuranii dubbisiisanii jiru. irra jireessi kitaaboota kanaa siyaasa. Seenaa Gootoota biyya isaanii Bilisoomsaniiti. Hogganni kana gochuun, nama tolfachaa turan. Hojiin isaa hundi dhoksaadha. Kkf qaba. amaloonni ittiin qeeqamaa turetu har’a isa saaxilaa jira. Jaallan isaa waliin wayita hojjatu akkam akka ture seenaatu dubbata. Waa hundaan ofii beekamuu barbaada.FI-FIXEENSI-GANAMAA-

Yuunversiitii Wallaggaa keessatti humni federaalaa baratoota bahuuf galuu dhorkaa jiraachuun beekame.

Aside

IMG_20130101_035451Caamsaa 18,2016, Yuunversiitii Wallaggaa keessatti humni federaalaa baratoota bahuuf galuu dhorkaa jira.Torban kana keessas mootummaan gabroonfataan Wayyaanee humna qawween biyya bulchaa jiru sodaa guddaa keessa seenuun mooraa yuunversiitichaa keessa bombii seensitan maqaa jedhuun baratoota nagaa irratti sakata’iinsa geggeessaa jira.Seensa Yuunversiitichaa irratti sakata’iinsa jabaan geggeefamaa jiraachuu maddeen keenya achirraa nu qaqaban eeraniiru.

Godina Wallaggaa lixaa aanaa Najjoo keessatti eda halkan barruuleen warraaqsaa faca’aa fi maxxanfamaa buluu Qeerroon gabaase.

Aside

20160518055903Caamsaa 18/2016 halkan edaa godina Wallaggaa lixaa aanaa Najjoo keessatti barruuleen warraaqsaa facaafamaa bulanii jiru.Haaluma kanaa halkan edaa magaalota kaneen akka Najjoo akkasumas magaalaa Warra Jirruu fi kaneen biroo keessatti baruuleen warraaqsaa heeduun Qeerroo magaalattiin  facaafamaa akka bulan maddeen keenya achirraa nu qaqaban ifa godhu.Kanumaan kan wal qabateen guyyaa har’aa kanas mootummaan gabroonffataan Wayyaanee sodaa guddaa keessa seenuun humna federaalaa uummata naannoo sanaa irra fidee qubachiisuun uummata goolaa jiraachuu maddeen keenya achirraa nu qaqaban ifa godhu.

Yuuniversitii Haramayatti FXG Itti Fufe Barruun Warraaqsaas Bittimfameera.‏

Aside

Caamsaa 18/2016

?

?

Yuuniversitii Haramayyaatti FXG barattoota mooraa kaampaasii garagaraatti itti fufuu kaleeysa gabaasuun keenya ni yaadatama. Qeeyroon har’a Caamsaa 18/2016 gabaasen kaampaasii ganda Jeetti wayita koreen barattootaa walgahii taasisanitti “BARATTOOTNI OROMOO UTUU AJJEEFAMANII FI HIDHAATTI GUURAMAA JIRANII LAFA OROMIYAA KANA IRRATTI SUUFII UFFACHUUN HIN BARBAACHISU””jechuun barattoonnti kutaa isaan taa’anii mariyatanitti ciimbilii(haguuggii fuulaa) uffatanii ol itti seenuun dhagaa fi uleedhaan tarkaanfii koreewwan barattoota moorichaa irratti fudhatuun miidhaa guddaa irraan geessisuun gabaafame poolisiini fi waraanni wayyaanee naannichaas naasuu guddaadhaan barattoota moorichatti seenuudhaan sabboontota kan tahan adamsaa fi hidhaa jiraachuun gabaasni addeessa.

Dabalataanis barruun warraaqsaa” YEROO AMMAA MOOTUMMAAN ITOOPHIYAA GARRAAMUMMAA TOKKO MALEE LAMMII OROMOO FI LAMMIILEE QULQULLUU AJJEESAA FI HIDHAA JIRA” jedhu afaan Oromoo fi Amaaraan barraa’ee mooricha keessa bittimfamee jira. Barattootni har’a FXG finiinsuun kaayyoo mootumama gabroonfataa kana dura dhaabbatanii jiru. Akkasuma warawaan beeksisa barattoota, barsiisotaa fi hojjetoota hundaa ilaallatus bittimfameetu jira.