Wallagga Horroo Guduruu Aanaalee Adda Addaa Keessatti FDG Itti Fufee Jiruun Warranni Wayyaanee Barattoota Hedduu Ulee Sibiilaan Reebuun Miidhaniiru.

Aside

Gabaasa Qeerroo Mudde,5,2015 Aliiboo

IMG_20150509_060148Mudde 5,2015 Godina Wallaggaa  Horroo Guduruu  Goototni  barattootni Oromoo Aanaa Jaardagaa Jaartee M/B Aliiboo Sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qopha’ina fi Uummata Oromoo Magaalaa Aliiboo kan hirmachise Warraaqsii FDG , Mormiin Master pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa Warraaqsii jabaatee itti fufe.
Gootottni dargaggootni barattootni Oromoo M/B sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi qopha’inaa Aliiboo Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa uummata
Oromoo fi Mormii karooraa badii balleessii uummata Oromoo fi Dachee Oromiyaa kan ta’ee Master Pilaaniin Finfinnee fi Labsiin Magaalota
Oromiyaa caffeen Oromiyaa wayyaaneen Labsame guutummaatti haqamuu qaba jechuun dhaadannoo guddaa Magaalaa Aliiboo keessatti dhageesisuun uummata Baadiyaa kan dammaqfatan goototni barattootni Oromoo warraaqsaa FDG jabeessuun itti fufan. Mootummaan abbaa Irree
Waayyaanee humna waraana isaa poolisii federaalaa fi Kora bittinneessa jedhamu Godina Horroo Guduruu irra gubsiisee jiru uummata karaa nagaa hiriira ba’ee jiru irratti bobbaasuu sochii karaa nagaa gaggeeffamaa jiru irraatti dhukaasaa banuun uummata gooluutti gadi ta’ee jira.

Warraaqsaa gaggeeffamaa jiru kanaan ilmaan Oromoo 4 humna poolisii Fedraalaa fi Kora bittuinneessaa rukuttaa ulee sibiilaan rukutamanii haalaan kan madaa’anii haala rakkisaa keessatti argama ta’uu fi barattootni hedduun waraana Wayyaaneen qabamanii hidhamuun ibsamera.

Kana malees gaafa  Mudde 4,2015 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Aanaa Jimmaa Raaree M/B Wayyuu 2ffaa fi Qopha’ina Uummata Oromoo Jaarsolii Biyyaa Qabachuun Bulchiinsa Aanaa Jimmaa Raareetti Gaaffii Isaanii Dhiyeeffachuun Sagalee isaanii dhageesifachuu Egaalan. Deebii Gaaffii isaaniif Wiixata dhufutti deebiif beellamni waan qabameef, Wiixatatti Aanaa Jimmaa Raaree Magaalaa Waayyuu keessatti Goototni Barattootni Mana Barumsaa Wayyuu fi Uummatni Oromoo Jaarsooliin Biyyaa utuu hin hafiin deebii gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa fi Mormii karoora Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaaf godhame fi yeroo amma kanatti duguuginsa sanyii ilmaan Oromoo irratti Mootummaan Wayyaanee gaggeessa jiruuf Mootummaan kun itti gaafatamuu qaba jechuun waan gaafataniif Deebii keessan Wiixata isiniif kennina jechuun Beellamni qabame jiraachuu fi Humni waraanaa fi poolisiin Federaalaa Magaalaa Waayyuutti guuramaa jiraachuu maddeen keenya gabaasan.

SBO MUDDE 06,2015. Oduu, Gabaasa FDG Guutuu Oromiyaa fi Ibsoota ABO

Aside

Dhaamsa Sabboontuu Biiftuu Tuulamaa

Aside

Yuuniverstiin Bulee Horaa Akka Jeeqametti Jira,Loltooti Wayyaanee Barattoota Oromoo Ta’e Jedhanii Miidhaa Jiru.

Aside

Mudde 05,2015 Gabaasa Qeerroo

BuleeeeYeroo ammaa kanatti Oromiyaan biyya mootummaa dhablee dha. Mootummaan Wayyaanee kan filmaata dhibbantaan mohadhe jechaa ture uummatuma na fileera jedhutti dhukaasa banuun Oromoo lafa irraa fixaa jira. Sabi Oromoo dhaa mootummaa mataa isaa dhabuu irraan miidhaan akkaanii irraan gahaamaa akka jiru eenyuufuu ifaadha. Haalli kun hammaatee deemuu irraan guyyaa har’aa kana Oromiyaa bakkoota adda addaatti FDG itti fufee jiraatu iyyuu addatti Yuuniversitii Bulee Horaa barattoota Oromoo ta’e jedhanii adamsuun reebuu,qabeenya isaanii doormii galanii bittinsuu fi doormii itti galanis jalaa gubuun mootummaan ta’e jedhee yakka hiriyyaa hin qabne ilmaan Oromoo irratti hojjechaa jira.

Barattoota Oromoo qalamaa fi dabtara ykn waraqaa malee of harkaa hin qabne sababumaa mirga gaafataniif jecha ajjeessuu fi jumulaan rasaasaan miidhuu beekumsa siyaasaa godhatee itti jira. Haalli kun MOOTUMMAA WAYYAANEE HIN BAASU! Buuulee Horaa

 

Sagalee QEERROO Bilisummaa SQ Muddee 5, 2015/Qeerroon Hojjettoota Mootummaaf Waamicha Taasise

Aside

Naasifaay Addunyaa – Tolaan Diddan!!!!!!!! /Wallee Warraaqsaa Haaraa

Aside

Lixa Shaggar Aanaa Ejeree fi Wallagga Dambi Doolloo Keessatti FDG Itti Fufee Jira,Barattooti Harka Qullaa Loltoota Dura Dhaabbataa jiru.

Aside

Gabaasa Mudde 05,2015

Muddee 5,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Ejereetti Goototni Barattootni Oromoo M/B Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina fi AAnaa Wal Maraa Magaalaa
Holotaa M/B Sadarkaa 1ffaa Gooroo Qeerransaa keessatti waarraaqsii FDG mormii karooraa Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota
Oromiyaa irratti sagaalee dhaadannoo Guddaa dhageesisuun Gaaffii Mirga abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun Warraaqsaa FDG jabeessuun itti
fufan.

Mootummaan abbaa irree wayyaanee humna waraana poolisii kora bittinneessaa fi poolisii Federaalaa uummataatti bobbaasuun Oromiyaan
dirree waraanaatti jijjiramtee jirti.

Mormiin master planii itti fufuun, mana barumsa Qellem sad 2ffaa fi qopha’ina keessatti mormii jaban itti fufe jira,Akkasumas dhabbata leenji doona barbaar keessatis itti fufe jira! Hospita keessa baraattota yaalaman gadi basa jechuun gasi ija nama imimanessu hospitatti gadi dhisan! Godina Qellem Wolleggaa Dambidollotti eega mormiin itti fufe jira namoota heddus hidhaniru! Ama mani barumsa cufameera.

Gabaasa FDG fi Waayee Poolisoota FDG tti Makamaa Jiranii- Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Mudde 4 ,2015

Aside