Poolisoonni Mooraa Yuuniverstii Wallaggaa Diddaa Barattooti Oromoo Taasisan Deggertan Sababaa Jedhuun Qondaalota Wayyaaneen Qoratamaa Jiru

Aside

Adoolessa 10,2015 Naqamte

dsc02197

Maqaa gamaggama poolisootaa jedhuun guyyaa har’aa Adoolessa 10,2015  bulchiinsi Yuunibarsiitii Wallaggaa poolisoota moorichaa qorannoodhaan afaan faajjessuuf yaalus poolisooti geggeessitoota kana afaan qabachiisaa jiru.
Har’a sa’a laaqanaa irraa kaasee hanga ammaa kanatti odeeffannoon nugahe akka ibsutti Poolisooti moorichaa yeroo FDG barattoota deeggartu,keessaayyuu barattoota Oromoo jajjabeessuun adda adurummaa qabdu,kanaaf isin  loogi addaa gootu jedhamuun geggeessitooti sirnichaan wayita sagalee jabaan itti dubbatan ykn dheekkaman illee  Poolisoonni mooraa Yuuniversitii Wallaggaa “Oromummaan yakka miti”  jechuun geggeessitoota ergama Wayyaanee rifaasisuusaa jiraachuun beekame jira,itti baha walgahii kana guutuu fuula duraatti dhiheessina.

Sagalee Seife Neblbaalii fi Simbirtuu Qophii Adoolessa 9,2015

Aside

Bara 2014 Keessaa Godinaa fi Yuuniverstii Oromiyaa Adda Addaa Keessaa Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Nagaa Dhibbaatamaan Lakkaawaman Hidhe Keessaa Nama 6 Gadhiise.

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Adoolessa 09,2015

addunyaa-keessoo-3

Aduunyaa Keessoo

Barattoota Oromoo bara darbe Adoolessa 2014 keessa badiin tokkoo maleen Yuuniverstii adda addaa irraa walitti qabuun FDG qindeessitan ykn keessatti hirmaattan sababaa jedhuun mootummaan Wayyaanee hidhaa fi dararaa erga turee yeroo ammmaa ragaa dhabuu irraan akka bilisaan gadhisee jira.

Kanneen gadhiifaman keessaa:-

  1. Barataa Aduunyaa Keessoo  Yunversiitii Saayinsiif Teknooloojii Adaamaatti Dursaa Gumii GAAO kan ture
  2. BarataaToofik Rashiid Yunversiitii Dirree Dhaawaa irraa,
  3. Barataa Leenjisaa Alamaayyoo, Yuuniversitii Jimmaa Irraa
  4. Barataa Abdii Kamaal, barataa mana barumsaa Gudar S/2ffaa qophaayina kutaa 11ffaa
  5. Barataa Magarsaa Warquu Fayyisaa barataa seeraa wagga 5ffaa Yuuniversitii Haromaayaa.
  6. Barataa Bilisummaa Daammanaa Barataa Yuuniverstiii Adaamaa Accounting wagga 3ffaa
Nimonaa

Nimona ykn Abebe Urgessa Fakansa

Kanneen jedhaman himata tokko jala jiran yeroo gadiisan isaan keessaa himatuma barattoota kanaa irra kan jiru barataa  Nimona ykn Abebe Urgessa Fakansa barataa Yuuniverstii Haromaayaa damee engineering waggaa 2ffaa kan baratuu keessatti argama. Nimona (Abebe) Urgessa Fakansa kan dhalatee guddatee maatii qonnaan bulaa irra Godina kibba lixa Shagar Aanaa Iluu yoo ta’uu badii tokko malee mana hidha dukkanaa maikalawii, qilinxoo fi qaalittiti hidhama kan ture ragaa sobaa irratti dhiheessaa akka turan ni yaadatama. Ammas hiriyoota isaa galmee tokko irratti hidhaman ergaa daraara guddaa irraan gahanii yeroo gadiinsan barataa Nimoonaan ykn Abebe Urgeessaan sababaa tokko malee mana hidhaa keessatti hafuu Qeerroon gabaase.

Kana malees wagga darbe barattooti dhibbaatamaan lakkaawaman manneen hidhaa Wayyaanee adda addaa keessatti hidhaman himati isaanii akka gara garaatti galmaayee jiru,shamarranii fi dargaggoota hedduu dabalatee amma illee mana hidhaa keessatti dararamaa jiraachuun beekama. Walumaa galatti hidhamuu barattoota Oromoo bara darbanii ilaalchisee galmee fi seenaa barattootaa Qeerroon baasaa ture akka armaa gadiitti jira.

Baratoota Oromoo Ilaalchisee Ibsaa fi Galmeelee  Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bara 2014 Keessaa Hamma tokko:-

  1. Ibsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 27,2014
  2. List of Oromos killed and detained compiled July 05 2014 compiled by Qeerroo List of Oromos killed and detained compiled July 05 2014 compiled by Qeerroo Continued Arrest and Conviction of Oromo Students from Various Zones of Oromia
  3. List of Oromos killed and detained compiled July 05 2014 compiled by Qeerroo
  4. Galmee Oromoota FDG Irratti Wareegamanii fi hidhamanii ykn madaawanii.pdf 12 Galmee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Barattoota Oromoo Ebla fi Caamsaa 2014 FDG keessa hidhamanii ilaala
  5. Barattoota Oromoo Yuuniversitii Dirree Dawaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Irraa Kenname Barattoota Yuuniversitii Jimmaa Irraa Badii Tokko Malee Arihaman
  6. Continued Arrest and Conviction of Oromo Students from Various Zones of Oromia
  7. https://qeerroo.org/?s=Bilisummaa+Daammanaa&submit=Search

Mootummaan TPLF Oromiyaa Godinaalee Adda Addaa Irree Tajaaiilli Ibsaa Waan Dhaabbeef Ummanni Mukkeen Ibsaaf Dhaabbatan Qoran Godhachuu Eegale. Gaaffiin Mirgaa Baratootaan Ka’us Itti Fufe.

Aside

ah(Gabaasa Qeerroo Adoolessa 09,2015) Tibba kana barattooti dhaabbilee barnoota olaanoo irraa gara maatii isaaniitti yeroo itti dacha’an(galan)  yoo ta’u barattooti yaada gaaffii migaa fi warraaksaa hawaasa barsiisu sodaa jedhuun TPLF/OPDOn walgahiidhaan barattoota boqonnaa dhorkaati jirti.

Haaluma kanaan godina Wallagga aanaa Nuunnuu Qumbaa fi waamaa hagaloo irraa ibsaan ji’oota kudhanii olbadeef wayita mootummaan TPLF barattoota walgahiif waamtetti muki ibsaa qoraan ta’ee bobeeffatamu faayidaa ibsaa laachaa hin jiru jechuun kaabinoota rifaasisan.
Akkuma guutummaa Oromiyaatti aanaalee muraasni iyyaafanne ibsaa,networkii bishaan dhugaatii fi walumaa galatti bu’uuraalee jireenya kan jedhaman hinqaban, Jala bultii filmaata sobaatii kaasee hanga ammaatti irra jireessaan networkii fi Ibsaan kan haalaan irraa hir’isame Oromiyaadha

Qeellam, Wallaggaa  aanaa Laaloo Qilee,aanaa Anfilloo,Baabboo gambeel,Gullisoo,Noolee kaabbaa,W/bahaa aanaalee Leeqaa Dullachaa,Nuunnuu qumbaa,Waayyuu tuqaa,Eebantuu,Haroo Limmuu,H/G/Wallaggaa aanaalee akka Abaaboo Guduruu,Abbaayi Coomman godina I/ABooraa aanaa Dhidheessaa,godina Jimmaa aanaa Noonnoo Benjaa,Oomoo naaddaa,Shaggar dhihaa Tokkee Kuttaayee,Dirree badhaas,Shaggar Kaabaa Salaaleerraa aanaa Warra Jaarsoo,Dagam,Garba Gurraachaa kanneen irraa ibsaan kan bade yoo ta’u,magaalaan Amboo guyyoota sadiif networkii fi ibsaa malee dafinootii hanga kaleessaatti turte magaalaan Naqamtee guyyaa har’aa kana sa’atii saddeet guutuudhaaf dukkana turte.
Keessumaa ibsaan magaalotarraa badu kun jirtuuf jireenya namoota dalagaa ibsaan walqabatan kan akka hojii hoteelotaa,muka soofuu,hojii barnoota,hojii waajjiraa manneen baankii akka hin dalagne taasisuun yeroo uummata qisaasessaa jira

Qeerroon Barattootni Oromoo Dhaabbilee Barnoota ol-Aanoo Maree Torbaan Tokkoof Taasisaniin Haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo, Haala Rakkoo Siyaasa Biyyatti, fi Haala Diaspora Oromoo Ilaalchisuun Marii Baldhaa Godhchuun Ibsa Ejjennoo Qabxii Toorba(7) Qabu Baafatan.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

 

Ibsa Ejjetnoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Adoolessa 8/2015

Finfinnee,Oromiyaa

Nuti Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota ol-aanoo biyyatti garaagaraa irraa ogummaa garaagaraan eebbifannee fi kanneen barachaa jirru haala qabsoo bilisummaa Oromoo ABO durfamuu fi Warraaqsaa FDG; ilaalchisuun,haala rakkoo siyaasaa  biyyatti, dawwannaa Peresidentiin Ameerikaa Barak Obamaa Adooleessa 2015 dhumaa gara Ethiopiatti gochuuf jiru, rakkoo diaspora Oromoo fi qabsoo Oromoo fi akeekaa Maaster Plaanii Finfinnee ilaalchisuun sadarkaa garaagaraa fi mooraalee dhaabbiilee barnoota olaanoo Yuunibarsiitota kanneen akka Jimmaa, Wallaggaa, Amboo, Finfinnee, Adaamaa, Harammayyaa,Dirree Dawaa, Maddaa Walaabuu , Wal-Qixxee, Mattuu, Gimbii, Walisoo, Shaambuu , Arsii fi Bolee Horaa akkasumas kolleejjii barsiisota Jimmaa, Neqemtee, Shaambuu, Mattuu, Baalee Roobee, fi Allaagee  irratti torbee tokko guutuu marii qabsoo bilisummaa Oromoo daran jabeessuu fi Oromoo gara tokkotti fiduun humneessuu irratti erga godhannee booda Mootummaa Wayyaanee abbaa irree EPRDF/TPLF/’n durfamuu, fi fedhii uummata Oromoo fi lammilee cunqurfamoo biyyatti malee humna waraana afaan qawween mirga uummata keenyaa ukkamsuu fi oloa filannoo marsaa 5ffaa 100% injifadhe propaganda sobaa olola garbummaa labsachaa jiruu balaaleffachuu fi tarsiimoo sochii warraaqsa FDG irratti jaabeessuun kan dura dhaabbannu tu’uu murtii keenyaa dabarfachuun Ibsa Ejjennoo qabxii toorba(7) dabarfanne jirra.Ibsa Ejjetnoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adoolessa 8 2015

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት: ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና::/ SQ July 08, 2015

Aside

INSIGHT INFORMATION ON UNPO XII GENERAL ASSEMBLY AND OROMO LIBERATION FRONT (OLF)

Aside

UNDP UNDP2Unrepresented Nations and Peoples Organization (UNPO) held its 12th General Assembly from 2 to 4 of July 2015 in Brussels, Belgium. The first day opening ceremony was in the European parliament Building Conference Room P1C051 on the presence of some members of European parliament from different party Groups.  Four panels each of them focused on challenges and success on the rights of self- determination with different back grounds were discussed. Practical experience from Kosovo, Scotland and Catalan were presented. Additionally former president of the Flemish peace institute, Nelly Maes presented a paper on collective rights considering the Flemish quest. Dr Fiona McConnell from Oxford University presented a comprehensive on Paradiplomacy. The second and third day meeting was held in Flemish Cultural centre and Flemish parliament respectively. The General Assembly passed two resolutions: one comprehensive that values for all members and the other specific based on members’ request. Dr. Shigut Geleta presented and requested concerning the current human rights situation in Oromia.(see full text below) INSIGHT INFORMATION ON UNPO XII GENERAL ASSEMBLY AND OROMO LIBERATION FRONT

Kibba Godina Sooddoo, Walqixee Fi Bakka Garagraatti Diddaan Uummataa Itti Fufe

Aside

Adoolessa 08,2015 Walqixxee

diddaa9Godina Soddaa Walqixxee jiraattoni Takaakatu, Zoobimollaa , Fiqaaduu fi Rakkaa kan jedhaman keessa jiraatu uummanni daandii konkolaataa bakka adda addaatti cufuun shamarran, daa’imman umurii 10 olii osoo hin hafiin mormii fi diddaa sirna mootummaa Wayyaanee dhageessisuun sirnicha dura dhaabbachuutti akka hirmaatan taasisuudhaan har’a Qeerroon Sooddoo irraagabaasee jira.

Kanumaan waraanni Wayyaanee uummata naannowwan kana keessa jiraatu irrattu dhukaasa banuun beekame.Ummannis dhukaasa Wayyaanotaa kana osoo hin dheessiis gootummaan dura dhaabbatanii sirna mootummaa Wayyaanee fi filmaata sobaa gaggeefame guutuutti balaaleffataa akka turan Qeerroon gabaase.

Dubreen Oromoo Barnootaan Qaroo Taate Qalbii Sabaa Himaa Ameerikaa Hawatte

Aside

Biiftuu DureessooJuly 8, 2015

Jaallannee Gammadaa
Ijoollee Oromoo bara kana barnoota sadarkaa adda addaatiin xumuruun as Yuunaayted Isteetis keessatti eebbifaman keessaa tokko kan taate Biiftuu Dureessoo kutaa New Yoork magaalaa Raacheste keessatti kan argamu mana barnootaa sadarkaa lammaffaa “Wilson magnet High school” jedhamu keessatti qabxii ol aanaa galmeessisteen guyyaa eebba sanaatti haasaa “valedictorian” ykn haasaa guyyaa ayyaana eebbaa akka gootu filatamtee haasaa dhageessistee turte.
Jaallanneen Biiftuu Dureessoo fi kan yeroo dheeraa dhaaf maamila radiyoo sagalee Ameerikaa sagantaa Afaan Oromoo ta’an abbaa ishee obbo Jamaal Abdullaahii haasofsiistee jirti.
http://voaafaanoromoo.share.voanews.eu/externalaudio-FLRM/Audio/2852382.html

SBO Adoolessa 08,2015. Oduu, Ibsa ABO fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside