Oromo/Oromia-New Drama-“MADAA KUKULEE”

Aside

https://youtu.be/3bsjIWhiaEs

Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Aada’aa Bargaa Goototni uummatni Oromoo fi Barattootni Oromoo Ganda Caancoo Birrattee Lafa Gabaa Jimaataa jedhamtutti walgahuun Warraaqsaa FXG finiinsuun hiriira mormii sirna Wayyaanee taasisan.

Aside

Bitootessaa 20-21/2016 Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Aada’aa Bargaa Goototni uummatni Oromoo fi Barattootni Oromoo Ganda Caancoo Birrattee Lafa Gabaa Jimaataa jedhamtutti walgahuun Warraaqsaa FXG finiinsuun hiriira mormii dhageessisaa turan.

Dhaadannoowwan itti anaanu kana sagalee jabaan dhageessisan.

-Waraanaan hin bullu -Ilmaan oromoo hindhaman hatattamaan haa hiikaman

-Mootummaan lubbuu waraanaan balleesseef itti haa gaafatamu -Abbaan Biyyaa ABO’dha.

-Wayyaanee fi OPDO’n nu hin bulchitu jechuudhaan dhaadannoo dhageessisaa turan.

Waraanni wayyaanees akkuma amalasaa ummata mirga Isaafi dubbatu hidhuu fi dararuu irratti argamu. Aanaadhuma kana #Mogor keessattin kan argaman Barattootni Manneen Barnootaa #Mogor_Muka_Odaa sad.1ffaa, Reejjii sad.2ffaa fi ‘Mugher Cement Enterprise Community Senior Secondary School’tti torbee darbe irraa eegaluun mormii isaanii kan itti fufan tahuu ibsameera. Sababa kanaan waraanni Wayyaanee manneen barnootaa seenuudhaan barattoota jumlaan hidhuu fi dararaa jiraachuun beekame. Hawaasni Mogoris barattootaaf birmachuudhaan hanga ammaatti waraana Wayyaanee fuuldura dhaabachuu jiru. Haaluma walfakkaatuun Godinuma Shawaa Lixaa Meettaa Roobii keessatti guyyaa Jimaataa Barattootni Mana Barnootaa Qophaa’inaa Shinoo mormii jabaa dhageessisaa turan. Yeroo ammaas barattootni manneen barnootaa garaagaraaMeettaa Roobii fi Ada’aa Bargaa keessa jiran Barnootni Bilisummaan Booda jechuun ibsa ijjannoo baafatan guutummaan hojiitti hiikaniiru.

Barattooti Oromoo Yuniversitii Finfinnee Keessaa Loltoota TPLFn Qabaman 20 Mana Hidhaa Keessatti Gidirfamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Because I am Oromo

Bitootessa 21,2016/ Maqaaleen armaan gaditti tarreefaman kunniin gootota barattoota  Yuunibarsiitii Finfinnee keessaa qabamanii yeroo ammaa kana mana hidhaa keessatti gidirfamaa jiranidha.

Qeerroon barattootni kunneen 49  ta’anii hidhamanii kan turan 20 mana hidhaa Wayyaanee keessatti kanneen hafani tahuu Qeerroon gabaasa. Jarreen kun xalayaa seeraa of harkatti qabachuun waraqaa dhaadannoo fi uffata adii kan nageenya mullisu uffachuun iimbaasii Ameerikaa fuulduratti sagalee diddaa isaanii waan dhageessisaniif qofa qabamanii hidhaman.

Dhaadannoon isaan dhageessisaa turanis;

  1. Mirga dhabuu uummata Oromoo
  2. Ajjeefamuu fi yuunibarsiitii irraa ari’amuun akka dhaabbatu
  3. Dachee fi qabeenya Oromiyaa harka  duureyyii qonnaan bultoota irraa fonqolchuun kennuun akka dhaabbatu
  4. Kiraan lafaa olka’e qotee bulaa irraa akka dhaabbatu
  5. Beektonnii fi barattootni Oromoo mana hidhaatti gidirfamaa jiran akka hiikaman
  6. Digirii baatanii dhagaa baachuu fi soquun akka dhaabbatuu, walumaa galatti gidirfamnii fi cunqursaa lammii Oromoo irraa akka mulqamu sababa  gaafataniif gidirfaamaa jiru.

Kan jedhu ture.

Yeroo ammaatti barattooti hidhaa keessatti gidiraa argaa jiran keessaa warra armaa gadii ta’uu Qeerroon gabaasa:-

Lakk Maqaa guutuu Department
1 Sooressaa Damee Enjiner  5th year
2 Bilisummaa Biraanuu Economics 2nd year
3 Guddinaa Tasfaayee Mgt 2nd  year
4 Asheetuu Darajjee Economics 2nd year
5 Dabalaa Fayisaa English 4th year
6 Battee Lammii Maths 2nd year
7 Alamuu Olaanii Economics 2nd year
8 Gammachuu Kabbadaa A/oromo 1st Year
9 Ahimed Mohaammed Electrical enginer 5th year
10 Insarmuu Boggaalee Acconting 3rd  year
11 Ijjiguu Qabataa Economics 2nd year
12 Shallamaa    Gammachuu Economics 2nd year
13 Gammachuu Haayiluu           >>
14 Marshaa Baayisaa           >>
15 Tasfaayee Geetuu          >>
16 Tarreessaa Ashakaa          >>
17 Tasfaayee Mokonnon          >>
18 Daani’eel Abdiisaa chemistry
19 Guutaa   Baayisaa chemistry
20 Biraanuu Badhaadhaa Adiministration

Gochi Shororkeessitoota Waayyaanee Daran Babal’achuun Lixa Oromiyaa Magaalaa Naqamtee Jeeqaa Jiran

Aside

Bitootessa 20,2016
Haalli Magaalaa Naqamtee Kan sodaachise humni waraanaa daran dabalee uummata nagaa dhowwaa jira.Konkolaatonni haaraan waraana oliif gad imalchiisan illee heeddummachaa jiru.eegumsi keessumaa naannoo boordiifii marffataafaatti humnaa ol jabaatee jira. Fincilli xumura garbummaa magaalaa naqamtee keessatti jabaachuurraan kan ka,e mootummaan gabroonffataa Wayyanee boqonnaa dhabuurraan uummata nagaa goolaa jiraachuu maddeen keenya achirraa arganne ifa godhu.Humni kora bittinneessaa fi makkalaakiyyaa jedhamanis baratoota karaa nagaan gaaffii mirgaa gaafatan irratti aarra ija imimaannessu gadhiisuu,reebuu fi gara mana adabaatti guuraa jiraachuu Qeerroon gabaaseera.

Aside

Keyeroon dararjjee