Sadaasaa 23/2015 Godinaalee Dhihaa Oromiyaa Humna waraanaa Wayyaanee fi Pooliisii Federaalaan eegaamaa jirti, Mooraan yuunibarsiitii Jimmaa humna waraanaa Magaalaa Jimmaa keessa buufatee jiruun Addatti eegamaa jira.

Aside

Sadaasaa 23,2015 Godinaalee Dhihaa Oromiyaa Humna waraanaa Wayyaanee fi Pooliisii Federaalaan eegaamaa jirti, Mooraan yuunibarsiitii Jimmaa humna waraanaa Magaalaa Jimmaa keessa buufatee jiruun Addatti eegamaa jira.
Godinaaleen dhihaa Oromiyaa fi Dhaabbileen barnoota Olaanoo Godinicha keessatti argamaan humna warraana wayyaaneen eegamaa jiru.
Mootummaan Wayyaanee yaaddoo fi soda guddaa barattootni Oromoo uummata dabalachuun Hiriira mormii master pLanii Finfinnee nurratti fi magaalota Oromiyaa narratti kaachisuuf jechuun rafama guddaa keessaa galuun yakka ulfaataa uummata Oromoo irratti rawwachaa jiru jabeessuun waraana isaa uummataa fi barattoota Oromoo irra qubsiisuun ukkamsuu fi sodaachisuuf yaalii wayyaaneen gochaa jiruu uummatni haalli mirga keenyaaf falmachuuf eenyuun iyyuu haayyama kan hin gaafatnee ta’uu uummatni OROomoo fi barattootni Oromoo ibsaa kan jiranidha.
Haaluma kana irraa ka’uun Waraannii Wayyaanee Dhabbilee barnoota dhihaa Oromiyaa keessatti argamuu fi Magaaloota dhihaa Oromiyaa
kanneen akka Yuunibarsiitii Amboo fi magaalaa Amboo, Gudar, Geedoo, Baakkoo, Yuunibarsiitii wallaggaa fi Magaalaa Naqemtee, Yuunibarsiitii
Jimmaa fi magaalaa Jimmaa, Yuunibarsiitii Mattuu fi Magaalaa Mattuu fi Baddallee , Yuunibarsiitii Gimbii, fi magaalaa Dambii Doolloo,
Magaalaa Shaambuu, Finca’aa , Yuunibarsitii walisoo fi Magaalaa Walisoo, Magaaloota naannawaa Finfinnee :Sabbataa, Burraayyuu,
Holotaa, Giincii, Sulultaa, Sandaafaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii dabalatee magaalaawwaan Oromiyaa fi dhaabbileen barnootaa Oromiyaa
keessa jiran manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa iyyuu dabalatee humna Poolisaa fi baasaasa wayyaaneen eeggichaa guddaan godhama jira.
Uummatni fi dargaggootni Oromoo bakka hundattuu mootummaa Wayyaanee Oromiyaa diiguu fi Oromoo balleessuuf karoorfate dura dhaabbachuun FDG itti kaachisuun falmachuuf qophii ta’uu dhaamsa waliif dabarsaa jiraachuu ibsame.

Godina Lixaa Shaggaar MAGAALAA GIINCII Keessatti FDG fi Mormiin Master Planii Finfinnee fi magaalota Oromiyaa Daran Jabaatee Itti fufe, Waraanni Wayyaanee Hiriira Mormii barattootaa fi uummataa irratti dhukaasa banuun Barattootni Oromoo Lama rasaasaan rukkutaman

Aside

Gabaasa Qeerroo Magaala Gincii Sadaasa 23,2015

diddaa9Gaafa Sadaasa 20,2015 Godina Lixaa Shaggaar MAGAALAA GIINCIItti FDG fi Mormiin Master Planii Finfinnee fi magaalota Oromiyaa Daran Jabaatee Itti fufe, Waraanni Wayyaanee Hiriira Mormii barattootaa fi uummataa irratti dhukaasa banuun Barattootni Oromoo Lama rukkutaman, Magaalaan giincii dirree waraanaatti jijjiiramtee jirti.
Giincii keessatti Warraaqsii FDG Gootota Barattoota Oromoo Mana Barumsaa GIINCII sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaan qabsiifame daran jabaachuun Itti fufe barattootni Oromoo lama rasaasa wayyaaneen rukutaman.Goototni barattootni Oromoo M/B GIINCII Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa mormii Master Plan Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa fi Gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun Torbee darbee Yaadannoo FDG Sadaasa 9/2005 Waggaa 10ffaa sabababeeffachuun FDG kaachisuun isaanii ni yaadatama. Hanga gaaffiin Mirgaa karaa nagaa fi
Dimookiraatawaa ta’een dhiyeeffannee deebii argatuttii barnootqa dhaabnee biyyaa abbaa keenyaa saamamaa fi diigamaa jirtuuf ni falmanna sagalee keenyaa Aaddunyaa biyya lafaa cufatti ni dhageessifannaa malee roorroo baatnee roorrifamaa hin jiraannuu jechuun Mana Barumsaa dhaabuun warraaqsaa Jabeessuun itti fufan. Addaatti Guyyaa kaleessaa Sadaasa 19-20/2015 guyyaa hardhaatti FDG haalaan Jabeessuun kan itti fufan Yoo ta’u, Guyyaa har’aa Daandii konkolaataa Cufuun Hiriiraa Mormii Guddaan yeroo ammaa kanatti Magaalaa Giincii Keessatti Gaggeeffama jira.
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee Magaalaa GIINCII keessatti humna waraanaa of harka qabu barattoota irratti bobbaasuun barattootaa fi
uummataa barattootatti dabalaamee karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiruu irratti waraanaa banuun MAGAALAAN GIINCII dirree waraanaatti
jijjiiramtee jirti, Looltootni Wayyaanee Meeshaalee waraanaa fi Meeshaa Gaazii summaa’aa nama boosisuu dhukaasuun Magaalaa Giincii
Dirree waraanaa fakkeessuun Uummata rasaasaan reebaa jiraachuu maddeen keenya gabaasan. Gabaasaa amma Magaalaa giincii irraa nu qaqqabaa jiruun Dhukaasaa waraanni wayyaanee barattoota Oromoo irratti baneen Barattootni Ormoo Lama Magaalaa Giincii keessatti rasaasaan kan rukutaman ta’uu ifa godhee jira. Warraaqsii akka jiruutti jabaatee itti fufee jira, Uummatnii fi Barattootni Oromoo humna waraanaa fi
Poolisii Federaalaan Ukkaanfamuun hidhaatti Guurama jiran kan lakkoofsi isaanii hin beekamne ta’uun gabaafamaa jira.

Godina Booranaa,Bulee Horaa, aanaa Galaanaa, A/Abbayyaa,D/Daawwaa fi kaanis keessatti uummanni gaaffii mirgaa kaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Bulee Horaa Sadaasa 23,2015

diddaa9DG godina Booranaa irratti uummataan ka’e gaaffii uummataa aanaalee garagaraa 8 ol tahu keessatti ka’ee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.
Dargaggootni oromoo godina Booraa barattoota Qeerroo mooraa yuuniversitii Bulee Horaa waliin tokkummaa uummateen gaaffii mirgaa fi
walgayiin wayyaanee akka hin gaggeeffamne aanaalee garagaraa keessatti kanneen akka Bolee Horaa, aanaa Galaanaa, A/Abbayyaa,D/Daawwaa fi
kaanis keessatti gaaffii uummanni kaase
– Hanga yoomitti maqaa Bulchiinsa gaariitiin gowomfamna bulchiinsi
gaariin hin jiru
– Saamichi lafa oromoo haa dhaabbatu
– Mirgi uummata keenyaa eegamaa hin jiru
– Uummanni Master Pilanii tahuu hin qabu jedhee erga mormee yaadni uummataa tikfamee eegamuu qaba.
– Gochi mootummaan sabaa fi sab-lammii walitti buusee gidduudhaa fayadamaa jiru haa dhaabbatu fi kk jechuudhaan
Waraqaan hedduun aanalee kanneen keessatti bittimfamanii akka jiran Qeerroon gabaasee jira. Kanuma irratti barruuleen garagaraa
bittimfaman
– Uummanni walgayii mootummaan ajaju irratti akka hin hirmaanne
– Uummanni hojjetaas tahe gibira gabbaruu irraa akka dhaabu
– Sirni bitta fi gurgutaas akka dhaabbatu barruun garagaraa mul’atee jira
– Gaaffiileen uummanni yeroodhaa yerootti kaasu kun midhamuu uummataa itti dabala yoo tahe uummanni bakka jiru bahee yeroodhaa yeroottis
daandii cufuu, tarkaanfii barbaachisaa caasaa mootummaa wayyaanee irratti akka adeemsisu waamicha taasisuu gabaasni Qeerroo nugahee
jira.
Mooraa yuuniversitii keessatti halkan edaa waraqaan halluu Diimaa Magariisa Diimaadhaan barreeffamee bittimfamee ture. Sabboontotni
oromoo mooraa yuuniversitichaa wayita kana kaanee falmachuun mirga saba keenyaa fi qabeenyaa tikfachuu fi wayyanee ofirraa kaasuun
dirqama tahuu waamicha diddaa yeroodhaa yerootti taasisaa jira waraqaalee dhaadannoo garagaras mooraa keessatti halkan edaa
maxxanfame shakki wayyaaneen qabduun mooricha guutuu keessatti tikoonni halkan seenuudhan barattootni ganama ka’ani waraqaa bittifame
kana osoo hin argin funaanaa buluun kan gabaafamee fi kanumaan wal qabsiisuuni barattootni gaadamaa akka jiran, hojjetootni moorichaa
hedduunis target wayyaanee keessa seenanii kan jiran ABO tu mooraa seenee jira, deggertoota ABO fi Qeerroo Bilisummaatu mooraa jeeqa
jechuunis hojetoota irraa shakkii qabaachuun doorsisaa fi hordofuunis Qeerroon gabaasee jira. Fincilli ka’ee jiru hanga gaaffiin uummataa
deebii argatutti itti fufna jechuun Qeerroon gabaase

Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Sabbataa Kan Sadarka 2ffaa‏ Baratan Imaamata Maaster Palaanii Finfinnee Mormuun Diddaa Dhageessisan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Sabbataa 23,2015

diddaa9Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi sadarkaa olaanan godinaalee addaa oromiyaa keessatti argaman mormii master pilani wal qabsiisuun gaaffii yeroodhaa yerootti kaasaa jiran. Odeessa har’a sadaasa 19/2015 sabbataa irraa nu qaqqabeen mana barumsaa sadarkaa 2ffaan sabbataa
kutaadhaa kutaatti dhaamsa waliif dabarsan. Nuti barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa sabbataa karoora master pilani jabeessine mormina jechuun gaaffii sagalee fi barruudhanis yeroo garagaraatti dhihyeessaa bahan. Haaluma kanaan barattootni har’a master -pilaaniin
hojii irra ooluu hin qabu, karoora kana hojiirra oolchuuf kan deemu itt gaafatama jalaa hin bahu nuti ni wareegamna barumsas barachuu nii dhaabna jechuunis barattootni kutaa barnootaa keessatti sagalee dhageessisuun barumsa dhaabuu Qeerroon gabaasee jira. Kanumaan barsiisotni isintu barattota walitti qabaa jira jechuun jaleewwan Wayyaanees doorsisaa jiraachuu fi naannoo koollejjii sabbataa fi
hojjetoota warshaa Ayikaas hordoffiin tikaan taasifamaa kan jiru sodaa fincilli ka’a jedhuun tahuu Qeerroon gabaasee jira. Yuunversitii
keessattis gaaffin dhimma barnootaan wal qabsiisuudhaan keessattu yuuniversitii Haromayyaa keessatti gaaffiin barattootaan ka’ee jiru
kan itti fufee jiru tahuu gabaasaan ibsa.

IBSA IJJANNOO BARATTOOTA OROMOO YUUNIBARSIITIIN JIMMAA KABAJA YAADANNOO FDG SADAASA 9/2005 WAGGAA 10FFAA IRRATTI BAAFATAN .

Aside

FDGGootootni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Guyyaa yaadannoo FDG Sadaasa 9/2005 Waggaa 10ffaa bifa adda ta’een kabajachuun  Sadaasni 9/2005 bara seenaa adda qabu bara dhaloonni qubee waamicha qabsoo ABO uummata Oromoof godheetti dammaqinsa guddaan warraaqsa biyyoolessaa FDG abbaa irree wayyaanee irratti gaggeessuun mirga uummata Oromoo kabachiisuuf wareegama qaalii kanfalan, bara qabsoon bilisummaa Oromoo dhiigaa fi lafee dhaloota qubeen jabeeffame, bara mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo qaroo uummataa ta’an qiyyaafatee jumlaan hidhee,jumlaan ajjeese bara seenaa dargaggoota Oromoo keessatti yoom iyyuu hin dagatamne waan ta’eef bara baraan ni yaddanna. Yaadachuu fi gootota ilmaan Oromoo wareegamaniif hidhii xuuxuu qofa utuu hin ta’iin kaayyoo goototni ilmaan Oromoo yeroo irraa gara yerootti irratti wareegamaa jiran galmaan ga’uuf wareegama kamuu baasuufi qabsoo bilisummaa Oromoo galii isaan ga’uufi gumaa gootota keenyaa baasuuf guyyuu kutannoo fi murannoodhaan qabsoo bilisummaa Oromoo ABO n durfamu cina dhaabbannee jiraachuu keenya ibsacha. Bara 2014 baatii Ebla 11/2014 irraa egaluun warraaqsa seenaa qabeessa bifa qindaa’ee fi ijaarameen kan itti fufsiifnee mormii guddaan mootummaa Wayyaanee Oromiyaa diiguuf maqaa Master Plani Finfinneetiin karooraa haaraa ittin Oromoo buqqisuu fi Maappii Oromiyaa diigu dura dhaabbachuun Waamicha FDG uummata Oromoo hundaaf gooneen Uummatni Oromoo keessa fi Duubaatti gara Warraaqsaa seenaa qabeessaa marsaa 2ffaa dhalootni Qubee Qeerroon bilisummaa Oromoo dhoosne kanatti dammaqinsaan kan hirmaatee fi wareegama fakkaataa bara 2005 deebisee kanfaluun biyyaa abbaa isaa falmachuuf dirqamedha. Ammaas hanga Oromiyaan Bilisoomtuu fi Wayyaanee EPRDF/TPLF harka isaa Oromiyaa irraa kaasuutti qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan ga’uu Warraaqsaa FDG finiinsuu irraa of duuba kan hin deebine ta’uu hubachiisuun Yaadannoo FDG Sadaasa 9/2005 sababeeffachuun IBSA EJJENNOO armaan gadii dabarfanne!! IBSA IJJANNOO BARATTOOTA OROMOO YUUNIBARSIITIIN JIMMAA KABAJA YAADANNOO FDG SADAASA 9

Mootummaan Wayyaanee uummata beelaan dhu’aa jiruuf gargaarsi taasifamaa jira jedhchuun olola eegale.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Sadaasa 23,2015

Dhumaatii beelaan uummattoota naannoo roobni hin geenye irra gahaa jiru daa’immaan, haadholii fi horiiwwan yeroo itti wal faana dhumaatii sukkanneessaa irra jiranitti mootummaan Wayyaanee ofii cooma muree guddina biyyaa odeessaa jira.Kan baayee nama gaddisiisu keesssaa naannowwan kun beelli itti hammaatetti nyaataan mootummaan keenya isaan deggeraa jira jechunis miillii fi harki wayyaanee kan taate jaleen OPDO’n miidiyaa irraan oduu sobaa lafa naqaa jirti kan seenan lubbuu kumaan lakkawamaa jiru gaafatullee sobuudhaan uummata beelaan dhumaa jirutti qoosan. Yeroo biyyaaf boo’ichaa wayyaanee fi jala kaattuu sheef garaa guuttachuun nyaattee uummatatti dhaadatti. Kanumaanuu kan walq abate gaaffiii uummanni Baalee aanaalee garagaraa irratti mootummaan maaliif soba gargaarsi godhame nama dhuunfaa irraa kan hafe hin agine kan warra beela’aniif kan jedhanii wayyaanee soba ishee saaxilan yeroo kana gara siyaasatti harkifamanii qabamaa kan jiran jiru. Akkasuma sadaasa 25/2015 yuuniversirii Madda walaabutti barattotni gaaffii kaasan uummata keenya obbolaa keenya beelaan dhumaniif gaddina jedhuu fi akaksuma barattootni moora yuuniversitichaa mootummaa wayyaanee balaaleffatan.

Uummanni keenya osoo beelaan dhumu wayyaaneen aangoo irra jiraatuu hin qabu jechunis barattootni yuuniversitii Bulee horaas barruum facaasan. Yeroo kana gaaffii cinatti dhimma MP waliin wal qabatee gaaffiin mootumman wayyaanee sobeeuummata beelaan dhumaa jiruuf gargaarsi godhamaa jiru kana saaxiluun barattootni gaaffii  kaasaa waan jiraaniif wayita kana wayyanee qixa hundaattuu sodaadhaan kan guutamee jiru tahuun hubatamee jira. Kanaaf gaaffiidhuma kana fakkaatu namoota kaasan hidhuu fi hojii irraa gaggeesuunuu kan itti hammaataa dhufeedha.
Dhimma beela’un dhumaatiin uummata irra gahaa jiruuf gaaffii namootni naannoo Baalee, Harargee irraa kaasaniif toohatamaa hidhamaa jiran gabaasan dubbata.

TVOMT: Kan Du’eettu Gale Moo Kan Jiruuttu Sobaan Ajjeffame? Yaa Soba Baranaa

Aside

https://youtu.be/a-Kx2TKuowE

Irreecha Naqamtee Sadaasa, 2015 fi Diddaa Qeerroo Bilisummaa

Aside

Wallagga Aanaa Leeqaa Dullachaa Keessatti, Gamoo Waajjira Aanaa OPDO Ijaarsisuuf Jecha Qonnaan Bultooti Qarshii 350 Dirqiin Akka Baasan Itti Murtaawe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Aanaa Leeqaa Dullachaa,Sadaasa 23,2015

Wallagga Leeqaa Dullachaa aanaalee godinichaa lamaan kana qofa otuu hin taane guutummaa godinaa keessatti qonnaan bulaan mootummaaf akka buusii gamoo ijaarsisuu baasaniif dirqisiifamaa jiru. Ergamtootni Wayyaaner/kaabinoonni aanaarraa gandatti gad ergaman dhimmanii kan uummata mariisisaa turan:-
Gamoo waajjira dhaabaa godinaa ijaarsisuuf-

  1. Qotee bulaa adda dureen qarshii 350
  2. -Qotee bulaa giddu galeessi qarshii 250
  3. -Qotee bulaa harka qalleessi qarshii 50 akka dirqamaan buusuu qabuu fi kana gochuu baannaan gibira waliin akka dirqamaam kaffalu itti himamus uummanni waan nyaatee buluyyuu hin qabne callisee hin fudhanne.
    Keessumaa Aanaa Leeqaa Dullachaatti qotee bulaa -nuti adda duree miti. Qabeenya  ittiin adda dureetti madaalamnu hin qabnu. maqaa kana sinumatu nuuf kenne malee qabeenyi keenya ilaalamer muti jechuun mormii erga dhageessisaniin booda waltajjii dhiitanii yaa’aniiru. Kanarraa kan ka’es uummata sossobuun waltajjiitti deebisanii dirqama gubbaarraa murtaayee itti kenname ta’uufi isaan ergaa qofa akka dabarsan qaaniin amananiiru.
    Qotee Bulaan yeroo ammas adda duree jedhamu kan harkaa gara afaanii qofaan of danda’e malee akka mootummaan TPLF jedhu gara abbaa qabeenyaatti cewuu danda.’u akka hin taanee fi harka qalleessii fi giddu galeessa kan moggaafamanis harkaa gara afaaniiyyuu kan hin qabne ta’uu fi hojii pirooppoogaandaa qofaaf akka godhamaa jiru ogeessonni qonnaa fi ergamtootni wayyaanee ofatti erga uummata geggeessanii yeroo dubbatan dhagayameera.
    Itti dabaluunis Aanaa Waamaa Hagalootti geggeessitoota gidduutti sababa saamicha lafa magaalaa Moxeen walitti bu’iinsi cimaan akka uumamaa jiruu fi garee uummachuun akka walirratti ka’aa jiran keessa beektotni dubbatan. Akka odeessi nu gahetti; Obbo Iwunatuu dura Bu’aa waajjira Ispoortiif Dargaggoo Aanichaa.   Obbo Mulaatuu basaasaa ganda moxee 01 kan turee fi yeroo ammaa dhimma dargaggoorra kan hojjetu. Obbo Geetachoo Gaja’aa dura bu’aa OPDO fi Obbo Mulaalem Dura Bu’aa bulchiinsa magaalattii kan ta’an lafa magaalichaa uummata gowwoomsuun bakka manaa jahaa fi isaa ol gatii gad bu’aan fudhachuun.kanneen tokkoyyuu dhaban liizii eeggadhaa jechuudhaan akka rakkisaa jiran himame.

Ayyaanni Irreechaa Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYIItti Bifa Ho’aa Ta’een Kabajamee,Uummatni Oromoo,fi Qeerroon Dargaggootni Barattootni Oromoo takkummaan irraatti hirmachuun ABO,WBO,Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Gootota Qabasoo Bilisummaaf Wareegaman Farsuun Ayyaanicha Irratti Mormii Sirna Wayyaaneef qaban ifatti muldhisan

Aside

Sadaasa 15/2015 Godina Lixa Shagaggar AANAA MIDAA QANYIItti Ayyaanni Irreechaa Malkaa Calalaqii Bifa Adda ta’ee fi Haala Hedduu Dammaqinsa Qabuu fi Mormii Sirna Faashistii Wayyaaneen kan guutameen Dargaggootni Oromoo ABO fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo Faarsuun Kabajatan. Ayyaanni Irreechaa Kun jalbultiin isaa bifa ho’aa ta’een Galma Abbaa Gadaa Warraa Maccaa galma Abbaa Gadaa ‘Ittafaa Caarraataa Guutamaa’ kan ta’ee Diirree Calalaqiitti haala heedduu nama ajaa’ibuun jalbultiin isaa kan kaleessa irraa eegaluun kabajamuu eegalee guyyaa har’aa Malkaa Calalaqiitti bakka uummatni Oromoo Kumootaan lakka’amanitti bifa addaan kabajame.Guyyaa Jalbultii Ayyaana kanaa Irraa eegaluun Uummatni Oromoo Godina Lixa Shaggar Aanaawwaan Kanneen akka: Midaa Qanyii, Calliyaa, Iluu Galaan,Baabbichaa, Tokkee Kuttaayee, fi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raaree fi Guduruu irraa jalbultii Ayyaana Irreecha Malkaa Calaalaqii kana irratti dammaqinsa guddaan kan argamuu danda’an ta’uun gabaafamee jira. IMG_20151108_041757

Goototni Dargaggootni fi Barattootni Oromoo Walleelee Warraaqsaan ABO,Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi gootota ilmaan Oromoo
Qabsoo bilisummaa Oromoo irratti Wareegamaan faarsuun mormii guddaa sirna faashistii wayyaaneef qaban ifatti muldhisaniru. Dargaggootni
Oromoo Walleelee Warraaqsaa fi Dhaadannoo Qabsoo Bilisummaa farsan kanneen armaan gadii kana dhageesisuun mootummaa wayyaaee
balaleeffatan:
1. Korma Guduruu ABO keenyadha duruu, ABO’n lafa fi biyya dabarsee hin gurguruu, kanaan Booda garbummaan nu ga’eera abbaan irree wayyaanee OPDO’n nu hin bulchitu,
2.Master planiin Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa haqamuun dirqama, Wayyaaneen OPDO’n Oromiyaa gurgurachuuf maaliif muddama?
3. Dhaabni keenya ABO dha, Kaayyoon keenya Bilisummaa fi walabummaadha, FInfinneen kan keenya, Oromiyaan kan keenyaa, bittaa
halagaa hin barbaannu, hidhamtootni Oromoo hiikamuu qabu, Barataa dammaqii, Barsiisaa dammaqi, Qotee bulaa dammaqi, Oromoo dammaqi
jechuun sagalee dhaadannoo jajjabaa fi dheekkamsaan guutame dhageesisan.
4.Kanaan booda kan nu bulchu ABO dha, ABO dimookiraasii fi bulchiinsa gaariitti amana, ABO’n mirga ilma namaa fi dimookiraasii ni
kabachiisa, jechuun labsii dhaadannoo fi walleelee warraaqsaan guutame dabarfatan.
5.Ilmaan Oromoo wayyaaneen bara baraan rasaasaan akka bineessa adamsee ajjeesaa jiruuf itti gaafatamuu qaba, OPDO itti gaafatamuu qaba,
6.Caffeen Oromiyaa Oromoo fi Oromiyaa gurguraa waan jiruuf seeratti dhiyaachu qaba jechuun wallee fi dhaadannoon mormii sirna garboonfata
wayyaaneef qaban ibsachuun bifa adda ta’een Ayyaanni Irreechaa Malkaa Calalaqii kabajamuu Maddeen keenya achiitti argamanitu gabaase.
Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee humna Waraanaa guddaa Daandiiwwaan gara Aanaa Midaa Qanyiitti geessuu hundarratti loltootaa
fi poolisii kora bittinneessa jedhamu ramaduun Sakkatta’insa guddaa gaggeessuun uummatni sodaatee akka karaa irratti deebi’uuf yaaliin
guddaan waraana wayyaanee kanaan godhamee fi loltootnii fi poolisootni Wayyaaneef ergamanii bulan Odaa Doodaa uffattan ABO,WBO fi Qeerroo
bilisummaa Oromoo faarsitan jechuun dargaggootaa fi uummata ugguranii karaatti deebisuu fi akka namni sodaatee deebi’uuf shirri guddaan
dalagamee uummatni I fi dargaggootni barattootni Qeerroon Oromoo gamtaa isaa jabeeffachuun lafa duudhaa keenyaa fi seenaa keenyaa
Irreecha irra nu dhorkuun yakka jechuun uummatni diddaadhumaan sirna kabaja Ayyaana Irreechaa Malkaa Calalaqii irratti kan argamanii
walleelee warraaqsaan qabsoo bilisummaa Oromoo,ABO ,WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo faarsaa kan olaanii fi Ayyaanicha haalaan kan
miidhaksan ta’uu Maddeen keenya sirna Ayyaanaa Irreechaa Malkaa Calalaqii irratti argaman gabaasan.waraabbii video,suuraa fi audio kan
isin qaqqabsiifnu ta’uu isin hubachiifna.