Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Main Cupasii  FDG Itti fufun Qabsoo Finiinsan. 

Aside

Mudde 20,2015 Jimmaa

Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa FDG’n  Galgala kana sa’aa 11:00 irraa eegaluun  Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Main Cupasii  Itti fufun Qabsoo Finiinsan.

Addaatti Labsii Waraanaa Mootummaan Ethiopia EPRDF/TPLF/OPDO’n Dabarse gadi jabeessuun balaaleffachuun Hanga gaaffiin Mirgaa Abbaa biyyummaa Oromoo kabajamuu fi mirgootni Namummaa fi Dimookiraasii kabajamuutti Warraaqsii keenya wal Irraa hin citu jechuun Warraaqsaa FDG jabeessuun itti fufan.

Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Utuu humna waraana agaazii fi Humna ittisa biyyaa guddaan Marfamanii eegamaa jiranii warraaqsaa Finiinsan.  Ilmaan Oromoo utuu jilmaan humna waraanaan ajjeeffamanii, utuu Lollii Duguuginsa Sanyii nurratti Labsamee jiruu, utuu ilmaan oromoo hidhaatti Guuramanii, utuu Oromoon dararaa ulfaata keessa jirruu falmaa irraa duubatti hin deebinuu,jechuun  warraaqsaa FDG jabeessuun  Mootummaan Hatattamaan Waraanaa ittisa biyyaa , Waraana agaazii fi Poolisii federaalaa Oromiyaa keessa baasuu qaba. Ilmaan Oromoo jumlaan Wareegamaniif Mootummaan gaafatama fudhachuu qaba jechuun Warraaqsaa jabeessuun itti fufan.

Mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa barattoota karaa nagaan gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachuun qalma malee homaa of harka hin qabne irratti waraana bobbaasuun gaazii Summaa’aa haalaan ulfaatu mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti dhoosuun qilleensaa uumamaa illee faaluun barattoota Oromoo fi barattoota mooraa yuunibarsiitii Jimmaa irraan balaa guddaa qaqqabsiisa jira. Warraaqsa kanaan walqabatee galgala kana goototni barattootni Oromoo waraanaa waliin waldura dhaabbachuun warraaqsa itti fufan, Barattootni hedduun Mooraa gadi lakkisaa jiru, guutummaa gabaasa kanaa walitti deebina…

Aside

Mudde 20,2015

Godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinneetti mootummaan hojjattoota mootummaa mana hidhaatti guuraa jira.

Akkuma beekamu FDG yeroo ammaa guutuu Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru kanaan raafama guddaa keessa galuun isintu uummata nurratti kakaasaa jira jechuun hojjattota mootummaa maqaan isaanii

1ffaa. Darajjee magarsaa hojjataa waajira qonnaa

2ffaa. ASheetuu tolaa barsiisaa kan jedhaman guyyaa kaleessaa mana hidhaa aanaa sululta magaala caancotti darbatamuun reebichaa fi dararaan garagaraa irratti raawatamaa ji1a