Bulchiinsi Magalaa Sabbataa Guutuutti Manneen Barnootaa Cufuu Ibsee Hojjettoota Naannichaa Irratti Ammoo Duula Itti Banee Jira.

Aside

Mudde 16,2015 Bulchiisni magalaa Sabbata har’a manneen barnootaa hundumaa kan dhunfaa osoo hin hafiin cufanii adeemsa baruuf barsiisuu wali galatti kan dhaabbate yoo ta’u, hojjetaan mootummaa (civil servants) hundumaa waajjiraalee isaaniitti olgalchanii karraa itti cufanii, beeksisaan “hojii arifaachiisaan waan jiruuf abbaa dhimmaa hinkeessummeessinu ” jechuun abban dhimmaa akka achii hin dhaabanne poolisiin ittisaa jiru.

Sababiin isaa kan ummataa kaakaasaa jiru civil servant dha jedhanii walga’i hojjetootaa guyyaa kaleessa 15/04/15 gaggeeffamee irratti akeekkachiisa cimaa wajjin hojjetaan sa’aa hojii hundumaa waajiraa akka gad hinbaaneef murta’e. Kaabinoonni ammoo tokkollee waarra sochi hojjetaa mooraa keessa too’atan irraa kan hafe hojii basaasaatiif magaalaa keessa faca’anii jiru. Loltoonni waaraanaa fi poolisiin Federaalaa konkolaataan (pick up) magaalaa guutaniiru asiif achi kaatu waarri kaabinee baayyeen isaanii konkolaataa dhuunfaa lakk.gabatee koodii 2 fi 3 qabatanii karaa namnii isaan hinshakineen socho’aa jira.

Aside

NajjooHar’a Muddee 16,2015 Hospitaala Najjootti poolisiin   Hospitaala seenuun walitti bu’iinsa uumameen  wal-qabatee hojjetooti guutuun itti makachuun lubbuun waardiyyaa Hospitaalichaa fi namoonn 3 boroo yeroo darbu, kanneen 36 ol t’an ammoo madoo hamaa ta’uun achummatti gargaarsa fudhachaa jiru.Kana maleesa Magaalaa Ayiraa keessatti Mudde 16,2015 namni 5 wareegamanii jiru.
Itti dabaluunis hiriirri mormii Aanaalee Nuunnuu Qumbaa Magaalaa Adaree, Jimmaa Arjoo daandii cufuun fi Leeqaa Dullachaatti itti fufee ooleera. Guyyaa kaleessaa (Mudde 15,2015) Poolision Mana Barumsaa Gatamaa Sadarkaa 2ffaa seenuun barattoota hiriira nagayaa bahan reebuun tokko battaluma ija erga jaamsan booda, buufata fayyaa Gatamaatti lubbuun isaa darbeera. Suuraa fi maqaa barataa kanaa qeerroo naannoo sanaarraa fudhannee ergina.