Magaala Kachisii keessatti guyya fi halkan waarani Waayanee diddaa uummata irraa itti ka’aa jiru dura dhaabbachuu dadhabuun humna dabalataa adda addaa gara aanaa kanaatti guru iyyuu irree uummataa mohachuu waan hin dandeenyeef cinqama guddaa keessa akka jiru beekame.
30/03/2016 halkaa alaaba Adda Bilisuma Oromoo ykn Oromiyaa lafaa gabaa qidamee keessatti mukaa ibsaa irratti bakkoota hedduutti fannifamee barruuleen warraaqsaa guutuu magaalaa keessatti raabsamuu fi maxxanfamuu irraa humni waraanaa about seene jechuun raafama keessa jiru.
Jirtoota magaalaa fi baadiyaa hundaa reebichaa dhalaa namaaf hin malle reebaa kan turan yoo ta’u,namooni hundi kan garaa keessa waan qabuf bartoota isaa gara mana barumsaa osoo hin erginii mana manasitti dhowee manneen barnootaas cufamanii jiru.
Guyyaa hara’aa immo bartoota fi jirtoota fi kanen mana magaala kireefatan hundi bartoota mana keessan kireessan jiran akka walga’ii qabatan dhiyaatan jechudhaa waarani magaala fi hidhatootni magaala fi baadiyaa mana mana irra deemudha ummata fi bartoota koota walga’ii deemaa jechudhaa dorsisaa kan turaa yoo ta’u,bartootnis jirtootnis namni tokko osoo hin ba’iin haafee jira.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk