Saba koo Lammii Koo Ka’aa Ni Falmatnaa!!

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 30 September 2015

Aside

Mormiin Murtii Master Plan Finfinnee Irreecha Hora Arsadii Irratti Ni Ka’a Sababaa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Irreecha 2015 Bacancarsuuf Shiroota Gurguddaa Wixinachuu Isaa Qeerroon Saaxile.

Aside


486182_3899652972005_1219895082_nMormiin Murtii Master Plan Finfinnee Irreecha Hora Arsadii Irratti Ni Ka’a Sababaa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Irreecha 2015 Bacancarsuuf Shiroota Gurguddaa Wixinachuu Isaa Qeerroon Saaxile.

Shiroota mootummaan Wayyaanee EPRDF Ayyaana Irreechaa Bara 2015 Hora Arsadii Bishooftuutti Kabajamuuf jiru bacancarsuuf wixinatee itti jirtu keessaa akka armaa gadii ta’a.

  1. Uummataa Oromoo Aadaa, Duudhaa ,amantaa, fi eenyummaa isaa kabajachuu fi Addunyaatti beeksifachuuf hedduminaan socho’aa jiruu irraa naasuu guddaa keessa seenuun heddummina uummataa sirna kana hirmaatanii xiqqeessuuf sadarkaa Godinaa, Aanaa, fi magaalotaatti baayinni namoota sirna kana irratti argamuu karaa Waajjira aadaa fi Turizimii OPDO’n hundeessiteen waraqaan kennamee fi konkolaataan
    ramadameefii sadarkaa Aanaa fi Magaalotaatti namoota 120 hin caalleef akka eeyyamni hirmannaa sirna kanaa kennamuuf shirri ukkaamsaa Uummata keenyaa irratti dalagamaa jiraachuun beekamee, Namoota Waajjirrii Aadaa fi Turizimii OPDO’ Wayyaanee galmeessanii ergan malee Uummatni Oromoo guddaan akka hin hirmaanneef akka dhorkamuuf shirrii ulfaataan akka Uummatni Oromoo Waaqaa isa Uumme illee hin kadhannee fi hin galateeffanneef ukkaamsaan ulfaataan uummata keenya irra kaa’ame jiraachuun saaxilame!!
  2.  Maqaa sakkatta’insa jedhuun Kellaawwaan Oromiyaa cufaa fi Kellaawwaan xixxiqoo haaraa uumuun humna Waraanaa fi Loltuu Raayyaa Waraanaa fi Poolisii maqaaf Kora Bittinneessaa Oromiyaa jedhamu kellaawwaan kana irra qubsiisuun Uummata Oromoo nagaan uffata aadaan Faayaamee gara Irreechaatti Sochoo’uu danquun akka hin hirmanneef, kaan qabanii daandii irra tursiisuu, kaan hidhuu fi kaan immoo ittisuun deebisuuf kan boba’ee ta’uu maddeen saaxilan. Shirrii uukkamsaa fi mirga namummaa/Mirga uumamaa Oromoon qabuu fi mirga Dimookiraasii Oromoon qabu ukkaamsuu kunis haala armaan gadiin sakkaatta’insa irraa eegaluun kan hojii irraa olchuuf Wayyaaneen fiigaa jirtuu ta’uu madden gabaasan.
  3.  Uummata Oromoo Godina Lixa Oromiyaa Wallaggaa Lixaa,Wallaggaa Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Aanaa Midaa Qanyii
    irraa gara Irreechaatti socho’an AANAA CALLIYAA MAGAALAA GEEDOO irratti sakkatta’insaa, hidhaa fi qabanii deebisuuf kan jiran ta’uun
    saaxilame.
  4.  MAGAALAA AMBOO bakka Awwaaroo jedhamutti Kellaa Haarawaa dhaabuun uummata ukkamsuu, hidhuu fi Irreecha irraa hambisuuf kan
    karoorfatan ta’uun saaxilame.
  5. MAGAALAA HOLOOTAA irratti sakkatta’insaa ulfaataa, uummata ukkaamsuu fi Ayyaanaa irreechaa irratti akka hin argamneef Kellaa
    3ffaa Dhihaa Oromiyaa irratti shira guddaaf qopheessan ta’uun Saaxilamee jira.
  6. Godina Kibbaa Lixaa Oromiyaa bakkeewwaan Sakkaattaa’insii shirrii kellaawwaan diinaan xaxamaa jiran keessaa kanneen Saaxilaman keessa:
    – Magaalaa walisoo
    -Magaalaa Tafkiii
    -Magaalaa Sabbataa kanneen jedhaman irratti sakkatta’insaa guddaa gochuun Uummata ukkamsuu, hidhuu fi Qabanii deebisuun Sirna kabaja
    ayyaana irreechaa irraa hanqisuuf karoorfachuun saaxilamee jira
  7. Godina Salaalee Irraa uummata Oromoo Ayyaana Irreechaaf bobba’u danquuf Magaalaa Sulultaa irratti kellaa haarawaa banuun Uummata
    Oromoo gara sirna Irreechaatti Aadeemuu danquuf,Ukkamsuu fi hidhuuf karoorfachuun saaxilame jira.
  8. Kaaba Oromiyaa Magaalaa Shanoo fi Sandaafaa irraa kanneen gara Sirna Irreechaatti socho’an Laga Xaafoo Laga Daadhii irratti
    sakkatta’insa ulfaataa gochuun Uukkamsaa,hidhaa fi uummataa Qabanii deebisuuf qophii gochuun saaxilame!!
  9. Magaalaa FinFinnee fi Magaaloota Naannawaa Finfinnee irraa kanneen socho’an immoo Kellaawwaan haarawaa MAGAALAA GALAAN fi DUUKAM irratti Sakkatta’insa gudaa gochuun sirna Ayyaana irreechaa irraa Uummata gooluuf qophii ta’uun saaxilamera!!
  10. Uummata Oromoo Bahaa Oromiyaa irraa gara aayyaana irreechatti Socho’an MAGAALAA ZIWAAY fi MAGAALAA ADAAMAA irratti sakkatta’insa guddaa gochuun Uummata gara Irreechaatti Socho’uu ukkaamsuu, hidhuu fi Burjaajeessuun gara qe’ee isaatti deebisuuf shira ulfaataa uummata keenya irraatti dalagamaa jiruu ta’uu madden Qeerroo bilisummaa Oromoo Saaxilan.Qeerroon Bilisummaa Oromoo Shira ulfaataa Uummatni Oromoo waaqa isaa Uumee kadhatee AADAA,DUUDHAA, SEENAA , AFAA, EENYUMMAA fi Oromummaa isaa illee akka hin jabeeffanneef DUULA DIINUMMAA FI SHIRA SANYUMMAAN QOPHAA’AA JIRU IRRA AANUUF GAMTAAN WALQABATEE Gara Irreecha Hora Arsadee bara kanatti akka socho’uu fi Shira Diina dura gamtaan akka dhaabbatnu jechuun Uummata Oromoo hundaaf Dhaamsa dabarsee jira!!

“Jabaadha Uummata Koo” Wallee Haaraa Artist Tafarii Taaddasaa, Fulbaana 2015

Aside

Barattooti Yuunibarsiitii Jimmaa Leenjii fi Walgahii Wayyaanee Diddaa Dura Dhaabbatan.

Aside

Fulbaana 30,2015  Gabaasa Qeerroo Jimmaa

GGO Ebla 15 JimmaGootootni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa, Walga’ii Wayyaanee hin fudhannuu, ololli siyaasaa maqaa leenjiin gaggeeffataa jirtan barnoota keenya waliin wal hin argu, maqaa leejiin fedha uummata Oromoo dura dhaabbachuu hin dandeessan sababaa jedhuun dura dhaabbatan.Gama biraan barsiisoti Yuuniversitii Jimmaas akkaataa walgahichi gaggeeffamu irratti  Walga’ichii Oromiyaa keessatti :
1ffaa afaan Oromoon gaggeeffamuu qaba.
2ffaa Gaaffii Mirgaa abbaa biyyummaa gaafannuuf deebiin sirnaa nuuf kennamuu qaba, yoo kana hin ta’iin duula Oromoo ukkamsuuf nurratti gaggeeffamu waan ta’eef hin fudhannuu jechuun Barattootni fi barsiisoti Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa dura dhaabbachaa jiru.

Barattoota yuunivarsiitii Wallaggaa, Amboo, Walqixxee, Mattuu, Harammayyaa, Madda Walaabuu, fi Bakkeewwan kaaniis gara Mooraatti Waamamanii deebi’aa jiru. Haalaa yuuni Barsiitii Jimmaa fi walii Gala Walga’ii Barattoota Wayyaaneen gaggeessa jirtuu irratti gabaasaa guutuun Qeerroon ni dhiheessa,

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Ayyaana Irreechaa Hora Arsadiitti Kabajamuuf Jiru Irratti Shiroota Dhahaa Jiraachuun Saaxilame.

Aside

Fulbaana 30,2015 Finfinnee

Irreechaa 2011Mootummaan Wayyaanee Uummatni Oromoo Waaqaa Uumaa uumamaa ayyaana Irreechaa kan bara dheeraa Oromoon wareegama qaalii itti kanfaluun asiin ga’ee Uummatni Oromoo akka hin hirmaanneef jecha shiroora adda addaa raawachaa jira.

Yeroo ammaa raayyaa ittisa biyyaa fi human maqaaf kora bittinneessaa Oromiyaa jedhamuu Kellaawwaan garaagaraa Oromiyaa keessatti argamanii fi kellaawwaanduraan hin jirree kellawwaan haaraawaa illee banuun uummata Oromoo dararuu fi akka uummatni Oromoo heddumminaan sirna Irreecha Hora Arsadii irratti Argamuuf jiru akka hin argamneef qabanii karaatti deebisuu fi ukkaamsuuf karooraa dinummaa xummurachuun saaxilamee jiraachuu Odeessii keessa Wayyaanee bahee saaxilee jiraachuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo gabaase.