Godina Dhihaa Oromiyaa Bahaa Wallaggaa fi Aanoota Godinichaa cufa keessatti FXG haallan jabaachuu irraan waraanni Wayyaanee uummata jeeqaa jira.

Ebla 21, 2016 Godina Dhihaa Oromiyaa Bahaa Wallaggaa fi Aanoota Godinichaa cufa keessatti FXG haallan jabaachuun walqabatee mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn Uummata Oromoo hoomaa waraanaa irra qubsiisuun goolaa jirti, qabeenyaa jiraattoota Oromoos saamsisa jirti.
Uummtni Oromoo gootummaa guddaan diina hanga funyaanitti hidhatee karaa nagaa qawween sagalee keenyaa dhaabuu hin danda’uu jechuun warraaqsaa FXG kan marsaa 5ffaa itti fufee wareegama baasuun falmachaa jira. Magaalaa Naqemtee keessatti barattootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qophaa’ina sagalee mormii isaanii utuu wal irraa hin kutiin dhageesisuun hanga guyyaa har’atti sirni baruu fi barsiisuu waraanaan kan goolamee fi dhaabbatee jiraachuun beekamadha.Mooraan Yuunibarsiitii Wallaggaa fi Magaalaan Naqemtee
guyyuu waraanaan goolamaa olaa jira. Aanota Godinichaa kanneen akka Giddaa Ayyaanaa, Heebantuu, Saasiggaa, Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaa, Sibuu Siree, Nunnuu Qumbaa, Gatamaa, fa’aa keessattis sirni baruu fi barsiisuu dhaabbatee sochiin FXG abbaa irree of irraa qaarisuu itti
fufee jira!!

1 thought on “Godina Dhihaa Oromiyaa Bahaa Wallaggaa fi Aanoota Godinichaa cufa keessatti FXG haallan jabaachuu irraan waraanni Wayyaanee uummata jeeqaa jira.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) | OromianEconomist

Leave a comment