Daily Archives: May 17, 2016
Wallagga Lixaa, Najjoo fi Gumuz Beneshangul Gidduutti Daandiin Guddichi Cufame, Naqamtetti Alaabaan Fannifamee Bule,Naannoo Amaaratti Fincilli Uummatichaan Itti Fufe
Aside
Daandin guddichi magaala Najjoo irraa gara Beneshangul fudhatu Qeerroodhaan cufame. Wallagga lixaatti eda halkan caamsaa 8/2016 Qeerroo aanichaan daandii guddaan gara naannoo Beneshangul geessu cufamee jiraachuu har’a Qeeroon gabaasee jira. Daandiin cufame turtii guyyaa tokkoo booda humna waraana wayyaaneetiin akka banamu tahe.
Akkasuma godina wallagga bahaa magaala Naqamteettii Alaabaan keenya (ABO) fannifamee halkan edaa buleera. Akkasuma waraqaaleen adda addaa haluu alaabaa irraa qophaaween fi mukarraas hojjetame magaala magaala Naqamtee keessa faca’uu Qeerroon gabaasee jira. Wayita kana
barattootni manneen barnootaa keessatti dhaadannowwan
– BILISUMMAAN GEESSETTI
– YAA OROMOO MAALIIF TEESSA KA’I BILISUMMAAKEE GONFADHU
– QABSOON KEENYA YOOMILLEE HIN DHAABBATU
Jedhanii guyyaa guyyatti sa’a mana barnootaa seenanitti gurraa uummataa dhageesisuudhan kaasuu fi diina dura dhaabbatanii FXG kana galmaan gahuuf cichoominaan barataan murteeffatee itti jiraatuu odeessaan Qeerroo addeessa. Wallagga bahaa fi wallagga lixaatti daandiiwan konkolaataa garagaraa cufamuudhaan kara darbaa diina dhorkataa jiraatuun uummataa fi Qeerroo gabaafamaa jira. har’as haaluma kana fakkaatuu fi jabeessuun itti fufuun gabaafame. Naannoo Amaaratti godina kaaba Gondoritti naannowwan adda addaatti tarkaanfii waraana wayyaanee irratti fudhatuu fi uummannis mootummaa wayyanee hin barbaannu jechuun walgahii fi gibira kaffaluu dhaabaniiru.
Hidhattootni mootummaas yeroodhaa yerootti naannoo Amaaratti tarkaanfiin irratti fudhatamuun FXG oromiyaa keessatti adeemsifamaa
jiru fakkeenya fudhachuun naannoo Amaaraas ji’ootaan kan lakkaawan itti fufanii jiru.
OROMIYAA GODINA HUNDAATTI FXG WAAN ITTI FUFAA JIRUUF WARAANNI WAYYAANEE MEESHAA GURGUDDAADHAAN OROMIYAA KEESSSA AKKA SAREE MARAATUU TAATEE OFLII FI GADI FIIGAA JIRTI INJIFANNOON QEERROON GALMEESSAA JIRU
HANGA BILISUMMAATTI KAN JABAATEE ITTI FUFU TAHUUN SHAKKII HIN QABU.
SBO Caamsaa 18,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Dhaamsa Barattootaa, Shira Mootummaan Wayyaanee Magaalaa Mattuutti Xaxaa Jiru Irratti Gaaffii fi Deebii Gabaabaa Dargaggoo Ibsaa Waliin Taasisamee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Aside
Seenaa Solomoon fi Moyii Xilaahun /Yeshii / ” dhaqaa na awwaalaa ” 2016
Aside
Qeerroo Bilisummaa akkas jedhee laata?
Aside
Walaloo Abbaa Magaal Irraa
Qawwee Iyyuu Hin Dhaga’u
Kansaatti abbaa ta’ee fedha isaa guuttatee
Nagaan yaa’ee galee daldalee qotatee
Misoomee duroomee baree qaroo ta’ee
Taliigee walbulchee, Oromummaan moo’ee,
Oromoon wal ta’e abbaa biyyaa ta’ee,
Saba tokko ta’e, biyya guddaa ta’ee
Gammadee haajiratuufan hawwee manaa ba’e.
Waaq akka nu uume bareechee, bal’isee,
Guddaa nu taasisee;
Eebisee damboobee biyya nu badhaasee;
Shakkii tokko maleen amanee fudhadhee,
Dhugaa jallaa hinqabne kan ittiin dhaladhe,
Seenaa booruu hinqabnee xaliila ganamaa,
Haqa Waaq nuuf kenne dhiiga Oromummaa;
Oromoon tokkoomuu, Iyyu Hin Dhagahu
Qeerroon Bilisummaa Oromoo Agartuu Ija Uummata Oromoo ti !
Aside
Damee Booruutiin
Torbaan darban lamaan kana keessa agartuu ija uummata Oromoo kan tahe Qeerroo Oromoo irratti duulli madaala hin qabne adda danuun banamee jira. Kan baayyee nama gadisiisu warra Kanaan dura ifaa fi harka lafa jalaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo nutu ijaaree of harkaa qaba jedhan burqa olola kana tahanii argamuu dha. Dhuma bara 2015 yaroo ejjaannan Qeerroo bilisummaa Oromoo walatajjitti baahee soda tokko malee mirga uummataa isaa falmachuu eegalu , Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan ijaare OMN fi OFC dha hiriyaan koo nama waa hubachuu dandau dha jedhean yaadu naaf hime.
An garuu eenyu akka ijaare irraa gaafasis tahe har’a rakkoo hin qabu. Waan natti mul’at tokko Qeerroon Bilisummaa Oromoo kun kan jireenya nama tokko keessatti takka argamu utuu hintaane, seena saba tokko keesstti yaroo tokko kan argamu dha. Kanaafuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo karaa dandeenyu maraan gargaaruu fi hamaa itti dhufu hundaa irraa qolachuu qabna kan jedhu amantaa koo isa duraa ti. Akka nama tokko qaamni keenya fayyaa guutuun yoo tahe gammannee buraaqinee jiraachuu nutti tola. Garuu hamaan yoo dhufu jifuu hundakeessa ija keenya olshachuuf yaalla. Iji yoo jaame bara baraan dhukana keessa jiraachuu taha. Guyyaan bariihuu fi dhiyu hin argani. Bareedaa fi fokkisaa adda hin baasan. Adii fi guaracha hin beekan. Kan ormi harka irra namaa ka’e nyaatu , hinuu yoo argame. Jireenya dukkanaa jiraachuu Waaqayyoo nu haa baraaru.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo Agartuu Ija Uummata Oromoo ti
Mata duree Fincila Diddaa Gabrummaa Bakkaan Gadhuuf jedhuuf ammoo as tuqa:- Finchila Xumura Garbummaa Galmaan Gahuuf 2