Sulultaa Irratti Daandiin Cufame ,FXGs Jabaate‏e Itti Fufe!

Aside

Ebla 22,2016, Godina Addaa oromiyaa Sulultaa toora taaksiin dhaabbattun daandii Finfinnee irraa gara Bahadar fudhatu Qeerroo magaalichaan cufameetu jira.Har’a ganamas humna bittinneessaa wayyaneetiin daandiin kun banamuun Qeerroon yoo gabaasu daandiiwwan keessoo magaalichaas dhagaawwaan gurguddaa fi mukeeniin cufamaanii jiraatuun odessi ibsa.Godina addaa oromiyaa kana Sulultaa irraa kaasee haga shawaa kaabaa Fiichee fi Gabra Gurraachaa dabalatee Fincilli barattootaan yoommuu itti fufu qaama uummataa fi Qeerroo keessaniis tarkaanfiin
diinaa fi qabeenya diinaa irratti fudhatamuun haala kana keessatti jabaataa jira.
Waraqaa warraqsaa Qeeyroos halkan edaa sulultaa fi caancootti facaame bule waraana Wayyanee mufachiisuudhaan waraqaalee qeeyroo magaalota kana keessaa sarootni diinaa funaanuu gabaasan dubbata.
Kana booda waraanni wayyaanee oromiyaa akka gadhiisuu fi konkolaataan Wayyaanees oromiyaa keessa akka hin sochoone qeeyroon tarkaanfii fi FXG jabeeffatee ittui fufeetu jira. Odeessa qeeyroo godinaalee oromiyaa hunda irraan guyyaa guyyaatti qilleensa irraan waraabbii waliin kan dhiyaataa deemu tahuu Qeerroon beeksisaa jira.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Ebla 21,2016/Gaaffii Bakka Bu’aa Qeerroo Godina Baalee

Aside

Ijaaramuu Tumsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ilaalchisee Ibsa Ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Biyya UK

Aside

Qeerroon Biyya UK damee tokko jalatti ijaaramaa jiru

ukaQeerroon biyya UK adeemsa qabsoo Oromoo finiinaa jiru keessatti qooda fudhachuu fi akkasumas gumaacha isaan irraa eegamu taasisuuf ijaarsa eegalanii jiru.

Adeemsi ijaarsa qeerroo kuni kaanan dura kan yaadamee itti adeemamaa tures yoo ta’e illee hojiitti seenamee milkiin itti argame quubsaa hin turre. Gama biraan dargaggoonni magaala adda addaa keessa jiranis bifa adda addaan walitti dhufanii kan socho’aa turan yoo ta’e illee seera ittiin buliinsa barreefame qabaachuu dhabuu fi sochii ture sadarkaa biyyatti gochuu dhabuun  gumaacha qeerroon gochaa turan walbubusuu bira darbee tokkummaa ilaalcha qeerroon qabu irratti illee golgaa ta’ee haguugaa ture.

Qabsoon qeeroon biyyya keessaa FXG keessatti gochaa jiru tarkaanfii hatattamaa fudhachuu waan dirqisiiseef gareen adeemsa ijaarsa qeerroo kana dhugoomsuuf fedha fi kutannoo qaban magaalota adda addaa biyyattii keessa jiran keessaa walitti baba’an walga’ii jalqabaa kan taasisan Mudde 2015 Birmingham tti ture. Sana boodas hatattamaan gareen kuni Amajjii 2016 walitti deebi’uun Qeerroo Bilisummaa Oromoo UK (QBOUK) hundeessuuf wixinee qopheefate. Haaluma wixinichaatiin Seera ittiin buliinsaa(by law) qopheefachuudhaan Qeerroon Ijaaramu kunis gara fuulduraatti maal akka dalaguu qabu karoora yeroo dheeraa fi gabaabaa jechuun dhimmoota Haawaasummaa, Siyaasaa, Diinagdee, Gabbisa aadaa, qorannoo fi kkf irratti bal’inaan waantota gara fuulduraatti dalagamuu qaban tooraa qabsiifatee gara hojiitti seene. Dargaggoota biyya kana jiran walitti fiduu, hidhata isaa sadarkaa addunyaatti babbal’ifachuu fi qeerroo biyya Oromiyaa keessaa qabsootti jiran faana dalaguun jijjirama fiduun mul’ata qeerroo bilisummaa UKti.

Gareen kunis carraa argame hundatti fayyadamee irra deddeebiin walga’ii marii hedduu erga taasisee booda gaafa kabaja guyyaa WBO, Gurraandhala 20, 2016, magaala Londontti gaggeefame irratti uummatatti gad ba’e. Gumaacha guyyaa sanaafis baasii pound 450 ta’u kiisa nama dhuunfaa garee dhimma kana dalagaa jiru keessaa argateen T-shirt, Sa’aatii fi Meeshaalee manaa boca seenaa Oromoo ibsuun faayamee qophaa’e qabatee argame. Haaluma kanaan baasii ba’e deebifatee caalbaasii fi gurgurtaa meeshaaleen galii pound 1100 sagantaa sanaaf gumaachuu dabalataan qeerroowwan walaloo fi sagantaa adda addaa qopheessuun sagantichaaf miidhagina laataniiru. Bifuma wal fakkaatuun aantummaa QERROON dhaabbilee Oromoon jalatti hiriiree ofii isaa addunyaatti itttin of beeksisus ta’ee qabsoo isaa cimsatu agarsiisuuf sagantaa busii galii OMN irratti  magaala London fi Bolton irratti meeshaa caalbaasiif ta’u qabatee argamus sagantaan qabamuufii hafuuu isaa irraan kana ka’e milkaa’inni haga aggaamame hin argamne.

Ijaarsi qeerroo kuni sagalee Qeerroo bifa tokko ta’een walitti qabuun gahee dargaggoonni qabsoo Oromoon taasisaa jiru keessatti qooda fudhachuuf ‘Tokkummaa’ fi ‘Oromummaa’ aangeffatee kan dhabbate yoo ta’u, garaagarummaa uumamu malu kamuu akkuma dhaloonni qubeen gochaa jirutti mariidhaan mo’achuudhaaf sagantaa isaa qabatee magaalota adda addaa keessatti walga’ii taasisuu eegaleera. Londotti gaafa Bitooteessa 26, 2016 kan taasise yoo ta’u, Leedstti ammoo Ebla 16, 2016tti raawwata. Birmingham, Cardiff, Glasgow fi magaalonni biraas walga’ii itti aanuu gaggeessuuf toora qabatanii jiru.  Milkii fi muuxannoo walga’ii kanneen irraa argame bu’uurefachuun walga’ii sadarkaa biyyaatti waamuufis karoorri qabamee jira.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo UK dargaggoottaa fi shamarran biyya kana keessa jiran hundaaf maqaa Oromummaa fi Tokkummaatiin akka dhufanii yaadaa qaban mara ifa waliif godhanii, bakka buutota ofii filatanii, seeran ittiin buliinsaa qophaa’e qoratanii walcina hiriiran waamicha dabarsa.

Abbootiin keenya Lubbuu isaaniin Oromiyaa hirphaniiru, dhiiga isaaniin tiksanuuruu, nutis gahee keenya haa baanu. Barri tokkummaa fi bilisummaa amma.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Gaashaayee Walduu

Dura Taa’aa Qeerroo Bilisummaa Oromoo- UK

Godina Lixa Shaggaritti Magaalaan Amboo Gara Dirree Waraanatti Erga Jijjiramee Olee Bubbulee Jira Jedha Gabaasi Qeerroo.

Aside

Ebla 21/2016 Godina Lixa Shaggaritti Magaalaan Amboo Gara Dirree Waraanatti Erga jijjiramee olee bubbulee jira,Goototni barattootni Oromoo Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa Amboo biyyi keenya Waraanaan goolamaa utuu jirtuu, waraanni wayyaanee gandoota baadiyyaa hanga manneen barnootaa sadarkaa 1ffaatti qubsiifamee uummata keenya, ajjeesaa, saamaa, hidhatti ukkamsaa fi dhukaasee sodachisaa jiru hanga Oromiyaa gadhiisee bahuun hanga seeratti dhiyaatuttii qoramtaas hin fudhannuu Warraaqsaa FXG marsaa 5ffaa itti jirruun bilisummaa keenyaa fi Walabummaa biyya keenyaa ni mirkaneeffanna jechuun qoraata hin fudhan nuu jechuun sagalee mormii dhageesisuun gara maatiitti deebi’an. Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amoo dame Awwaroo mormii isaanii akkuma itti fufanitti jiruu, waraanni Wayyaanees mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessa buufatee barattoota goola jira. halkan edaas Waraannii Wayyaanee of irratti wareeruun dhukaasaa uummatarratti reebaa bulee. Godinicha keessatti tarkaanfiin rifachiisaa fi haleellaan gootota ilmaan Oromoo human ittisa Oromoon eegalames magaalaa Amboo fi Aanota Godinichaa hedduu keessatti daran jabaachuun itti fufee jira. Aanotaa Godinichaa cufa Keessatti Diddaan uummata Oromoo daran jabachuun itti fufee jira, Sochiin diddaa kanfaltii Gibra fi buusii mootummaa abba irree dhorkachuus haalaan hojii irra olfamuun uummatni Oromoo eenyummaa isaa diinatti argisise.

Godina Dhihaa Oromiyaa Bahaa Wallaggaa fi Aanoota Godinichaa cufa keessatti FXG haallan jabaachuu irraan waraanni Wayyaanee uummata jeeqaa jira.

Aside

Ebla 21, 2016 Godina Dhihaa Oromiyaa Bahaa Wallaggaa fi Aanoota Godinichaa cufa keessatti FXG haallan jabaachuun walqabatee mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn Uummata Oromoo hoomaa waraanaa irra qubsiisuun goolaa jirti, qabeenyaa jiraattoota Oromoos saamsisa jirti.
Uummtni Oromoo gootummaa guddaan diina hanga funyaanitti hidhatee karaa nagaa qawween sagalee keenyaa dhaabuu hin danda’uu jechuun warraaqsaa FXG kan marsaa 5ffaa itti fufee wareegama baasuun falmachaa jira. Magaalaa Naqemtee keessatti barattootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qophaa’ina sagalee mormii isaanii utuu wal irraa hin kutiin dhageesisuun hanga guyyaa har’atti sirni baruu fi barsiisuu waraanaan kan goolamee fi dhaabbatee jiraachuun beekamadha.Mooraan Yuunibarsiitii Wallaggaa fi Magaalaan Naqemtee
guyyuu waraanaan goolamaa olaa jira. Aanota Godinichaa kanneen akka Giddaa Ayyaanaa, Heebantuu, Saasiggaa, Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaa, Sibuu Siree, Nunnuu Qumbaa, Gatamaa, fa’aa keessattis sirni baruu fi barsiisuu dhaabbatee sochiin FXG abbaa irree of irraa qaarisuu itti
fufee jira!!

FXG Oromiyaa Bakkoota Gara Garaa Keessatti Jabinaan Itti Fufee Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Ebla 21,2016 Shaggar  lixaa magaalaa Gudaritti barattoonni sad.1ffaa Odaa Baree ebla 21,2016 yeroon qorumsaa fi barumsa miti yeroon yeroo FXGti jechuun barumsa dhaabanii jiraachuu Qeerroon yeroo ammaa kana gabaase jira.

Yuunivarsiitii Amboo damee Awwaarootti Ebla 15,2016 barattoonni diinaa muraasi qormaata qoramuuf yaalanii barattoonni Qeerroon gachasaanii mormuun fincila kaasanii konkolaataan ambulaansii moorichaa irratti tarkaanfin fudhatameera. Guyyuma kana magaalaa keessaatti jiraattottaa fi barsiisota yuunivarsiitii Amboo lamiilee hindii ta’an iratti tarkaanfii fudhataniin kondominiyeemii isaan itti galan caccabsuudhaan qabeenyaa qarshii 1000, tv fi laptop hedduu irratti qeerroon magaalichaa tarkaanfii fudhachuun gabaafame. Alagaan magaalicha keessa jiraatus yeroo dhiyooti akka gadhiisu akeekkachisni itti kennamee jira.

Yuunivarsiitii Wallaggaatti guyyaa mutraasa dura qeerroon 2 ganama ciree irratti qabamanii ukkaamfamuun isaniin kan ka’e FXG itti fufee akka jiru Qeeyroon gabaase jira.

Naannoo amaaraa shawaa kaabaa aanaa Antsookiyaa Gumzaatti ganda Mmaajetee Aanaatti haaguddatu gaaffiin jedhu waan kaasaniif bulchiinsii aanaa ,humni nageenyaa,poolisii waltahuun uummata haasofsiisuuf walgahii godhan irratti jalqaba irratti qajeelcha humna nageenyaa kan ture asgellel gaaffii karaanagaa hin dhiyeessitan taanaan adda adda keessa rukunnee tasgabbeessina yaada jedhu kennuusan dargaggoonni 100.ta’an wal gahanii lola kaasanii walgahichi osoo hin gaggeeffamiin hafuun fincilli kun har’as itti fufee jiraatuun gabaafameera.

Kaleessa galgala godina addaa oromiyaa magaala Sabbataa ganda 01 keessatti bakka giddu galeessa gabaatti waraqaaleen dhaadannoon bittimfamee jira. warqaaleen kunis

– Hamma yoomitti kantiibaa fi poolisii soorra isheen yoo nyaattes hin quuftu

– Lammiileen biroon as keessa teessanii oromiyaa mootummaa deggertan gadhiisaa

– Nuti uummata oromoof qabsoofna qabsoon keenyas ittuma fufa

– Hidhaan itti fufeera kanaaf wayyaanee jabaannee ofirraa galchuu qabna

Kan jedhan waraqaan kaleeysaa bittiimfamanii akka jiran Qeerroon gabaasee
jira.

Lixa Wallaggaa Magaalaa Najjootti FXG Uummataan Adeemsifamaa Jiruuf Humni Waraana Waayyaanee Tarkaanfii Fudhachaa Jiran

Aside

Itti fufaEbla 21,2016 Balaaleffannaa mootummaa nama nyaataa Waayyaanee uummatni Oromoo daran jabeessuun perperama hamaa keessa kan galchee jiru Shororkeessitoota Mootummaa kan dhiigaa lolaasuu baran bakka lixaa dhorkaa jiraachuun argamaa jira.Kanas dhaamsuuf malaaf tarsiimoo
hedduu itti baafatanis Sochiin Uummatichaan bahaa hanga dhiyaatti adeemsifamaa jiru dhowwuun galaana qabanii dhaabuu itti ta’ee jira Har’a Lixa Wallaggaa magaalaa Mandiif Najjoon Fincila jabaarra turusaanii qeerroon Lixa Oromiyaa gabaasa isaan ni ifoomsa.Sababaa kanaaf akkuma amaleeffatan Uummata hidhuuf reebuutti kan fulleffatan abbootiin irree Galgala kana magaalaa Najjoorraa mana Uummatarraa deemuun hawwaasa nagaa qabanii mana hiraarsaatti guuraa jiran sababaa harra mana barumsaa qophaa’inaa Najjoorra warraaqsi turef. Amma saatii ani barreessaa jiru kanatti rasaasatu naannoo istaadiyeemii 2 ffaa biraa dhagahamaa jira.