Godina Lixa Shaggaritti Magaalaan Amboo Gara Dirree Waraanatti Erga Jijjiramee Olee Bubbulee Jira Jedha Gabaasi Qeerroo.

Ebla 21/2016 Godina Lixa Shaggaritti Magaalaan Amboo Gara Dirree Waraanatti Erga jijjiramee olee bubbulee jira,Goototni barattootni Oromoo Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa Amboo biyyi keenya Waraanaan goolamaa utuu jirtuu, waraanni wayyaanee gandoota baadiyyaa hanga manneen barnootaa sadarkaa 1ffaatti qubsiifamee uummata keenya, ajjeesaa, saamaa, hidhatti ukkamsaa fi dhukaasee sodachisaa jiru hanga Oromiyaa gadhiisee bahuun hanga seeratti dhiyaatuttii qoramtaas hin fudhannuu Warraaqsaa FXG marsaa 5ffaa itti jirruun bilisummaa keenyaa fi Walabummaa biyya keenyaa ni mirkaneeffanna jechuun qoraata hin fudhan nuu jechuun sagalee mormii dhageesisuun gara maatiitti deebi’an. Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amoo dame Awwaroo mormii isaanii akkuma itti fufanitti jiruu, waraanni Wayyaanees mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessa buufatee barattoota goola jira. halkan edaas Waraannii Wayyaanee of irratti wareeruun dhukaasaa uummatarratti reebaa bulee. Godinicha keessatti tarkaanfiin rifachiisaa fi haleellaan gootota ilmaan Oromoo human ittisa Oromoon eegalames magaalaa Amboo fi Aanota Godinichaa hedduu keessatti daran jabaachuun itti fufee jira. Aanotaa Godinichaa cufa Keessatti Diddaan uummata Oromoo daran jabachuun itti fufee jira, Sochiin diddaa kanfaltii Gibra fi buusii mootummaa abba irree dhorkachuus haalaan hojii irra olfamuun uummatni Oromoo eenyummaa isaa diinatti argisise.

1 thought on “Godina Lixa Shaggaritti Magaalaan Amboo Gara Dirree Waraanatti Erga Jijjiramee Olee Bubbulee Jira Jedha Gabaasi Qeerroo.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) | OromianEconomist

Leave a comment