Guyyaa Har’aa Mudde 27,2015 FDG Yuuniverstii Madda Walaabuu Keessatti Ka’een Humni Waraana Agaazii Dabalataan Naannicha Weerare.

Aside

Madda wal Madda Walaabuu

Barattooti Yuuniversitii Amboo Kaampaasii Awwaaroo Barnoota Dhaabuun Qe’eetti Deebi’aa Jiru. Wallagga Dambi Doolloo Ammoo Humni Waraana Wayyaanee Dabalataa Qubate.

Aside

 

Mudde 27,2015 Gabaasa Qeerroo
Amboon barattootni Yuuniversitii fi damee kaampaasii Awwaaroos gara qe’eett godaanaa jiru. Barattootni yuuniversitii Amboo durattuu BBB( Barumsi Bilisummaa Booda) kan jedhu waraqaa yeroodhaa yerootti bittimsaa turaniiru. Inni kun barataan kamuu gara FDGtti hiriiruu akka qabu waamicha waliif taasisuudha. Waamichi kunimmoo guutuu oromiyaatti tokko galee tokko baratuun wareegama fida waanni godhamu tokkummaadhan tahuu qaba. Kanaaf barataan kamuu yeroo barumsaa miti yeroon kun yeroo itti ilmaan oromoo akkanatti ajjeefamaa, hidhaatti guuramaa, adamsamaa jiraatan yeroo ilmoo fi haati addaan baatee fi wal irratti du’aa jiran kanatti uummanni kamuu gara FDGtti hiriiruun amma waan tahef kanatu furmaata tahaadhaaf barattootni hedduun gara mooraa gadhiiisuu qofa osoo hin taane mooraama keessatti barumsa dhaabaa jiru.
Dambi Doolloon amma waraana guddaadha kan achi buufatee jiru. WBOnis naannicha jiraatuu diinni dhaga’ee raafamee jira. Uummataa fi waraana Wayyaanee gidduutti guyyaa guyyaadhaan lolatu gaggeeffamaa oola magaala Dambiitti. Baadiyaalee godinichaa keessaa diddaan ni jira ammallee waajjiraaleen wayyaanee garagaraa uummataan ggubataa jira. Daandiwwanis cufamaa jiru . Haalota kana irraa ka’uun Wayyaaneetti yeroon dhumatee jira. Yeroo kana kan uummanni oromoo jabaatee wayyaanee ofirraa xumuruudha. Egaa nin deebi’a bor irraa kaasee akka Oromiyaa guututti fincilli ni gaggeeffama baadiya fi magaalaa dabalatee.

Mudde 27,2015 Kibba Shaggar Lixaatti FDG Itti Fufee Jira.

Aside

Mudde 27,2015

Godina Shaggar Kibba lixaa Aanaa Tolee ganda Jiwwaaroo Kaarratti Muddee 26/2015 fi Mudde 27,2015 walgayii Wayyaaneen uummata waamteen walgayiin feshalaee fi diddan dhowesniis uummata irratti waraanni wayaanee dhukaasa baneen lubbuun nama tokkoo darbee jira. akka gabaasni nu gahet addessutti anaa Toleetti halkan keessaa gartuu hin beekamneen dhaabbanni leenjii qonnaa opdon ittiin uummata oromoo gowmsitu misooma misooma jechuun dhaabbanni kun ibiddaan gubatee hojiin ala tahuun yoo gabaafamu haaluma kanaan humni darbatamaan wayyaanee halkan kana ona Tolee keessa buufate bule. Bariuunis FDG itti fufuun magaala Wallisootti dhimma kana tasgabbeessuuf mootummaan wayyaanee abbaa ergamtoota isaa OPDO dhaan uummanni akka tasgabbaauuf walgayii uummata waamsiste. Ummannis Diddaaf gara walgayii wayyaanee kan deeme yoo tahu haala uummata sodaachuu irraan waraanni wayyaanee uummata irratti dhukaasa bane jira. lubbuun dargaggoo tokkoos yoo badu kaanis madeeeffamanii kan jiran tahuu Qeerroon gabaasee jira. Hara muddee 27 daandiwwan godina shawaa kibba lixaa keessi cuccufamaa tahuu Qeerroon gabaasee jira.