Humni Tikaa Wayyaanee Barataa Qaroo fi Sabboonaa Tarreessaa Safaraa Yuuniversitii Mattuu Keessatti Ajjeessuun Gabaafame.

Aside

Yeroo addaddaatti hidhaa keessatti dararamaa kan ture Barataa Tarreessaa Safaraa Onkololessa 23 galgala mooraa Yunivarsiitii Mattuu keessatti ajjeefamuun gabaasame.

Tarreessaa Safara_nMaddi gabaasaa keenyaa akka himetti, barataan kun yeroo hedduu humnoota tikaatiin hordofamaa ture.

Hiriyyoota isaattis, akka hordofamaa jiru himaa ture.

Tarreessaan eenyuu?

Barataa Tarreessaa Safaraa utuu barnoota idileerra jiruu bara 1999 barataa kutaa 11 ta’ee osoo jiruu yakka shororkeessummaan himatamee murteen waggaa 10 erga itti murtaa’e.  Kanumaan mana hidhaa Maa’ikelaawwii, Qaallittii, Qilinxoo fi Zuwaayitti jijjiiramee hidhamaa ture.

Haataúutii baratan kun yeroo hidhaa keessa turetti, hidhaa fi roorroof otuu hin jilbeeffanne, hiree argametti dhimma bahee beekumsaa fi dandeettii isa aguddifachaa ture.

Wayita mana hidhaa turettis tattaaffii inni waa dubbisee waa barachuuf godhaa ture namooti hedduu dinqisiifachaa kan turan hiriyooti isaa ragaa bahu.

Turtii waggaa jahaa fi ji’a saddet booda mana hidhaa bahe barnoota isaa bara 2007 xumuruun bara kana yuniversiitii Mattuutti ramadamee ture; akkanaan barnootatti deebi’uun hawwiisaa galmaan gahachuuf carraaqqii godheen Yunivarsiitii Mattuu muummee Injiinariingii seene.

Tarreessaa Eenyutu ajjeesee?

Oduun caasaa mootummaa iffaa facaafama ajiru, tarreessaan of ajjeese kan jedhuudha. Haata’uutii, Tarreessan sababa of ajjeesuuf akka hin qabne, kanneen itti dhiyaatan ragaa dha. “Tarreessaan of ajjeese jedhamee himamaa jira; kun waan taúu natti hin fakaatu,” kan jedhe barataan nageenya isaatiif jecha maqaa isaa jijjiiree “Olumaa” nuun jedhee, “Tarreessan kan ajjeefame humnoota tikaatiin; kun shakkii tokko illee hin qabu,” jedheera.

Tarreessaan goota obsa, kutannoo fi qabsoo Oromoof jaalala guddaa qabu, dargaggeessa qaroo ture.

Tarreessaan eessatti dhalate?

Barataa Engineeringii Waggaa 1ffaa kan ture, Tarreessaa Safaraa Lammeessaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuu dhalate. Yuunivarsiitii Mattuu erga seenees amala gaarii akn qabu, naamusaa fi kabajaan hiriyyoota isaa waliin barumsa isaa hordofaa  ture.

Haata’u malee guyyaa kaleessaa doormii dhabamuun har’a reeffi isaa argame. Ajjeechaan ilmaan Oromoo qaroo ta’an irratti raawwatamu har’as itti fufeera.

SBO Onkoloolessa 25,2015. Oduu, Tumsa Bilisummaa Fi Dimookraasii Ummattootaa Hundeeffame Irratti Gaaffii Fi Deebii Bakka Bu’ootaa Dhaabaa Waliin Taasifame Akkasumas Tumsa Fi Hundeeffama Waggaa 27ffaa SBO Kaanaadaa Tooroontoo.

Aside

Oduu Ammee:- Guyyaa Hara’aa Konkolaataan Humna Tikaa Ukkamtsitoota Wayyaanee Maqaa Ambulaansiin Hojjetu Magaalaa Naqamtee Keessatti Galatalte.

Aside

IMG_20151024_083944Onkoloolessa 24,2015 Naqamte.

Gabaasaan Qeerroo Bilisummaa magaalaa Naqamtee akka hubachiisetti ganama har’aa kana konkolaataan maqaa Ambulance jedhamtu ofirraa qabduu fi irra guddaa hojiin isaa uummata baadiyyaa fi magaalaa keessaa uukkamsee mana hidhaatti guuraa kan ture garagalte jedha.
Akkuma beekamu yeroo ammaa kana maqaa dubartoota deessisuuf oolu jedhamu ofdura qabuun ammoo ergama hojii Tikaa fi basaasummaa Wayyaanee  baadiyyaa fi magaalaa keessa socho’uun kan uummata ittiin ukkaamsan konkolaataan ambulance kun ganama har’aa Onkoloolessa 24,2015 magaalaa Naqamtee keessatti garagalte. IMG_20151024_082506
Haata’u malee konkolaataan kun daandii sanarratti poolisoota Oromiyaatiin tiksamaa kan jirtu yeroo ta’u,namni hagamii akka miidhame wanti ifa ta’e hin jiru,Keessa beektonni akka jedhanitti yoo ta’e qondaaltoti baasasa wayyaanee dalagan keessatti miidhamuu hin hafne jedhameera
Garuu humnaan tikfamuun konkolaataa basaastota kanaa hawaasa magaalaa Naqamteef qeeqa addaa kenneera.

Konkolaataan kun kan galagalte magaalaa Naqamtee marfata almmaffaa gidduutti ta’uu Qeerroon gabaasa.

Final Press Release: The Founding of Peoples’ Alliance oor Freedom and Democracy (PAFD)

Aside

October 23, 2015

pafd1Delegates of Benishangul People’s Liberation Movement (BPLM), Gambella People’s Liberation Movement (GPLM), Ogaden National Liberation Front (ONLF), Oromo Liberation Front (OLF) and Sidama National Liberation Front (SNLF) met in Oslo, Norway from 22 October to 23 October 2015 to lay the foundation of political alliance between the peoples in Ethiopia and have formed the Peoples Alliance for Freedom and Democracy (PAFD).The PAFD will create an opportunity for all peoples in Ethiopia to co-create a transitional political order that is based on the consent of all peoples, where the outmoded hegemonic culture of a single group dominating the rest is dismantled and a new just political order is established, where the respect of the right to self-determination is genuinely granted to all.

PAFD will conduct diplomatic, advocacy, information and other campaigns to change the current undemocratic political culture and oppressive system in Ethiopia.

PAFD will have a Governing Council (GC) composed of representatives of the political leadership of the founding organisations and members representing the civil societies of the respective communities.

The Governing Council will elect an Executive Committee (EC), a chairperson and two vice-chairpersons that rotate yearly among the organization members. The Executive Committee will be the standing committee and will have the bureaus of diplomacy, organization, finance, information and others.

PAFD call upon all peoples in Ethiopia to join the alliance and support it in order to end the suffering and dehumanization of all peoples in Ethiopia by the current government. PAFD call upon the regional and international communities, to play a positive role in diffusing this looming danger by supporting the peoples in Ethiopia rather than the illegitimate government before it is too late.

Finally, PAFD call upon the current government in Ethiopia to refrain from all acts of violence, respect human rights, obey the rule of law, and commit to peaceful and democratic resolution of political conflicts.

Issued by PAFD

Oslo, Norway
October 23, 2015

Contacts

PAFD22102015@gmail.com

  1. ONLF +447940624477;
  2. OLF +4797357264;
  3. GPLM +12042185988;
  4. SNLF +44 7984480752;
  5. BPLM +2917296477

Declaration_for the establishment_PAFD (F) Press Release final

Press Release

Magaalota Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Dhiibbaan Afaan Oromoo Irratti Godhamaa Jiru Hammaachaa Akka Jiru Dargaggoo Sabboonaa Ibsaa Dhugaa Gaaffii fi Deebii SBO Waliin Taasiseen Beeksise.

Aside

SBOAfaan, seenaa fi aadaan Oromoo walumaagalatti eenyummaan Oromummaa duula gabroomfattootni dhabamsiisuuf irratti banan irra aanee sadarkaa har’a irra gahee jiru kana irra gahuu isaatiif galanni kan gootowwan Oromoo ti. Keessumattuu Afaan Oromoo kaleessa dubbatamuudhumtuu akka cubbamaatti nama lakkoofsisuu fi Raadiyoo cabsa faa jedhamee Habashootaan irratti duulamaa ture qabsoo sabboontonni Oromoo roga hedduun gaggeessaniin ummanni Oromoo qaanii fi dhoowwaa tokko malee dubbataa, barnoonni ittiin kennamaa fi afaan hojii tahee jira.

Afaan Oromoo wareegama qabsaawota Oromootiin sadarkaa har’a irra gahe kana irraan gahamuun injifannoo galmaahe haa tahu iyyuu malee, Oromiyaa keessatti afaanicha afaan barnootaa fi afaan hojii taasisuu irratti har’ayyuu dhiibbaan diinaa kan irraa hin hafne  tahuun sirriitti hubatamaa jira. Bakkoota hedduutti Afaan Oromoo afaan Amaaraatiin bakka buufamee wayta hojiin hojjetamuu fi dhimmoonni adda addaa raawwataman agarra. Gartuun mootummaa wayyaaneetiin bixxillame, ergamaan sirnichaa OPDOn, maqaaf Oromoofin dhaabbadhe haa jedhu malee har’aan tana fedhii diinnan Oromoo tiksuudhaaf hojjechuu irraa guddina Afaan Oromootiif wayta danqaa tahu mul’ata. Afaan Oromoo har’aan tana Oromiyaa keessatti sadarkaa maalii irra jira? Wanneenii fi warreen afaan saba guddaa kanaaf gufuu tahan hoo maal faa dha? dhimmoota jedhan irratti, walumaa galatti ammoo dhiibbaa Afaan Oromoo irratti godhamaa jiruu fi Afaan Amaaraan bakka buusuuf shira xaxamaa jiru ilaalchisee Oromiyaa irraa dargaggoo Ibsaa Dhugaa gaaffii fi deebii SBO waliin godhe keessatti yaada bal’aa kennee jira. Dhiibbaa Afaan Oromoo Irratti Godhamaa JIru…