Gabaasa Qeerroo Mudde 6,2015 Hoomaa
Mormii sirna bittaa mootummaa Wayyaanee fi master planii gidduu kana Oromiyaa keessatti gaggeeffama jiruun wal qabatee waraanni Wayyaanee godinaalee fi magaalota oromiyaa keessaa qonnaan bulaa reebichaa fi hidhaadhaan ukkaamsaa mana hidhaatti guuraa akka jiru ni Qeerroon yeroodha yerootti gabaasaa jira. Hidhaanii fi doorsifamuun gaaffii uummataa boodatti deiebisaa kan hin jirre tahuu mootummaan Wayyaanee abbaa irreee waan hubateef tarkaanfii hidhaatti uummata guuruu kan jabeesse yoommuu tahu godina Wallagga lixaa aanaa Hoomaatti Muddee gaafa 4/2015 FDG barattooni kaaasaniin wal qabatee humnoonni Wayyaanee diddaa barattootaa dura dhaabbachuuf bobbaha uummannis dursuudhaan barattootni keenya miidhamuu hin qaban gaaffii dhugaaf jedhanii jechuudhaan FDGn baratootaa fi uummata wal ida’atee humna waraana wayyaanee dura dhaabbatnaan diddaa jabeessan. Kanumaan muddee 5 fi 6 uummanni qonnaan bulaan aanaa Hoomaa irraa humna waraana wayyaaneen ukkaamfamanii hidhamaa
akka jiran Qeerroon gabaasee jira. kanneen keessaa
1. Maanguddoo waggaa 60 kan tahan Tamasgeen Shifarraa-daldalaa
2. Hisi’aq Tamsgeen –Barataa
3. Haannaa Tamasgeen-barattuu
4. Amaluu Taayyee-barattuu
5. Sandaabee Laggaasee-barattuu
6. Kennasaa Laggaasaa-barataa
7. Elsa’I Dabalaa-barataa
8. Obsaa Dirribaa-barataa
9. Jootee Ittaanaa-barsiisaa
10. Daani’el Shifarraa-barsiisaa
Isaan kunneen har’aa fi kaleessa humna waraana wayyaaneetiin ukkaamsamanii mana hidhaa akka seenanii jiran Qeerroon gabaasee jira. godinaalee Oromiyaa kan biroo keessatti haall kun jabaatee itti fufee akka jru Qeerroon yoommuu gabaasu FDG kan wal irraa hin cinneen gutuu Oromiyaa keessatti itti fufaa akka jiru sochii jabeeffamee jira.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk