“Buli Qeerroo” Qabsaawaa Artist Hirphaa Gaanfuree

Aside

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Tolee Magaalaa Abeebee Keessatti FDG Ka’een Oromoonni 5 ol Wareegamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Mudde 19,2015

Godina kibba lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Abeebee keessatti gaafa guyyaa gaafa Mudde 18-19/2015 sa’aatii sadiirraa eegalee sabboontota barattoota fi ummata Oromootin eegalame haala ajaa’ibaatin diinan waldura dhaabbannan fi sodaa tokko malee mormii qaban ibsataa oolan.

Mootummaan gabroomsaa fi nama nyaatan Wayyaanee ummata hirira baherratti gara jabeenyan humna Agaazii fayyadamuudhan rasaasa roobsaa oolen qotee bulaa shan ajjeesuudhaan kudhanii ol akka malee madeessun lubbuun isaanii du’aaf jireenya gidduu kan jiruudha.Namoonni wareegaman maqaan isaanii

1.Obbo Mokonnin Guddisaa

2.Obbo Daadhii Kumsaa

3.Obbo Kumaa Leenjisaa

4.Obbo Abarraa Dhaabaa

5.Haga ammaa Maqaan kan nun gahin battalatti kan du’an yoo ta’u,kan lubbuun hafan magaala walisoo hospitaala Kaatoolikii luqaas,Finfinnee fi Hospitaala tulluboollotti yaalamaa kan jiraniidha.

Ummanni oromoo bakka hundaa waltumsee mootummàa Lubbuu ilmaan oromoo akka malee duguugaa jiru kana waloodhan ofiirra darbuu qaba.Qabsoon itti Fufa.

SBO MUDDE 20,2015. ODUU fi Haala Yeroo Irratti Qophiilee gara garaa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Mudde 18, 2015/Qaanqeen Warraaqsaa Akka Itti Fufuuf Dhaamsa

Aside

Mudde 19,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Magaalaa Geedoo Keessaa Beektotni Oromoo  Humna Waraana Wayyaanee(Itihophiyaan) Ukkanfamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Barsiisaa Deebisaa Bayyanaa

Barsiisaa Deebisaa Bayyanaa

Mudde 19,2015  Sochii warraaqsaa Biyyaalessaa Oromiyaa gaggeeffamaa jiru keessatti ga’ee qabduu jedhamuun ilmaan Oromoo kan Hayyootni Jaalaalaa fi Kabaja uummata Oromoo qaban keessatti argaman humna waraanaan ukkanfamuun dararaa ulfaataa keessa jiraachuun gabaafame. Haala kanaan beektootni barsiisotni Oromoo fi uummatni Oromoo Oromummaan yakkamanii Magaalaa Geedoo keessa Ukkanfaman:

1. Barasiisaa Deebisaa Bayyanaa Tolasaa , Hayyuu Oromoo Uummata Oromoo miliyoonotaan jaalatamu,Sabboonaa Oromoo nama bara afaan Oromoo dubbachuun akka yakkatti lakka’amu nama yeroo jalqabaaf  Qubee afaan Oromoo Uummata Oromoo Calliyaa fi naannoo ishee barsiisuun seenaa guddaa uummata Oromoo keessatti qabuu fi Barsiisaa Afaan Oromoo fi Paartii mormituu KFO bakka bu’uun Mana mare Bakka Bu’oota uummataaf Aanaa Midaa Qanyii irratti yeroo  filmaata darbe irratti kan dorgomee, Aanaa Midaa Qanyii irratti guyyaa Safaa Wayyaanee harka 100%n Injifatee boddarra  Mootummaan abbaa irree humna waraana agaaziitti fayyadamuun sagalee uummataa kan irra garagalchatee ofii mo’adhe jechuun labsate, Barsiisaa Deebisaa Bayyanaa jalatamaa fi Kabajamaan hayyuu Oromoo Ogeessa Afaanii fi Barsiisaa Qubee afaan Oromoo Abbaa maatii 8ti kan ta’ee guyyaa kaleessa humna Waraanaan ukkaanfame.

2.  Barsiisaa Kabbadee Camadaa , sabboonaa Oromoo dorgomaa paartii KFO Aanaa Calliyaa Mana Maree Naannoo Caffee Oromiyaaf filmaata darbe irratti dorgomee sagalee guddaan kan injifate, mootummaan Wayyaanee sagalee uummataa humnaan garagalchachuun ofii mo’uu kan labsatee yoo ta’a’uu Sabboonaa Oromoo barsiisaa Kabbadee Camadaa balleessa tokko malee  Oromummaa isaan yakkamee ukkanfamee eessa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun gabaafamera. Kana Malees ilmaan Oromoo nagaan Gaaffii Mirgaa karaa nagaa gaaffachuun yakkamanii hidhaman Magaalaa Geedoo keessa namootni 40 ukkaanfamuun hidhamuun gabaafamera.

Aside

Mudde 19,2015 Barataan Oromoo Tasammaa Ittisaa Barataa Engineering waggaa jalqabaa Yuunibarsiitii Walqixxee guyyaa lama dura erga humna tikaan qabamee achi buuteen isaa dhabamee jira Tasammaa Ittisaa Shaggar Dhiha Gindabaratitti dhalatee guddate

Kana malees har’a Mudde 19,2015 Barruu Qeerroo  magaalaa Naqamtee keessatti facaeen guutummaan magaalaa Naqamtee har’as fincila addaa keessa jirti