Waraqoonni Qabsoo Waan Yuuniversitiilee Garagaraa Keessatti Bittimfamaa Jiraniif Waraanni Ammallee Naannoo Yuuniversitiiwwan Buufataa Jira

Aside

Mudde 24,2015 Adaamaa

Kanumaan wal qabatee mooraan yuuniversitii Adaamaa yeroo ammaa waraana Wayyaaneen marfamtee eegamaa jirti. Kunis halkan edaa Muddee 23/2015 halkan keessaa saa 8:30 irratti waraqoonni mooraa yuuniversitii Adaamatti bittimfamee bule – Muddee 25/2015 guyyaa itti barattoota keenya wareegamaniif yaadannoo taasisnuudha kanaan barattootni hunduu hucuu gaddaa uffachuu fi nyaata lagachuu akka qaban waamicha kan taasisuu – Barumsi Bilisummaa Booda kan jedhus waraqaan itti fufiinsa FDG barattoota oromoo mooraa yuuniversitii Adaamaa keessaaf waamichi taasifamee jira. Haaluma kanaan mootumman wayyaane yeroo ammaakana kan sodaan qabamee jiru fincilli barattootaa waan itti fufuuf humnuma isaatti fayadamuun dura dhaabbachuu amaleeddatee humna waraana agaazii gara mooraa yuuniversitii Adaamatti bobbaasee jira. Hidhamunii fi ajjeefamuun qabsoo keenyaaf duubatti nun deebisu jechaa jiru barattootni dhaabbilee barnootaa olaanoo irraa.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, Dec 23, 2015

Aside

Wallagga Naqamte Keessatti Artist Misgaanuu Hayiluu Olii Humna Tikaa Wayyaanee Ethiopian Butamee Bakka Buuteen Dhabame.

Aside

Mudde 24,2015 Naqamte

FB_IMG_1450932766361Artist Misgaanuu Hayiluu Olii aartiidhaan hawwisoo Yuunibarsiitii Wallaggaa irratti kan ramadamee hojjechaa jiru fi weelluuwwan garaagaraa waltajjii irratti weellisuun aadaa uummata Oromoo guddisaa kan ture,Muddee 23,2015 ganama sa’aa 9:00wd irratti humna tika dhika toophiyaa Ahimadiin nama jedhamuun durfamuun kan ukkaamsame yeroo ta’u, hanga ammaatti achi buuteen isaa hin beekamu