Yeroo addaddaatti hidhaa keessatti dararamaa kan ture Barataa Tarreessaa Safaraa Onkololessa 23 galgala mooraa Yunivarsiitii Mattuu keessatti ajjeefamuun gabaasame.
Maddi gabaasaa keenyaa akka himetti, barataan kun yeroo hedduu humnoota tikaatiin hordofamaa ture.
Hiriyyoota isaattis, akka hordofamaa jiru himaa ture.
Tarreessaan eenyuu?
Barataa Tarreessaa Safaraa utuu barnoota idileerra jiruu bara 1999 barataa kutaa 11 ta’ee osoo jiruu yakka shororkeessummaan himatamee murteen waggaa 10 erga itti murtaa’e. Kanumaan mana hidhaa Maa’ikelaawwii, Qaallittii, Qilinxoo fi Zuwaayitti jijjiiramee hidhamaa ture.
Haataúutii baratan kun yeroo hidhaa keessa turetti, hidhaa fi roorroof otuu hin jilbeeffanne, hiree argametti dhimma bahee beekumsaa fi dandeettii isa aguddifachaa ture.
Wayita mana hidhaa turettis tattaaffii inni waa dubbisee waa barachuuf godhaa ture namooti hedduu dinqisiifachaa kan turan hiriyooti isaa ragaa bahu.
Turtii waggaa jahaa fi ji’a saddet booda mana hidhaa bahe barnoota isaa bara 2007 xumuruun bara kana yuniversiitii Mattuutti ramadamee ture; akkanaan barnootatti deebi’uun hawwiisaa galmaan gahachuuf carraaqqii godheen Yunivarsiitii Mattuu muummee Injiinariingii seene.
Tarreessaa Eenyutu ajjeesee?
Oduun caasaa mootummaa iffaa facaafama ajiru, tarreessaan of ajjeese kan jedhuudha. Haata’uutii, Tarreessan sababa of ajjeesuuf akka hin qabne, kanneen itti dhiyaatan ragaa dha. “Tarreessaan of ajjeese jedhamee himamaa jira; kun waan taúu natti hin fakaatu,” kan jedhe barataan nageenya isaatiif jecha maqaa isaa jijjiiree “Olumaa” nuun jedhee, “Tarreessan kan ajjeefame humnoota tikaatiin; kun shakkii tokko illee hin qabu,” jedheera.
Tarreessaan goota obsa, kutannoo fi qabsoo Oromoof jaalala guddaa qabu, dargaggeessa qaroo ture.
Tarreessaan eessatti dhalate?
Barataa Engineeringii Waggaa 1ffaa kan ture, Tarreessaa Safaraa Lammeessaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuu dhalate. Yuunivarsiitii Mattuu erga seenees amala gaarii akn qabu, naamusaa fi kabajaan hiriyyoota isaa waliin barumsa isaa hordofaa ture.
Haata’u malee guyyaa kaleessaa doormii dhabamuun har’a reeffi isaa argame. Ajjeechaan ilmaan Oromoo qaroo ta’an irratti raawwatamu har’as itti fufeera.
Pingback: Oromia: Sabboonan Oromoo Barataa Tarreessaa Safaraamooraa Yunivarsiitii Mattuu keessatti Ajjeefame. Oromo national Tarreessaa Safaraa, Engineering student at Mattu University murdered by TPLF/ Ethiopian Security agents on 23rd October 2015 | OromianEconom
Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian government against the Oromo people in different parts of the State of Oromia | OromianEconomist
Pingback: Widespread brutalities of Ethiopia’s Regime (Fascist TPLF) against the Oromo people in different parts of the State of Oromia | OromianEconomist