Wallagga Magaalaa Mandii Keessaa Maanguddoonnii fi Dargaggoonni Qaroo Ukkaamfamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Muddee 22.2015

Jaarsolii fi Dargaggoonni qaroo uummata Oromoo ta’an magaalaa Mandii keessaa uukkaamfaman

Jaarsolii kanneen akka

 

  1. Oljirraa Dibaar
  2. Oljirraa  Guutaa
  3. Miizanaa Gammadaa

Jaarsolii biyyaa umurii 75 olii yeroo ta’an,jimaata darbe mana cabsuun humni tikaa Wayyaanee ukkaamsee achi buuteen isaanii dhabamera

Guyyuma kana Barsiisaa Qananii Geetaanee dargaggoota magaalaa Mandii wajjin qabamee achi buuteen isaanii dhabamee

Yeroo ammaa kana magaalaan Mandii dargaggootii fi jaarsoliin hawaasi kan keessa hin jiraanne ta’uun beekamaadha!

 Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Main Cupasii  FDG Itti fufun Qabsoo Finiinsan. 

Aside

Mudde 20,2015 Jimmaa

Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa FDG’n  Galgala kana sa’aa 11:00 irraa eegaluun  Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Main Cupasii  Itti fufun Qabsoo Finiinsan.

Addaatti Labsii Waraanaa Mootummaan Ethiopia EPRDF/TPLF/OPDO’n Dabarse gadi jabeessuun balaaleffachuun Hanga gaaffiin Mirgaa Abbaa biyyummaa Oromoo kabajamuu fi mirgootni Namummaa fi Dimookiraasii kabajamuutti Warraaqsii keenya wal Irraa hin citu jechuun Warraaqsaa FDG jabeessuun itti fufan.

Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Utuu humna waraana agaazii fi Humna ittisa biyyaa guddaan Marfamanii eegamaa jiranii warraaqsaa Finiinsan.  Ilmaan Oromoo utuu jilmaan humna waraanaan ajjeeffamanii, utuu Lollii Duguuginsa Sanyii nurratti Labsamee jiruu, utuu ilmaan oromoo hidhaatti Guuramanii, utuu Oromoon dararaa ulfaata keessa jirruu falmaa irraa duubatti hin deebinuu,jechuun  warraaqsaa FDG jabeessuun  Mootummaan Hatattamaan Waraanaa ittisa biyyaa , Waraana agaazii fi Poolisii federaalaa Oromiyaa keessa baasuu qaba. Ilmaan Oromoo jumlaan Wareegamaniif Mootummaan gaafatama fudhachuu qaba jechuun Warraaqsaa jabeessuun itti fufan.

Mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa barattoota karaa nagaan gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachuun qalma malee homaa of harka hin qabne irratti waraana bobbaasuun gaazii Summaa’aa haalaan ulfaatu mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti dhoosuun qilleensaa uumamaa illee faaluun barattoota Oromoo fi barattoota mooraa yuunibarsiitii Jimmaa irraan balaa guddaa qaqqabsiisa jira. Warraaqsa kanaan walqabatee galgala kana goototni barattootni Oromoo waraanaa waliin waldura dhaabbachuun warraaqsa itti fufan, Barattootni hedduun Mooraa gadi lakkisaa jiru, guutummaa gabaasa kanaa walitti deebina…

Aside

Mudde 20,2015

Godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinneetti mootummaan hojjattoota mootummaa mana hidhaatti guuraa jira.

Akkuma beekamu FDG yeroo ammaa guutuu Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru kanaan raafama guddaa keessa galuun isintu uummata nurratti kakaasaa jira jechuun hojjattota mootummaa maqaan isaanii

1ffaa. Darajjee magarsaa hojjataa waajira qonnaa

2ffaa. ASheetuu tolaa barsiisaa kan jedhaman guyyaa kaleessaa mana hidhaa aanaa sululta magaala caancotti darbatamuun reebichaa fi dararaan garagaraa irratti raawatamaa ji1a

“Buli Qeerroo” Qabsaawaa Artist Hirphaa Gaanfuree

Aside

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Tolee Magaalaa Abeebee Keessatti FDG Ka’een Oromoonni 5 ol Wareegamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Mudde 19,2015

Godina kibba lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Abeebee keessatti gaafa guyyaa gaafa Mudde 18-19/2015 sa’aatii sadiirraa eegalee sabboontota barattoota fi ummata Oromootin eegalame haala ajaa’ibaatin diinan waldura dhaabbannan fi sodaa tokko malee mormii qaban ibsataa oolan.

Mootummaan gabroomsaa fi nama nyaatan Wayyaanee ummata hirira baherratti gara jabeenyan humna Agaazii fayyadamuudhan rasaasa roobsaa oolen qotee bulaa shan ajjeesuudhaan kudhanii ol akka malee madeessun lubbuun isaanii du’aaf jireenya gidduu kan jiruudha.Namoonni wareegaman maqaan isaanii

1.Obbo Mokonnin Guddisaa

2.Obbo Daadhii Kumsaa

3.Obbo Kumaa Leenjisaa

4.Obbo Abarraa Dhaabaa

5.Haga ammaa Maqaan kan nun gahin battalatti kan du’an yoo ta’u,kan lubbuun hafan magaala walisoo hospitaala Kaatoolikii luqaas,Finfinnee fi Hospitaala tulluboollotti yaalamaa kan jiraniidha.

Ummanni oromoo bakka hundaa waltumsee mootummàa Lubbuu ilmaan oromoo akka malee duguugaa jiru kana waloodhan ofiirra darbuu qaba.Qabsoon itti Fufa.

SBO MUDDE 20,2015. ODUU fi Haala Yeroo Irratti Qophiilee gara garaa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Mudde 18, 2015/Qaanqeen Warraaqsaa Akka Itti Fufuuf Dhaamsa

Aside

Mudde 19,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Magaalaa Geedoo Keessaa Beektotni Oromoo  Humna Waraana Wayyaanee(Itihophiyaan) Ukkanfamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Barsiisaa Deebisaa Bayyanaa

Barsiisaa Deebisaa Bayyanaa

Mudde 19,2015  Sochii warraaqsaa Biyyaalessaa Oromiyaa gaggeeffamaa jiru keessatti ga’ee qabduu jedhamuun ilmaan Oromoo kan Hayyootni Jaalaalaa fi Kabaja uummata Oromoo qaban keessatti argaman humna waraanaan ukkanfamuun dararaa ulfaataa keessa jiraachuun gabaafame. Haala kanaan beektootni barsiisotni Oromoo fi uummatni Oromoo Oromummaan yakkamanii Magaalaa Geedoo keessa Ukkanfaman:

1. Barasiisaa Deebisaa Bayyanaa Tolasaa , Hayyuu Oromoo Uummata Oromoo miliyoonotaan jaalatamu,Sabboonaa Oromoo nama bara afaan Oromoo dubbachuun akka yakkatti lakka’amu nama yeroo jalqabaaf  Qubee afaan Oromoo Uummata Oromoo Calliyaa fi naannoo ishee barsiisuun seenaa guddaa uummata Oromoo keessatti qabuu fi Barsiisaa Afaan Oromoo fi Paartii mormituu KFO bakka bu’uun Mana mare Bakka Bu’oota uummataaf Aanaa Midaa Qanyii irratti yeroo  filmaata darbe irratti kan dorgomee, Aanaa Midaa Qanyii irratti guyyaa Safaa Wayyaanee harka 100%n Injifatee boddarra  Mootummaan abbaa irree humna waraana agaaziitti fayyadamuun sagalee uummataa kan irra garagalchatee ofii mo’adhe jechuun labsate, Barsiisaa Deebisaa Bayyanaa jalatamaa fi Kabajamaan hayyuu Oromoo Ogeessa Afaanii fi Barsiisaa Qubee afaan Oromoo Abbaa maatii 8ti kan ta’ee guyyaa kaleessa humna Waraanaan ukkaanfame.

2.  Barsiisaa Kabbadee Camadaa , sabboonaa Oromoo dorgomaa paartii KFO Aanaa Calliyaa Mana Maree Naannoo Caffee Oromiyaaf filmaata darbe irratti dorgomee sagalee guddaan kan injifate, mootummaan Wayyaanee sagalee uummataa humnaan garagalchachuun ofii mo’uu kan labsatee yoo ta’a’uu Sabboonaa Oromoo barsiisaa Kabbadee Camadaa balleessa tokko malee  Oromummaa isaan yakkamee ukkanfamee eessa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun gabaafamera. Kana Malees ilmaan Oromoo nagaan Gaaffii Mirgaa karaa nagaa gaaffachuun yakkamanii hidhaman Magaalaa Geedoo keessa namootni 40 ukkaanfamuun hidhamuun gabaafamera.

Aside

Mudde 19,2015 Barataan Oromoo Tasammaa Ittisaa Barataa Engineering waggaa jalqabaa Yuunibarsiitii Walqixxee guyyaa lama dura erga humna tikaan qabamee achi buuteen isaa dhabamee jira Tasammaa Ittisaa Shaggar Dhiha Gindabaratitti dhalatee guddate

Kana malees har’a Mudde 19,2015 Barruu Qeerroo  magaalaa Naqamtee keessatti facaeen guutummaan magaalaa Naqamtee har’as fincila addaa keessa jirti

Seife Nebelbal Radio, December 18, 2015

Aside