Godina Lixa Shaggar Gindeberet Magalaa Kaachis Keessaa Irreen Uummata Oromoo Waraana Wayyaanee Injifachaa Jira.

Aside

DSC00043 - CopyMagaala Kachisii keessatti guyya fi halkan waarani Waayanee diddaa uummata irraa itti ka’aa jiru dura dhaabbachuu dadhabuun humna dabalataa adda addaa gara aanaa kanaatti guru iyyuu irree uummataa mohachuu waan hin dandeenyeef cinqama guddaa keessa akka jiru beekame.

30/03/2016 halkaa alaaba Adda Bilisuma Oromoo ykn Oromiyaa  lafaa gabaa qidamee keessatti mukaa ibsaa irratti bakkoota hedduutti fannifamee barruuleen warraaqsaa guutuu magaalaa keessatti raabsamuu fi maxxanfamuu irraa humni waraanaa about seene jechuun raafama keessa jiru.

Jirtoota magaalaa fi baadiyaa hundaa reebichaa dhalaa namaaf hin malle  reebaa kan turan yoo ta’u,namooni hundi kan garaa keessa waan qabuf bartoota isaa gara mana barumsaa osoo hin erginii mana manasitti dhowee manneen barnootaas cufamanii jiru.

Guyyaa hara’aa immo bartoota fi jirtoota fi kanen mana magaala kireefatan hundi bartoota mana keessan kireessan jiran akka walga’ii qabatan dhiyaatan jechudhaa waarani magaala fi hidhatootni magaala fi baadiyaa mana mana irra deemudha ummata fi bartoota koota walga’ii deemaa jechudhaa dorsisaa kan turaa yoo ta’u,bartootnis jirtootnis namni tokko osoo hin ba’iin haafee jira.

Humni Liyyuu Haayil Jedhamu Wayyaanee Magaalaa Naqamtee Wareru Iyyuu Gootonni Qeerroon Yuniverstii Wallaggaa Galgala Kana FXG Itti Fufan!

Aside

Bitootessa 30,2016 Fincilli xumura garbummaa galgala kana Yuunversiitii Wallaggaa fi naannoo isheetti bifa haaraan dhohee jira.Dhaadannoo jajjaboon baratoota galgalaan mooraa fuula duraa dhaga,amaa jira .Baratoonni heeduminaan mooraa gad lakkisuun gara uummataatti baqachaa jiru.Poolisii Oromiyaa fi humni federaalaas halkan kana baratoota karaa nagaa gaaffi gaafatan irratti dhukaasa banuun baratoota goolaa jira.Baratoonni heedduunis yeroo ammaa kana mooraa yuunversiitichaa fuulduratti reebamaa jiru.

Gootonni Ummata Oromoo Godina Harargee Bahaa Fadiis FXG Itti Fufuun Kaabinooti Wayyaanee Marti Akka Magaalaa fi Aanaa Keessaa Gadhiisanii Bahan Gaafataa Jiru. 

Aside

Fadiis Fadiisii FadisHaragee bahaa aanaa Fadisitti hawaasni, manguddoonni, dargaggoonni,hojjattoonni fi jiraattonni aanichaa marti obsa kan fixatan warraaqsa isaanii guyyaa kaleessaa irraa jalqabee haga arraatti , jechuunis guyyaa lamaaf 29/3/2016 fi 30/3/2016 ksan itti fufe yeroo ta’u, amma guutummaa guututti, bulchaa aanaa obbo Musxafaa Mahammad dabalatee kaabinoota hunda hojii irraa akka dhaabbatan taasifamanii jiru. Dabalataan, bakka bu’ummaan kanneen godina irraa warraaqsa kana dhaamsuuf kan argaman, namoonni maqaan isaanii 1. Xilaahun fi 2, Bushraa kanneen jedhaman haga namoota isiniif bakka buufnu koreen mari’annee xumurrutti bulchaa keessan kabajjanii hojiin haadeemu jedhanillee, garuu hawaani hin barbaannu jechuun mormanii jiran.

FXG Haalaan Jabaatee Magaalaan Naqamtee Humna Waraana Wayyaanee Liyyuu Haayilii ykn Qeybaahir Jedhamuun Weeraramtee Jirti.

Aside

stFincilli xumura garbummaa magaalaa naqamtee fi naannoo ishee keessatti guyyaa harraa Bitootessa 30,2016 kanas itti fufee oolee jira.Halkan halkanis magaalattii kessatti dhukaasni daran humna hin beekamneen akka bishaanii roobsamaa bulaa jira .fincilli kun daran jabaachuurraan kan ka,e humni liyyuu aayil yookiin qaybaahir warri jedhaman jedhaman guyyaa harraa kana magaalattii keessa makiinaa kan hayyundai qixqixii tokkoon magaalattii keessa naanna,uun uummata goolaa jiru.Uummata hidhuu ,reebuu fi mana uummataa olseenuun poolisiin oromiyaa fi humni federaalaan fattashuun daran jabaatee jira.Uummanni magaalattiis sodaa tokko malee fincila kana eenyuyyuu boodatti nun deebisu jechuun finiinsuu itti fufaniiru.

Ukkamsaaf Dararaan Uummata Baha Wallaggaa Sibuu Sireerratti Hammaate

Aside

Bitootessa 30,2016
because-i-am-oromoAjjeechaaf Hidhaan Oromiyaa bakkeewwan hedduutti guutummmaa guututti kan itti fufe.Moorummaan afaan qawweetti amanu gochasaarra duuba osoo hin jenne itti fufe.

Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti gochaawwan Ukkaamsaa Namoota Baay’inaan Afur taa’anirratti fidhatamee jira

Kanas maatiin Namoota hidhamanii guyyaa lamaaf mana hiraarsaa Magaalaa Siree keessatti argamutti deddeebiin hubachaa erga turanii
guyyaa muraasa gidduutti bakka buuteesaanii dhabnee yaaddoo guddaa keessa seenne jedhu Namoota kanneen
1,Obbo Mangistiu Tashoomaa
Obbo mangistuun abbaa ijoollee afurii yoo ta’u waggoota barataan biyyaa keessa hin heddummanne keessa barnootasaanii xumuruun Diploma nama of harka qaban taa’anillee eenyuummaasaaniif bakka guddaa waan laataniif akkasuma Hawwasaa nutti kakaasaa jirta sababa jedhuun waan ittiin baratanii ba’aniin Hawwaasa isaanii tajaajiluu hin dandeenye.Akkasuma yeroo gara yerootti ABO mana galchitee soorta sababa jedhuun dararaa jabaa irraan gahaa turani har’as gochi akkanaa namoota Akka Obbo Mangistuu heddurra ga’a jira Obbo Mangistuurraas dararaan osoo hin dhaabbatin maatiisaanirra ukkamfamanii jiru
2,Lataa Guuta
3,Badhaasaa Geetahuu
4,Tasfaa Dhaaba
Yoo ta’an eessa buutensaanii hanga ammaatti hin baramne.

Fincilli Xumura Gabrummaa Oromoo Magaalaa Asallaa Keessatti Bifa Addaan Itti Fufe,Namoonni Hedduus Waraana Wayyaaneen Qabamuun Hidhaman.

Aside

Bitootessa 30,2016 Sochiin FXG magaala Assaala keessatti ittii fufinsan gaggeffama jira Agaazii waarri jedhaman Barattota irraattii gocha hamma rawwaacha jiru Kaleessa Galgala Barattoonni Dhiira 108 fi Dhalaa 56 Qabuun Halkan Reebaa Bulanii Barattooti Shamarranii Baay’een Miidhamaniiru gargarsa wal’ansaa barbadu. Nama reebbuu malee namn Gargaru hin jiru nutis dhokkane jira Barsiisota Keessaas Namoonni Shan Hidhamaniiru Isaa Keessaa: B/sa Tufaa Fiiziksii Barsiisa Kaan Ammoo Maqaa isaanii akka Barreen Gabaasna

SBO Bitootessa 30,2016. Oduu, Gabaasa Addaa Ibsa PAFD Gaazexeessotaaf kenne irratti, qophii haala yeroo irratti hundaa’ee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa…PAFD irratti fuulleffate.

Aside

VOA – Tumsa Uummataa Bilisummaa fi Dimookiraasii: Bilisummaa fi Dimookiraasiin Dhugaan Barootaaf Hawwame Argamuu Qaba

Aside

https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/pafdtubd-bilisummaa-fi-dimookiraasiin-dhugaan-barootaaf-hawwame-argamuu-qaba

Gochi Rifaasisaan Barattoota Yuuniversitii Jimmaarratti Raawwatamaa Jira

Aside

Gochi Rifaasisaan Barattoota Yuunibaraiitii Jimmaarratti Raawwatamaa Jira
Birootessa 30,2016
Yuunibarsiitiin Jimmaa Keessatti dhiittaan mirga namaa hammachurraa darbee hidda dheerafatee jira.Barataa Oromo irratti yeroo gara
yerootti yakka tokkoon malee ragaa sobaa funaanamuun hiraasaa fi ari’a kan as ga’e mootummaan Wayyaanee ammas yakkoota akkasii daran babal’isee jira.
Barattoota 9 irratti ragaa sobaa funaanuun  himata kanneen irratti badii tokkoon malee bane keessaa daawwitii manneen mootummaa caccabsitan jechuun Qarshii 41800 kuma afurtamii tokkoof dhibba sadeetiin himataa jiraachuu beekame.

Aside

Bitootessa 30,2016 Qeerroon Wallagga lixaa magaalaa Jaarsoo jalaa deemtoota wayyannee kan tate OPDO boqonnaa dhorkee jira. Guyyaa har’aas waraqaa “Qabsoon keenyaa hangaa bilisummaattii hin dhabatu: OPDOn ummataa oromoo bakka hin butuu: Hiidhaafi Ajeechaan dubbattii nun deebisu: ” kan jedhu torbee torbeen moraa maneen barnoota wajjiraalee motummaa akkasumaas maneen ummataa keessa faccasuun: motummaa Wayyannee nasuu guddaa keessa galchanii jiru.