Godina Salaa Aanaa Dhibauu Abbootii fi Aanaa wacaalee Bakka Muka Xurii Jedhamu Akkasumsan Aanaa Meettaa Rooriitti Itti Fufe

Aside

Mudde 9,2015 Gabaasa Qeerroo.

Godina Salaalee Aanaa Hidhabuu Abooteetti mormiin Uummata jabaate, uummanni Gamtaan ka’ee barattoota fi Oromoota hidhaman hidhaa Yaasee jira har’a Godinuma Salaalee Aanaa Wucaalee bakka Muka Xurii jedhamatti tarkaanfiin Qeerroon keenya fudhateen konkolaataa Mootummaa Wayyaanee ibidaan barbadeessan Amma muka Xurii bakka jedhama jirutti gubacha jirti. Godina a Lixa Shaggar Aanaa Meetaa Roobii irratti Hiriira Mormii guddaatu gaggeefama jira har’a .

Har’as Mudde 9,2015 Shaggar Aanaa Hidhabuu Abdootee Magaalaa Ejereetti FDG Itti Fufuun Barattooti Oromoo Hiriira Bahan

Aside

Biyya Gooticha Oromoo Geendaa Buushan Wallagga Sibuu Siree Keessatti Diddaan Bifa Adda Ta’een Qabatee Ergamtoota Wayyaanee Arihaa Jiru.

Aside

Mudde 9,2015 Qeerroo

Gootonni Barattooti Oromoo Universitii Kolleejjii Kotobee Diddaa Isaanii Calleensaa fi Gaddaan Muldhisaa Jiru.

Aside

Mudde 09,2015,Godina Gujii Magaala Booree fi Godina Arsii Lixaa Magaala Adaabbaa Keessatti Gootonni Oromoo FDG Itti Fufanii Gaaffii Mirgaa Hamma Walabummaa Jechaa Jiru.

Aside

Goree gujii Gujii gooree Gujii magaala Goree GujiiAdaabbaa Arsii Adaba Arsii Arsii adaabba Arsii magaala adaabba

Har’a Mudde 9,2015 FDG Itti Fufee Yuniverstii Hawaasaa Kampaasii Awaadaa fi Shaggar Lixaa Magaalota Gudar,Shukutee,Baalee Roobeetti fi Tullu Boolloo Itti Fufee Jira.

Aside

Mudde 9,015 Gabaasa Qeerroo

Har’a Mudde 9,2015 FDG Itti Fufee Yuniverstii Hawaasaa Kampaasii Awaadaa fi Shaggar Lixaa Magaalota Gudar,Shukutee,Baalee Roobeetti fi Tullu Boollootti Itti Fufee Jira.

Akka KanaanHar’a ganama irraa eegaluun qeerroon Yunivarsiitii Hawaasaa kaampaasii Awaadaa uffata gaddaa uffachuun ilmaan Oromoo osoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafatanuu humna waranaa wayyaanen ajjeefamaniif gadda ibsachaa jiru. Qeerroon barattoonni oromoo yunivarsiitii hawaasaa kaampaasii awaadaa uffata gaddaa kana kan qopheeffatan guyyaa ayyaanni sabaa fi sablammootaa mooraa yunivarsiitichaatti kabajamuuf ture , haata’u malee yunivarsiiticha odeessa tokko tokko waan dhagaheef guyyaa kabaja ayyaanaa kana dabarsuu danda’ee jira. 

Jajjaboon qeerroon barattoota Oromoo mooraa yunivarsiitichaatti argaman immoo guyyuma kanatti uffata gaddaa uffatanii booyichaa fi sagalee tokko tokko dhageessifachaa jiru. Humni waraanaa dabalataanis gara moorichaatti fe’amaa jiru. Diinin kaampaasichaas ijoollee keessa deemun akka isaan gara doormitti deebi’an kadhachaa jira. Waraabbiin suuraa fi sagalee immoo akkuma nu qaqqabeen isiniif dhaamna.

Magaala Tulubolloo har’a guyyaa 09/12/2015 barattoota sodaa irraan kan ka’ee barattootaf qormaata kennanii Kaabinoonni Aanaa dullaa guuratanii Police waliin dallaa mana barnoota hibret Fire marsanii jiran. Barattoonni, uummanni fi hojjattootni Mootummaa dallansuu guddaa irra akka jiran dhaga’ame.

FDG Godina Shaggar Lixaa Aanaa Jalduu Magaalaa Goojjoo fi Wallagga Aanaawwaan Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa, Haroo limmuu, Limmuu Galiilaa, Diggaa saasiggaa,Guutoo Giddaa(Ukkee) Gatamaatti Itti Fufee Jira.

Aside

Muddee 9, 2015 Godina Bahaa wallaggaa Aanaawwaan Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa, Haroo limmuu, Limmuu Galiilaa, Diggaa saasiggaa,Guutoo Giddaa(Ukkee), fi Gatamaatti Goototni Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qopha’ina Uummata Waliin Walitti Dhufuun Warraaqsaa FDG jabeessuun finiinsan . Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa, Kabajamuu Mirga Namummaa fi Mirga Dimookiraasii Gadi jabeessuun Gaafatan, Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin  Magaalota Oromiyaa haqamuu Qaba jechuun Mormiin uummataa haalan
jabaatee itti fufee Olee!! Daandiin konkolaataa Magaalaa giincii fi  Olaankomii keessatti uummataa fi Qeerroo dargaggoota Oromoon cufame. Goototni Uummatni Oromoo fi Qeerroon dargaggootni Oromoo Waarraaqsaa FDG , Hanga bilisummaatti jedhu jabeessuun Warraaqsii Jabaan Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru daran jabaachuun Aanaawwan Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa, Haroo limmuu, Limmuu Galiilaa, Diggaa  saasiggaa,Guutoo Giddaa(Ukkee), fi Gatamaa tti Goototni barattootni  manneen barnoota sadarkaa 1ffaa hanga qophaa’inatti jiran irraa  uummata waliin walitti dhufuun daandiin konkolaataa Bakkoota  hedduutti cufuun warraaqsaa finiinsuun MOOTUMMAAN DHUKAASEE NU AJJEESAA JIRU NU HIN BULCHU JECHUUN Ofiin of bulchina malee mootummaan  akka diinatti qawween reebee nu ajjeesaa nu bulchuu hin danda’uu, hanga gaaffiin GAAFFIIN MIRGA ABBAA BIYYUMMAA FI BILISUMMAA KEENYAA NUUF KABAJAMEE, mirgi dimookiraasii fi namummaa nuuf eegamutti takkaa  warraaqsaa FDG irraa hin dhaabbannu jechuun Warraaqsaa FDG itti fufinsaan gaggaassaa jiru. Dhaadannoowwaan arman gadii dhageesisuun  Warraaqsii haalan jabaate.

Kana malees Muddee 8/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaawwan Adaa’aa Bargaa Magaalaa Incinnii fi Mogor fi Aanaa Meettaa Roobii Magaalaa Shinoo keessatti Uummatni Baadiyaa fi Magaalaa fi Barattootni Manneen Barnootaa  Sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qopha’ina Walitti Dhufuun Warraaqsaa FDG  jabeessuun finiinsan . Daandiin Konkolaataa bakkoota hedduutti Cufuu  uummatni Gaaffi isaa jabeessuun Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa,  Kabajamuun Mirga Namummaa fi Mirga Dimookiraasii nuuf Haa Kabajamu, Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaalota Oromiyaa haqamuu Qaba jechuun Mormiin uummataa haalan jabaatee itti fufee oolee!!

SBO MUDDE 09,2015. Oduu fi Gabaasa FDG akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Biliummaa (SQ) Mudde 8, 2015

Aside