Heroic Confrontation between Agazi Soldiers and Civilians

Aside

Heroic Confrontation between Agazi Soldiers and Civilians

Polisiin Fedaraalaa Dhalootaan Oromoo Ta’an ABOf Hojjettu Sababaa Jedhuun Yakka Adda Addaa Irratti Banuun Hojii Irraa Arihuu fi Dararaa Jabaan Mootummaa TPLFdhaan Irra Ga’aa Jira

Aside

Bitootessa 25,2016
Ukkamsaaf ajjeechaan obsa kan fixacachiise Uummata Oromoo rog,arfaniin diddaa jabaa dhageessisee Waayyaanee hirriba dhowurra darbee abdii kutannaa guddaa keessa galcheera.Akkasuma ajjeechaan waan duuba deebisu ukkamsaan waan abdii kutachiisu itti fakkachuun Waayyanonni Oromoo ukkamsuurratti fullefatanis mormiin daran babal’achuun lammii Oromoo kan ta’ee hunda sochoosaa jira Tibba kanas Folisoota Fedaraalaa kan magaalaa Finfinnee keessaa hojjetan dhalootaan Oromoo waan ta’aniif Qofa dararaan irra gahaa jiraachuu icciitiin achii baate ifa taasifti.Akkasuma sakatta’insa moobayilaaf Suuraa,Video,dabalatee hojiirraa ari’uuf dhoksaan ukkamsuun yaaddoo jiruu keessa nu galchaa jiraa jedhu Folisoonni hiriyoota danuu of biraa dhaban kunnin.Kanumaan wal qabatee amma ammaatti Foolisoota 23 ,nu biraa ukkamsanii bakki geessamaan hin baramne kanneen hafanimmoo carraan kun nu mudachuun dura jechuun tarkaanfii hojii dhaabuu Folisoota 34 hojii lakkisanii ba’ani Folisoota 56 ammoo hamma ammaatti hidhamanii jiru ,Ta’uyyuu kan yaaddoof muddama keessa nu galchee jiru Folisoota 23,sana ajjeesanii dhoksaan ka jedhutti shaakkaa jirraa.Walumaa gala kan Ukkamfaman,kan hidhaman,kan hojii lakkisa garee tokko qofaa keessa 113 ga’ee jira ta’us nu warra hafe gammoojjii Bilaatee jedhamtu keessatti nu ittisaa jiru akkasuma Nun Foolisoota dhalotaan Oromoo taanerraa Hidhata hikkatanii jiru jedha odeessi icciitiidhaan Foolisoota Fefaaralaarraa ba’ee Qeerroo dhaqabe.

MUST WATCH – GOBII “Dargaggeessi Yoomiif Tola” Artist Mo’ibul Biluu Qawwee/Wallee Warraaqsaa

Video

https://youtu.be/Bai8A_9X90c

Godina baha wallaggaa magaala Naqamtee, Giddaa Ayyaanaa fi Yuuniversitii Wallaggaa Keessatti Waraqaan Qeerroo Warraaqsaa Bittimfamee Jira. Magaala Naqamteetti Uummata Oromoo Maraaf Waamichi Tahe.

Aside

Bitootessa 24,2016

– Oromoon tokko kaaba fi kibaa fi bahaa fi lixaan ka’I wayyaanee
biyyaa baasi

– Abbummaan oromoo oromiyaadhaan haa mirkanooftu

– WBON duruma leenca bosonaati

– Nuti wayyaane hin beeknu ABO malee

– Tigreen saamtuu fi hattuudha

– OPDOn uummata oromoo bakka hin buutu

Jedhu waraqaan balaliituun warraaqsaa bittimfamee kan turee fi aanaa Giddaa Ayyaanatti barataa du’e sirna awwaalcha isaan wal qabsiisuudhaan FXGs guyyaama kana eegale kan ture har’as FXG aanaa kana keessatti jabaate jedhu. Qonnaan bulaan aanaa Giddaa Ayyaanaa hedduun ukkaamfamee jira. barattootni har’a daandii cufaniiru. Agaaziin aanicha keessa olii fi gadi fiigaa jirti. Magaalli Naqamtees dirree qabsoo taateetti hamma ammaatti waraanni wayyaanee itti wal jijjiiruudhaan magaalicha keessa qubatee jira.

MUST WATCH – **Oromo New Music 2016** Hirphaa Ganfuree fi Habtamu Lamu #Wallee Warraaqsaa

Aside

https://youtu.be/fbqRD57SwDA

Yunibarsiitiin Jimmaa Barattotarratti Beeksisa Baasuu Itti Fufe.

Aside

IMG_20160324_102943Bitootessa 24,2016
Gocha dhoksanii ukkamsuuf yeroo yerootti waan wal hin qabanneef badii tokko malee barattoota Oromoo arii’uun beekamtii kan qabu,har’as dogongora tokko malee mooraa guddaa keessatti barattoota Oromoo nama 29 irritti beksisa baasaa jiraachuu akkasuma Barattoota kanneen keessaa nama 3 dhoksaan ukkaamsisuuf akka jiru icciitiin isaan biraa baate ifa taasiftti kanas itti gaafatamummaan Kaalid Abbaa Tamaam akka dalagaa jiru oduun isaan biraa baate ifa taasifti.

Gama biraan  Guyyaa kalee 23/3/2016  Yuunibarsiitii Walqixxee Damee Gunuureetti FXGn adeemsifame. Mooraa Gubuureetti fincila xumura garbummaa adeemsifame kanaan barattooti hedduun miidhamuufi,barattooti hedduun ukkaamfamuus Qeerroon moorichaa gabaasee jira

Yeroo ammaa kana to’annaan addatti barattoota Oromoo irratti adeemsifamaa kan jiruufi,barattoti hedduun mooricha gadhiisaa kan jiran humni waraanaas akka waan ofii itti baratuutti itti duudaa jiraachuun beekameera