Sirni Abbaa Irree fi Gabroomfataan Wayyaanee Godina Lixa Shaggar Magaala Amboo Irraa Barattoota Ukkaamsee Hidhuu Itti Fufe.

Aside

Adoolessa 15,2015 Amboo
Because I am OromoWayyaanee EPRDF Sodaa guddaa FDG irra qabu irraa ka’uun darqaggoota Qeerroo barattoota Oromoo fi sabboontota Oromoo Adamsee hidhatti guuruu itti fufe.
Akka kanaan sabboontota barattoota Oromoo sadarkaa 2ffaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo fi sabboontota Oromoo hordofuu irratti xiyyeeffatee kan jirtu barattoota Oromoo fi sabboontota ilmaan Oromoo 7 badii tokko malee Oromummaan yakkuun Magaalaa Amboo irraa ukkamsee eessa buuteen isaanii dhabame jira. Ilmaan Oromoo badii tokko malee Oromummaan yakkamanii humna
poolisii federaalaan ukkanfaman keessa:
1.Barataa Qananisaa sarbeessaa mana barumsaa Amboo Sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa
2.Barataa Qajeelaa Galaanaa mana barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa
3.Obboo Abdataa Olaansaa jiraataa magaalaa Amboo hojii daldalaan kan jiraatu kanneen keessatti argaman badii tokko malee Oromummaan yakkamuun humna poolisii federaalaan kan ukkanfaman ta’uun ibsame jira.